[1] Kana booddees Abiishaalom konkolaataa fi fardeen, namoota fuula isaa dura kaatan shantamas in qopheeffate.
[2] Inni ganama ganama bariidhaan ka'ee, karaa karra mandarichaatti geessu bukkee dhaabatee, nama dubbii isaatiif firdii argachuudhaaf gara mootichaa dhaqu ofitti waamee,“Ati nama eessaa ti?” jedhee in gaafata; namichis,“Ani garbichi kee gosoota Israa'el keessaa kan isa tokkoo ti” jedhee in deebisaaf.
[3] Yommus Abiishaalom namichaan,“Ilaa, dubbiin kee fudhatamaa dha, qajeelaa dhas; haa ta'u iyyuu malee, namni siif dhaga'uu mooticha bira hin jiru” in jedhaan.
[4] Itti dabalees,“Biyyicha irratti abbaa firdii ta'ee utuun jiraadhee, namni dubbii qabu hundinuu firdiidhaaf yommuu ana bira dhufu, ani immoo firdii qajeelaa akka inni argatu nan godhan ture” in jedha.
[5] Namni gara isaatti dhi'aatee yommuu isaaf qoomma'u, inni immoo hiixatee harkaan ofitti isa qabee in dhungata ture.
[6] Abiishaalom Israa'eloota firdii dhugaa argachuudhaaf gara mootichaa dhufan hundumaatti amala akkasii argisiisuudhaan, garaa namoota Israa'el gara ofii isaatti in deebise.
[7] Abiishaalom dhuma waggaa afuraffaatti mootichaan,“Hadaraa! Gara Kebroon dhaqeetan wareegan Waaqayyoof wareege of irraa baasa!
[8] Ani garbichi kee biyya Aaram mandara Geshuur keessa yommuun tureen,“Waaqayyo nagaadhaan Yerusaalemitti yoo na deebise, ani isaaf nan sagada” jedhee wareege” jedhe.
[9] Yommus mootichi Abiishaalomiin,“Nagaadhaan dhaqi!” jedhe; Abiishaalomis ka'ee gara mandara Kebroon in dhaqe.
[10] Abiishaalom kana booddee, namoota dhoksaatti biyya gosoota Israa'el hundumaa keessa adeemanii,“Battala sagalee fiinoo dhageessanitti,“Abiishaalomtu mandara Kebroonitti mootii ta'e!” jedhaa!” jedhanii namootatti himan in erge.
[11] Yerusaalem keessaa immoo namoonni dhibbi lama waamamaniidhumaaf waa'ee dubbichaa homaa utuu hin beekin, garraamummaadhuma isaanii ba'anii Abiishaalomii wajjin in adeeman.
[12] Abiishaalom utuma aarsaa dhi'eessaa jiruu, Ahiitofel Giloonichatti ergee, Giloo mandara isaa keessaa in waamsise; Ahiitofel kun gorsaa Daawit mootichaa ture; akkasitti Daawit irratti korachuun ittuma in jabaate, namoonni Abiishaalom duukaa goran immoo baay'achaa in adeeman.
[13] Yeroo sana namni tokko dhufee,“Garaan namoota Israa'el Abiishaalom duukaa jira” jedhee Daawititti in hime.
[14] Daawit yommus hojjetoota isaa warra gurguddoota isaa wajjin Yerusaalem keessa turan hundumaan,“Nu keessaa namni tokko iyyuu Abiishaalom duraa ba'uu hin danda'u; kottaa, ammuma kaanee in baqanna! Inni ariifatee dhufee akka nu hin qabnetti, wanta hamaa akka nutti hin fidnetti, namoota mandarattii keessa jiraatanis billaadhaan rukutee akka hin fixnetti, dafnee in adeemna” jedhe.
[15] Yommus hojjetoonni isaa warri gurguddoonni mootichaan,“Nuyi garboonni kee waan ati gooftaan keenya mootichi fo'atte hundumaa gochuudhaaf qophaa'oo dha” jedhan.
[16] Daawit mootichi mana mootummaa akka eeganiif, saajjatoota kudhan manatti dhiisee, maatii isaa guutummaatti fudhatee in ka'e.
[17] Mootichi ba'ee in adeeme; namoonni isaa wajjin turan hundinuus isa duukaa in ba'an; isaan mana isa gara moggaatti aanu bira ga'anii in dhaabatan.
[18] Namoonni mootichaa hundinuu, kutanni loltoota mooticha eeganiis fuula isaa dura in darban; isaan kana malees, namoonni dhibbi ja'a, warri mandara Gaat keessaa isa duukaa dhufan fuula isaa dura in darban.
[19] Daawit mootichi yommus Iitaayi nama Gaatiin,“Atoo orma nama biyya keetii baafamtee dha, maaliif nuu wajjin adeemta” Deebi'ii Abiishaalom mooticha bira taa'i!
[20] Ati kaleessa biyya kana dhufte, ani ofii kootii iyyuu amma eessa akkan dhaqaa jiru hin beeku; attamittan akka ati nuu wajjin olii fi gad joortu godha ree” Namoota si duukaa dhufanii wajjin deebi'i! Nama gaarummaa fi amanamummaa sitti argisiisu hin dhabin!” jedhe.
[21] Iitaayi immoo,“Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa ti! Du'a lubbuu gooftaa koo mootichaa ti! Du'a yoo ta'e, jireenyas yoo ta'e, iddoodhuma ati gooftaan koo mootichi dhaqxu nan dhaqa” jedhee mootichaaf deebii in kenne.
[22] Daawit kana irratti Iitaayiin,“Haa ta'u! Egaa darbii adeemi!” jedhe; Iitaayi namni Gaat namoota isaa fi maatii isaa wajjin turan hundumaa wajjin darbee in adeeme.
[23] Jarri hundinuu yeroo darbanitti, mootichis immoo laga Qedroon yeroo ce'etti, warri biyyichaa guutummaatti sagalee isaanii ol fudhatanii in boo'an; namoonni darban hundinuus karaa gara lafa onaatti geessu irra in sokkan.
[24] Zaadoq lubichi, Lewwoonni hundinuus sanduuqa kakuu Waaqayyoo baatanii dhufanii, sanduuqicha lafa in kaa'an; Abiyaataar lubichi immoo hamma namoonni hundinuu mandarattii keessaa ba'anii darbanii raawwatanitti aarsaa in dhi'eesse.
[25] Mootichi kana booddee Zaadoq lubichaan,“Sanduuqa kakuu Waaqayyoo mandarattiitti deebisi! Waaqayyo faara tolaadhaan yoo na ilaale deebisee na galche, sanduuqicha, iddoo buufata isaas anatti in argisiisa.
[26] Waaqayyo garuu,“Ani sitti hin gammanne” jedhee, wanta gaarii ta'ee isatti mul'ate ana irratti yoo raawwate, ani fudhachuudhaaf qophaa'aa dha” jedhe.
[27] Mootichi itti fufee Zaadoq lubichaan,“Ati nama mul'ataan waa argu mitii ree” Ati ilma kee Ahiimaazii wajjin nagaadhaan gara mandaraatti deebi'i! Abiyaataaris ilma isaa Yonaataanii wajjin haa deebi'u! Isin lachuu ilmaan keessan lamaanii wajjin nagaadhaan deebi'aa!
[28] Ani hamman isin biraa dhaamsa argadhutti, dachaa isa gara lafa onaatti ceesisu keessan tura” jedhe.
[29] Zaadoqii fi Abiyaataar kana irratti sanduuqa kakuu Waaqayyoo mandara Yerusaalemitti deebisanii, ofii isaaniitiis achumatti in hafan.
[30] Daawit mataatti haguuggatee, miillatti kophee utuu hin kaa'atin boo'aa gara gaara ejersaatti ol in ba'e; warri isaa wajjin turan hundinuus immoo mataa isaaniitti haguuggatanii, boo'aa ol in ba'an.
[31] Namni tokko,“Ahiitofel warra Abiishaalomii wajjin koratan keessaa tokko!” jedhee Daawititti in hime; Daawit kana irratti,“Yaa Waaqayyo, ati mala Ahiitofel qopheessu gowwummaatti diddiiri!” jedhee in kadhate.
[32] Daawit iddoo itti namoonni Waaqayyoof sagadan roggee gaarichaa irra yommuu ga'e, Hushaayii namni Arkii itti adeemee isa in simate; namni kun gadda irraa kan ka'e uffata isaa tarsaasee, biyyoos mataa isaatti firfirfatee ture.
[33] Daawit immoo namichaan,“Ati anaa wajjin yoo adeemte ba'aa anatti in taata;
[34] garuu mandaratti deebitee Abiishaalomiin,“Yaa mootii, ani garbicha kee ta'ee siif nan hojjedha; ani kanaan dura garbicha abbaa keen ture; amma immoo garbicha kee ti” yoo jette, mala Ahiitofel qopheesse kan waa'ee hin baafne gootee ana in gargaarta.
[35] Amma Zaadoqii fi Abiyaataar warri luboonni achi jiru mitii ree” Egaa ati wanta mana mootummaatii dhageesse hundumaa isaanitti himi!
[36] Kunoo, ilmaan isaanii lamaan, isaanis Ahiimaaz ilmi Zaadoqii fi Yonaataan ilmi Abiyaataar, achi isaan bira jiruutii, ati wanta dhageesse hundumaa karaa isaanii akka na ga'u godhi!” jedhe.
[37] Hushaayi michuun Daawit akkuma mandara Yerusaalem ga'een, Abiishaalomis mandarichatti in gale.