[1] Daawit ilmi Iseyi, nama isa Waaqayyo inni kan Yaaqoob ol ol qabee, dibee moosisee ture; inni faarfannaa qopheessee faarfachuudhaan Israa'eloota in gammachiisa ture; dubbiin Daawit gara dhumaatti dubbate kanatti fufee jira.
[2] Inni,“Hafuurri Waaqayyoo ana keessaan in dubbate, dubbiin isaa afaan koo keessa jira.
[3] Waaqayyo inni kan Israa'el dubbateera; inni kattaa Israa'el ta'e anaan, “Namni qajeeltootti namoota bulchu, inni sodaa Waaqayyootiin in bulcha.
[4] Inni akka ifa ganamaa ti, akka biiftuu yeroo duumessi hin jirre haleelee ifuu ti, akka ifa aduu isa erga bokkaan roobee caamee lafa keessaa marga biqilchuu tis” jedhe.
[5] “Manni koo Waaqayyo biratti akka kanatti in ilaalama mitii ree” Inni kakuu bara baraa anaaf galeera, waan hundumaa toora galchee jabeessee isa in eega; egaa Waaqayyo fayyina koo fi fedha koo hundumaa fiixaan anaaf in baasa mitii ree”
[6] Namoonni warri Waaqayyoon akka waan gatii hin qabneetti ilaalan garuu, akka qoraattii isa namni harkaan walitti qabuu hin dandeenyetti bakkeetti in gatamu.
[7] Namni sibiilaa fi somaa eebootiin qoraattii walitti in qaba, qoraattichis iddoodhuma jirutti ibiddaan in gubama” jedhe.
[8] Maqaan loltoota Daawit warra jajjaboo kanatti fufee jira; inni duraa Yosheb-Baashebet Takmoonticha dura-buutuu warra sadanii ti; inni lola tokkicha keessatti eeboo isaatiin nama dhibba saddeet in fixe.
[9] Inni lammaffaan Ele'azaar ilma Dodoo Ahohichaa ti; inni loltoota warra jajjaboo sadan keessaa tokko ture; warri sadan kun yeroo Filisxeemota warra lolaaf walitti qabaman toosisanitti, namoonni Israa'el gara booddee isaanii in deebi'an; Ele'azaar garuu Daawit biratti in hafe.
[10] Inni ka'ee hamma irreen isaa butututti, hamma harki isaa billaatti goguttis Filisxeemota in rukute; gaafas Waaqayyo mo'icha guddaa isaa in kenneef; loltoonni warri kaan gara isaatti yeroo deebi'an garuu, mi'a warra ajjeefamanii saamuu irraa kan hafe hin lolle.
[11] Inni sadaffaan Shamaa ilma Aagee Haraarichaa ti; yeroo Filisxeemonni maasii misirri baay'een irra jiru keessatti lolaaf walitti qabamanitti Israa'eloonni isaan duraa in baqatan.
[12] Shamaan garuu maasii sana keessa iddoo qabatee Filisxeemota rukutee maasicha irraa in deebise; Waaqayyos mo'icha guddaa in kenneef.
[13] Yeroo makara midhaaniitti loltoonni Filisxeemotaa dachaa Refaa'iim keessa buufatanii utuu jiranii, loltoota dura-buutuu ta'an soddomman keessaa sadii Daawit bira gara holqa isa Adulaamitti dhi'oo jiru in dhaqan.
[14] Yommus Daawit masaraa keessa ture, loltoonni Filisxeemotaa immoo Betlihem keessa buufatanii turan.
[15] Daawit bishaan dhuguu kajeelee,“Eenyutu boolla karra kellaa Betlihem bukkee jiru keessaa bishaan dhugaatii budduqsee anaaf fida laata!” jedhe.
[16] Loltoonni jajjaboonni sun sadan buufata loltoota Filisxeemotaa gidduu ba'anii, boolla karra kellaa Betlihem bukkee jiru sana keessaa bishaan budduqsanii Daawitiif in fidan; Daawit garuu bishaanicha akka kennaatti Waaqayyoof dhangalaase malee, dhuguu hin barbaanne.
[17] Kanaafis inni,“Yaa Waaqayyo, kana gochuu ana irraa fageessi! Kun dhiiga namoota lubbuu isaanii gurguranii dhaqanii ti mitii ree?” jedhe; bishaanicha fidaniif kanas dhuguu hin barbaanne; wanti loltoonni jajjaboonni sadan kun hojjetan kana ture.
[18] Abiishaayi obboleessi Yo'aab inni Zeruyaan deesse immoo dura-buutuu warra sadan sanaa ture; innis eeboo isaa butatee namoota dhibba sadii in fixe; warra sadan keessattis maqaa in godhate.
[19] Inni warra hafan soddomman caalaatti ulfina guddaa waan qabuuf, ajajjuu isaanii in ta'e; haa ta'u iyyuu malee, akka warra kaan sadanii beekamaa hin turre.
[20] Benaayaan ilmi Yehoyaadaa namni biyya Kabzii'el loltuu jabaa, nama hojii gurguddaa hojjetes ture; inni namoota Mo'aab warra akka leencaa lama in ajjeese; gaaf tokkos cabbii keessa boolla tokko keessa lixee, leenca tokko ajjeeseera.
[21] Kana malees, nama biyya Gibxii isa baay'ee dheeraa tokko in ajjeese; namichi Gibxii kun eeboo in qabata ture; Benaayaan immoo ulee qabatee bira ga'ee eeboo namichaa harka isaa keessaa butee, isumaan namicha Gibxii sana in ajjeese.
[22] Benaayaan ilmi Yehoyaadaa kana gochuu isaatiin loltoota jajjaboo sana sadan biratti beekamaa in ta'e.
[23] Kanaanis inni warra soddomman sana caalaatti ulfina in argate, garuu akka warra kaan sadanii hin turre; Daawit immoo warra isa eegan irratti gaafatamaa isa in godhate.
[24] Warra soddommanii keessaa maqaan isaanii kan caafame kanatti aananii jiru; isaanis, Asaahel obboleessa Yo'aab, Elhaanaa ilma Dodoo nama mandara Betlihem.
[25] Shamaa Harodicha, Eliiqaa Harodicha;
[26] Helez Phalticha, Iiraa ilma Iqeesh nama mandara Teqo'aa,
[27] Abii'ezer nama mandara Aanaatot, Mebunaa'i Hushaaticha,
[28] Zalmoon Ahohicha, Maharaa'i Netoficha;
[29] Heled ilma Ba'anaa Netofichaa, sanyii Beniyaamin keessaa Iitaayi ilma Rebaayi nama mandara Giibe'aa,
[30] Benaayaan Phiiraatonicha, dachaa Ga'aash keessaa Hiidaayi,
[31] Abii-Alboon Aarbataahicha, Azmaawet Barhumicha.
[32] Ilmaan Yaashen keessaa Eliyaabaa Sha'albonicha,
[33] Yonaataan ilma Shamaa Haraarichaa, Ahii'aam ilma Shaaraar Haraarichaa,
[34] Eliifelex ilma Ahasbaayi Ma'akaatichaa, Elii'aam ilma Ahiitofel Giloonichaa,
[35] Hezroo Qarmelosicha, Pha'iiraayi Arbaa'icha,
[36] Zobaadhaa Iigaal ilma Naataan, Baanii Gaadicha,
[37] Zeleq Amoonicha, Naharaayi Berooticha isa mi'a lolaa Yo'aab baatu, Yo'aab kana Zeruyaatu da'e,
[38] Iiraa Itricha, Gaareb Itricha;
[39] Uriiyaa Heeticha; isaan kun walumatti nama soddomii torba turan.