Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:59

[1] Yeroo sana gosa Beniyaamin keessaa ilmi Biikrii namni gatii hin qabne tokko achi ture; maqaan isaa “Sheebaa” jedhama; inni fiinoo afuufee, “Nuyi Daawitii wajjin qooda wal biraa hin qabnu, ilma Iseyi biraa dhaala hin qabnu; yaa namoota Israa'el, hundumti keessan gara mana mana keessaniitti deebi'aa!” jedhee in labse.

[2] Kana irratti namoonni Israa'el hundinuu Daawit duukaa bu'uu dhiisanii, gara Sheebaa ilma Biikrii in goran; namoonni Yihudaa garuu Yordaanosii ka'anii hamma Yerusaalemitti iyyuu mootii isaaniittii gargar hin baane.

[3] Daawit mandara Yerusaalemitti gara mana mootummaa isaatti yommuu deebi'e, saajjatoota kurnan warra manicha akka eeganiif dhiise sana achii fuudhee, mana eegumsa qabutti isaan galchee, achitti nyaata isaan barbaachisu akka argatan godhe malee, isaan bira hin geenye; isaan guutummaa bara jireenya isaanii iddoo kophaatti eegamanii, akka dubartii abbaan manaa irraa du'eetti in jiraatan!

[4] Mootichi ergasii Amaasaadhaan,“Namoonni Yihudaa guyyaa sadii gidduutti gara koo akka dhufaniif anaaf waami! Atis ofii keetii asitti argami!” jedhe.

[5] Amaasaan yommus namoota Yihudaa waamuudhaaf in dhaqe; haa ta'u iyyuu malee, guyyaa isaaf kenname irra darbee in ture.

[6] Daawit mootichi kana irratti Abiishaayiin,“Sheebaa ilmi Biikrii kun Abiishaalom caalaa wanta hamaa nu irratti hojjechuuf jedha; akka inni mandaroota masaraa qabanitti lixee ija keenya duraa hin miliqnetti, amma namoota koo fudhadhuutii duukaa bu'ii ari'i!” jedhe.

[7] Yommus namoonni Yo'aab akkasumas warri mooticha eeganii fi loltoonni jajjaboonni hundinuu Sheebaa ilma Biikrii duukaa bu'anii ari'uudhaaf, geggeessaa Abiishaayiin Yerusaalemii in ba'an.

[8] Isaan kattaa guddaa isa Giibe'on keessa jiru bira yommuu ga'an, Amaasaan isaan in simate; Yo'aab uffata lolaa uffatee, billaa mann'ee isaa keessa jiru mudhii isaatti hidhatee ture; utuu Yo'aab gara isaatti adeemaa jiruu, billichi mann'ee isaa keessaa in bu'e.

[9] Yo'aab yommusuma Amaasaadhaan,“Obboleessa ko! Attam jirta” Nagaa kee tii?” jedhee, akka waan isa dhungatuu fakkeessee, harka isaa mirgaatiin areeda isaa qabate.

[10] Amaasaan garuu billaa harka Yo'aab keessa jiruttii of hin eegganne; Yo'aab billaa of harkaa qabu sanaan garaa Amaasaa waraanee, mar'umaan isaa lafatti gad in jigse; Amaasaan utuu lammaffaa hin waraanamin, in du'e; kana booddee Yo'aab, Abiishaayi obboleessi isaas Sheebaa ilma Biikrii duukaa bu'anii in ari'an.

[11] Namoota Yo'aab keessaa tokko reeffa Amaasaa bira dhaabatee,“Namni Yo'aabin jaallatu, kan Daawit kan ta'e hundinuu Yo'aab duukaa haa goru!” jedhee labse.

[12] Yeroo kana Amaasaan karaa walakkaa, dhiiga ofii isaatii keessa in ciisa ture; namichi sunis loltoonni hundinuu reeffa Amaasaa bira ga'anii akka dhaabatan in arge; achi dhaabachuu isaanii yommuu hubate, reefficha karaa keessaa gara maasiitti harkisee, wayyaa tokko isa irra in buuse.

[13] Reeffi Amaasaa karaa irraa erga fuudhamee booddee, loltoonni hundinuu Yo'aabii wajjin Sheebaa ilma Biikrii duukaa bu'anii ari'uudhaaf in darban.

[14] Sheebaan garuu guutummaa biyya gosoota Israa'el keessa ba'ee gara mandara Abeel Bet-Ma'akaatti in darbe; warri isa fo'atan hundinuu walitti qabamanii, isa duukaa mandarattiitti ol in galan.

[15] Loltoonni warri Yo'aabii wajjin turan hundinuu dhufanii, mandara Abeel Bet-Ma'akaa isa Sheebaan keessa jirutti in marsan; kana booddee koobii ol kaasanii karaa alaa masarichatti hojjetanii kellaa mandarichaa jigsuudhaaf immoo jala isaa in qotan.

[16] Yommus dubartii beektuun tokko mandara sana keessaa gad lallabdee, jaraan,“Mee dhaga'aa! Dhaggeeffadhaa!“Wantan sitti dubbadhun qabaa, hadaraa as kottu!” jettee jedhaatii Yo'aabitti anaaf himaa!” jette.

[17] Yommuu inni gara isheetti dhi'aate,“Ati Yo'aabii?” jettee isa in gaafatte; inni immoo deebisee,“Eyyee, ani Yo'aab” jedhe; dubartiin sunis,“Wanta ani garbittiin kee sitti himu dhaggeeffadhu!” jetteen; innis,“Haa ta'u nan dhaggeeffadha” jedheen.

[18] Itti fuftees,“Bara durii namoonni,“Gorsa yoo barbaaddan, Abeel dhaqaa!” in jedhu turan; akkasitti dubbii isa qaban in raawwatu turan.

[19] Biyya Israa'el keessaa nuyi namoonni mandara kanaa naga-qabeeyyii dha, amanamoo dhas; ati garuu mandara ishee biyya Israa'el keessatti akka haadhaatti ilaalamtu kana balleessuudhaaf yaalaa jirta; maaliif dhaala Waaqayyo nuuf kenne barbadeessuu barbaadda?” jette.

[20] Yo'aab immoo deebisee,“Barbadeessuun, balleessuunis anattii haa fagaatu!

[21] Dubbichi akkas miti; Sheebaa Biikrii kan jedhamu nama biyya gaaraa isa kan Efreem tokkotu Daawit mooticha irratti ka'e; isin nama kana dabarsitanii yoo kennitan, ani mandara kana irraa nan deebi'a” jedhe; dubartiin sun yommus Yo'aabiin,“Kunoo, mataan isaa masaraa irraan gad siif in darbatama!” jette.

[22] Dubartittiin namoota mandarattii hundumaa bira dhaqxee, ogummaa isheetiin tole isaan in jechisiifte; isaan kana irratti mataa Sheebaa ilma Biikrii kutanii, masara irraan Yo'aabitti in darbatan; kana irratti Yo'aab, loltoonni sun mandarattii irraa akka deebi'aniif fiinoo in afuufe; jarris mandarattii irraa deebi'anii gara mana mana isaaniitti in galan; Yo'aabis gara mootichaatti Yerusaalemitti in deebi'e.

[23] Yo'aab guutummaa Israa'el irratti ajajaa humna waraanaa ti; Benaayaan ilmi Yehoyaadaa ajajaa warra mooticha eeganii ti.

[24] Adoniiraam itti gaafatamaa warra giddisiifamanii hojii humnaa hojjetanii ti; Yoshaafaax ilmi Ahiilud immoo itti gaafatamaa caaffata mana mootummaa ture;

[25] Shewaan caafaa ture; Zaadoqii fi Abiyaataar luboota turan;

[26] Iiraa Yaa'irichi immoo luba Daawit ture.

Macaafa Saamu'el Isa Lammaffaa — Chapters