Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:04

[1] Daawit yeroo Waaqayyo harka diinota isaa hundumaa, harka Saa'olis isa oolchetti, sagalee kanatti fufee jiruun Waaqayyoon in faarfate.

[2] Inni,“Waaqayyo kattaa koo, masaraa koo, oolchaa koo tis;

[3] Waaqayyo koo da'oo dhagaa, isa ani kooluu itti galuu dha; inni gaachana koo, isa akka gaanfaa fayyina koof faccisu, inni iddoo dhokannaa koo isa ol jedhaa dha; inni anaaf iddoo kooluu itti galanii dha; yaa fayyisaa ko, ati namoota humnaan nama irratti ka'an ana in oolchita.

[4] “Waaqayyoon isa jajamaa nan waammadha, inni immoo harka diinota koo na oolcha.

[5] Hursaan du'aa na marse, dha'aan bishaan badiisaas na naasise.

[6] Hidhaan qilee na xaxan, futaasaan du'aas na qabatan.

[7] Rakkina koo keessatti Waaqayyoon nan waammadhe, gargaarsaaf Waaqayyo koottan iyyadhe; inni yommus mana qulqullummaa isaa keessaa sagalee koo dhaga'e, gargaarsaa fi iyyuun koos gurra isaa bira anaaf in ga'e.

[8] “Yommus lafti rom'itee tochoote, sababii aariin isaa boba'eefis hundeen bantiiwwan waaqaa hurgufamanii in raafaman.

[9] Funyaan isaa keessaa aarri, akkasumas afaan isaa keessaa ibiddi xaph godhu in ba'e; barbadaa giimiin isa biraa boba'e.

[10] Inni bantiiwwan waaqaa gugguufsisee gad bu'e, duumessi dukkanaa'aan miillan isaa jala ture.

[11] Inni Kiruub irra taa'ee in balali'e, baalleewwan qilleensaatiinis shuf jedhee dhufe.

[12] Inni naannoo isaatti dukkanni akka golgu godhe, duumessa dukkanaa'aa bishaan keessa guutes godoo isaa godhate;

[13] calaqqisa fuula isaa dura jiru keessaa immoo, barbadaa giimiin in gube.

[14] “Waaqayyo bantiiwwan waaqaa keessaa qaqawweessa'e, aabba inni hundumaa gararraa jiru sagalee isaa in dhageessise.

[15] Inni xiyya gad dhiisee diinota bittimse, balaqqeessa bakakkaatiinis gara itti goran, isaan in wallaalchise.

[16] Dheekkamsa Waaqayyootiin, rukuttaa aara funyaan isaa keessaa ba'eetiinis, maniin bishaanotaa in mul'atan, hundeewwan biyya lafaas qullaatti in baafaman.

[17] “Inni ol gararraadhaa gad hiixatee na qabe, bishaan gurguddaa keessaa harkisee na baase.

[18] Inni harka diina koo isa jabaa, akkasumas harka warra na jibbanii humnas ana caalanii na oolche.

[19] Isaan yeroo rakkinni ana irra ga'etti, ana irratti lafa dha'an; Waaqayyo garuu irkoo koo ture.

[20] Inni gara iddoo bal'aatti na baase, waan anatti gammadeefis na oolche.

[21] “Waaqayyo akka qajeelummaa kootti kana anaaf godhe, akka qulqullina harka koottis dugda anaaf in deebise.

[22] Ani karaa Waaqayyoo duukaa bu'eera, jal'inaanis Waaqayyo koottii gargar hin baane.

[23] Abboommiin isaa hundinuu fuula koo dura turan, tumaa isaas hundumaa of irraa hin bunne.

[24] Ani isatti hin balleessine, yakka hojjechuuttiis of nan eege.

[25] Waaqayyo immoo akka ani qajeelaa ta'ee mul'adhetti, akka ani ija isaa duratti qulqulluu ta'ee argamettis, dugda anaaf in deebise.

[26] “Yaa Waaqayyo, nama gaarummaa argisiisutti, atis gaarummaa in argisiifta; nama hin balleessinetti, atis hin balleessitu.

[27] Isa of qulleessutti ati ofii keetii qulqullaa'aa ta'uu kee in mul'ifta. Nama micciiramaa immoo akka micciiramummaa isaatti qabuu kee itti in mul'ifta.

[28] Ati saba gad qabamaa in oolchita, warra mataa irra-keessa qabatanii adeeman immoo lafa in ilaalchifta.

[29] Yaa Waaqayyo, ati ibsaa koo ti, Waaqayyo koo dukkana koo in ibsa.

[30] Eyyee, ani siin kutata loltuu diinaatti nan bu'a, Waaqayyo kootiinis gelaa irra iyyuu nan utaala.

[31] Waaqayyo kun, karaan isaa mudaa hin qabu, dubbiin isaa dhugaa ta'uu isaa amansiiseera; Waaqayyo warra isatti kooluu galan hundumaaf gaachana.

[32] “Goofticha malee Waaqayyo eenyu ree” Waaqayyo keenya malees kattaa jabaan eenyu ree”

[33] Waaqayyo kun, isa mudhii koo humnaan hidhachiise, isa karaan koo mudaa akka hin qabaanne godhee dha.

[34] Inni miilla koo ariifataa akka miilla biichee anaaf godhe; kaarra gubbaas ana in dhaabachiise.

[35] Irreen koo iddaa sibiila boorrajjii akka dabsutti, inni harka koo lola in barsiise.

[36] Gargaarsa kee gaachana gootee anaaf laatte, anatti gad dhi'aachuun kees na guddise.

[37] Tarkaanfii miilla kootiif ana jalatti iddoo bal'aa anaaf laatte, gulubiin koos ana jala gara hin galle.

[38] “Ani diinota koo ari'ee isaan nan balleesse, hamma isaan dhumanittis ani gara booddeetti hin deebine.

[39] Akka isaan deebi'anii hin kaanettis, ani rukutee isaan nan caccabse; isaanis miilla koo jalatti in kufan.

[40] Ati lola sanaaf mudhii koo humnaan hidhachiifteetta, warri ana irratti ka'anis na jalatti akka gombifaman gooteetta.

[41] Ati, diinonni koo dugda duuba deebi'anii akka ana baqatan in goote; anis warra ana jibban nan balleesse.

[42] Isaan gargaarsaaf asii fi achi ilaalan, garuu tokko illee kan isaan gargaaru hin turre; gara Waaqayyoottis in iyyan, inni garuu isaaniif hin deebifne.

[43] Ani akka awwaara lafaatti isaan nan bulleesse, isaan caccabsee akka dhoqqee karaa keessaatti isaan irra nan ejjedhe.

[44] “Ati wal loluu saba koo keessaa ana baafte; saba warra kaaniifis mataa akkan ta'u gooteetta; namoonni saba ani hin beeknees anaaf in hojjetan.

[45] Warri ormaa afaaniin anatti kuulaa in dhufan; waa'ee koo gurrumaan dhaga'uudhaan anaaf abboomaman.

[46] Warri ormaa dadhabanii, rom'aa iddoo cufatanii taa'an keessaa ba'an.

[47] Waaqayyo jiraataa dha! Kattaan koo jajamaa dha! Waaqayyo kattaa koo ti, fayyina koo tis, inni ol ol haa qabamu!

[48] Waaqayyo inni ijaa baasuu anaaf kenne, saba warra kaanis harka koo jala galche.

[49] Harka diinota kootii keessaa immoo na baase; eyyee, ati warra na irratti ka'an gararraatti ol na qabdeetta; namoota humna anatti argisiisan harkaas na butatteetta.

[50] Kanaaf yaa Waaqayyo, saba hundumaa keessatti sin jajadha, faarfannaa galataatiinis maqaa kee nan faarfadha.

[51] Waaqayyo isa ofii isaatii moosiseef fayyina guddaa in kenna; Daawit isa ofii isaatii dibetti, sanyii isaattis bara baraan gaarummaa isaa in argisiisa” jedhe.

Macaafa Saamu'el Isa Lammaffaa — Chapters