Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:11

[1] Kana booddee gosoonni Israa'el hundinuu Kebroonitti Daawit bira dhufanii,“Kunoo, nuyi dhiiga kee ti, foon kee tis;

[2] yeroo darbetti, utuma Saa'ol mootii keenya ta'ee jiruu iyyuu, Israa'eloota gara duulaatti bobbaasee kan galchu si ture; Waaqayyos,“Saba koo Israa'elin situ geggeessa, situ isaan bulchas” siin jedheera” ittiin jedhan.

[3] Jaarsoliin Israa'el hundinuu Kebroonitti Daawit mooticha bira yommuu dhufan, Daawit isaanii wajjin fuula Waaqayyoo duratti kakaadhaan walii gale; isaanis Israa'el irratti mootii akka inni ta'uuf isa in diban.

[4] Daawit yommuu mootii ta'e, nama waggaa soddomaa ture; waggaa afurtama immoo in mo'e.

[5] Inni Kebroon keessa taa'ee, waggaa ja'aa fi ji'a ja'a Yihudaa irratti in mo'e; Yerusaalem keessa taa'ee, waggaa soddomii sadii guutummaa Israa'el irratti, guutummaa Yihudaa irrattis in mo'e.

[6] Yommus Daawit mootichi namoota isaa wajjin Yibusoota mandara Yerusaalem keessa jiraatan loluudhaaf itti in duule; Yibusoonni immoo,“Daawit mandara kana mo'ee qabachuu hin danda'u” jedhanii waan yaadaniif,“Ati asitti hin galtu, warri jaamaanii fi warri naafti iyyuu of irraa si in deebisu” ittiin jedhan;

[7] haa ta'u iyyuu malee, Daawit masaraa Xiyoon in qabate; iddoon kun ergasii“Mandara Daawit” jedhamtee beekamte.

[8] Gaafas Daawit namoota isaatiin,“Namni Yibusoota warra naafa, warra jaamaa, warra ani ijumaan arguu jibbu kana rukutuu barbaadu karaa jal'isii bishaanii haa ba'u!” jedhe; kanaaf namoonni boodana,“Warri jaamaanii fi warri naafti mana qulqullummaatti ol hin galan!” jedhan.

[9] Yommus Daawit masaraa isa qabate sana keessa in jiraate; kanaaf iddoo kana,“Mandara Daawit” jedhee moggaase; inni lafa “Miiloo” jedhamu kaasee gara keessaatti masaraa mandaraa jabeessee in ijaare.

[10] Waaqayyo gooftaan maccaa isaa wajjin waan tureef, Daawit ittuma fufee jabaachaa in adeeme.

[11] Yeroo kana Hiiraam mootiin Xiiros dhaabaa muka gaatirraa, namoota muka soofanii fi namoota dhagaadhaan mana ijaaran namoota isaatii wajjin Daawitiif in erge; isaanis mana mootummaa in ijaaraniif.

[12] Daawit saba Israa'el irratti mootii akka ta'uuf Waaqayyo isa in cimse; saba isaa Israa'eliif jedhees mootummaa isaa in guddise; Daawitis kana in hubate.

[13] Daawit mandara Kebroon dhiisee Yerusaalemitti erga galee booddee, achitti saajjatootaa fi dubartoota dabalee in fuudhe; dabalees ilmaanii fi intaloota in godhate.

[14] Maqaan ilmaan isaa warra inni Yerusaalemitti godhatee kanatti fufee jira; isaanis Shaamuwaa, Shobaab, Naataan, Solomoon,

[15] Yiibhaar, Eliishuwaa, Nefeg, Yaafii'aa,

[16] Eliishaamaa, Eliyaadaa fi Eliifelex turan.

[17] Daawit dibamee guutummaa Israa'el irratti moosifamuu isaa warri Filisxeem yommuu dhaga'an, hundumti isaanii isa qabachuudhaaf ol in ba'an; Daawit immoo kana dhaga'ee, gara iddoo da'oo jabaa qabutti gad in bu'e.

[18] Filisxeemonni yommus dhufanii dachaa Refaa'iim keessa tamsa'anii iddoo in qabatan.

[19] Yommus Daawit,“Warra Filisxeem kanatti duuluu” Ati harka koo keessa isaan in buuftaa?” jedhee Waaqayyoon in gaafate; Waaqayyo immoo,“Ani raawwadhee Filisxeemota harka kee keessa buuseeraatii, itti duuli!” jedheen.

[20] Daawitis gara Ba'aal-Pheraaziim dhaqee, achitti Filisxeemota rukutee in mo'e; kanaafis Daawit,“Akkuma bishaan manii isaa cabsee yaa'u akkasuma Waaqayyo fuula koo duraa diinota koo in caccabse” jedhe; kana irratti maqaa iddoo sanaa “Ba'aal-Pheraaziim” jedhee in moggaase; [“Ba'aal-Pheraaziim” jechuun “Waaqayyo caccabsaa dha” jechuu dha.]

[21] Warri Filisxeemis waaqayyolii tolfamoo isaanii achitti dhiisanii in baqatan; Daawitii fi namoonni isaa waaqayyolii sana fuudhanii in adeeman.

[22] Filisxeemonni ammas Daawititti duuluudhaaf deebi'anii dachaa Refaa'iim keessa tamsa'anii iddoo in qabatan.

[23] Yommus Daawit ammoo Waaqayyoon in gaafate; innis deebiseefii,“Kallattiidhaan isaanitti ol hin ba'in, karaa fuullee mukkeetii qilinxoo naanna'iitii dugda isaanii duubaan isaanitti dhaqii isaan rukuti!

[24] Sagalee faana duulaa bantii qilinxoowwan sana irraa yommuu dhageessu, ani Waaqayyo loltoota Filisxeemotaa rukutuudhaaf fuula kee dura bu'uu koo waan ta'eef, garaa kutadhuutii itti ka'i!” jedhe.

[25] Daawit akkuma Waaqayyo isa abboome in godhe; inni Giibe'onii kaasee hamma Gezeritti loltoota Filisxeem duukaa bu'ee in rukute.

Macaafa Saamu'el Isa Lammaffaa — Chapters