Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:05

[1] Bara mootummaa Daawit keessa walumatti aansee waggaa sadii beela jabaatu ture; Daawit kana irratti Waaqayyoon in barbaaddate; Waaqayyo immoo,“Beelli kun sababii Saa'ol namoota Giibe'on ajjeesisee, inni, maatiin isaas warra gumaa ta'aniif dhufe” jedhe.

[2] Namoonni Giibe'on haftee Amoorotaa ti malee, sanyii Israa'el miti; Israa'eloonni namoota kana akka hin tuqne isaaniif kakatanii turan; Saa'ol garuu namoota Israa'elii fi namoota Yihudaatiifis yaadee waan hinaafeef, namoota Giibe'on lafa irraa balleessuu in barbaade; Daawit mootichi immoo namoota Giibe'on waamsisee,

[3] “Araara buuftanii, saba dhuunfaa Waaqayyoo akka eebbiftaniif, maal isiniif godhu?” jedhee isaan in gaafate.

[4] Namoonni Giibe'on immoo,“Nuyi meetii yookiis warqee Saa'ol irraa yookiis maatii isaa irraa fudhachuu, namoota Israa'el keessaas tokko illee ajjeesuu hin barbaannu” jedhanii mootichaaf in deebisan; kana irratti mootichi,“Egaa maal akkan isiniif godhu feetu ree?” jedhee isaan in gaafate.

[5] Isaan immoo deebisanii mootichaan,“Saa'ol nu fixee, guutummaa biyya Israa'el keessaa iddoo tokkotti illee hafnee akka nuyi hin jiraanneef, nu balleessuu yaadee mala nutti in qopheesse.

[6] Kanaaf ilmaan Saa'ol keessaa torba nuuf haa kennaman! Nuyi immoo Giibe'aa mandara Saa'ol isa Waaqayyo fo'ate keessatti fuula Waaqayyoo duratti isaan in rarraafna!” jedhan; mootichis,“Akka isaan isiniif kennaman nan godha!” jedhe.

[7] Haa ta'u iyyuu malee, sababii Daawitii fi Yonaataan ilmi Saa'ol maqaa Waaqayyootiin waliif kakataniif, Daawit mootichi Mefii-Bosheet ilma Yonaataan Saa'ol in hambise.

[8] Mootichi yommus Armonii fi Mefii-Bosheet warra Riizphaan intalli Ayyaa Saa'oliif deesse lamaan akkasumas ilmaan Adrii'el ilma Baarzilaayi Meholaatichaa warra Meraab intalli Saa'ol deesse shanan in qabsiise;

[9] ergasii dabarsee harka namoota Giibe'onitti isaan in kenne; namoonni Giibe'on immoo tulluu irratti fuula Waaqayyoo duratti isaan rarraasanii in ajjeesan; torbanuun isaanii yeroodhuma tokkicha, ji'a makarii midhaanii keessa, yeroo garbuun haamamuu jalqabutti in dhuman.

[10] Yommus Riizphaan intalli Ayyaa uffata gaddaa fuutee iddoo reeffi warra ajjeefamanii jiru bira kattaa irra afattee, yeroo makara midhaaniitii jalqabdee hamma bokkaan reeffa isaanii irratti roobutti achi teesse; guyyaa allaattonni qilleensa keessa balali'an, halkan immoo bineensonni caakkaa reeffa isaaniitti akka hin buune in goote.

[11] Daawit mootichi Riizphaan intalli Ayyaa saajjatoon Saa'ol kana gochuu ishee in dhaga'e.

[12] Kana irratti dhaqee lafee Saa'olii fi lafee Yonaataan ilma Saa'ol namoota Yaabesh-Giil'aad irraa in fudhate; Filisxeemonni tulluu Giilbo'aa irratti Saa'olin rukutanii ajjeesanii reeffa isaa, reeffa ilma isaas walga'ii karaa mandara Bet-Shaan keessatti rarraasanii turan; namoonni Yaabesh-Giil'aad garuu dhokatanii reeffa isaanii fudhatanii in sokkan.

[13] Daawit immoo lafee Saa'olii fi lafee Yonaataan ilma Saa'ol akkasumas immoo lafee warra rarraafaman torban sanaa walitti sassaabsisee in fide.

[14] Namoonni tokkos lafee Saa'olii fi lafee Yonaataan ilma isaa biyya gosa Beniyaaminitti geessanii, Zelaat iddoo awwaala Qiish abbaa Saa'olitti in awwaalan; wanta mootichi isaan abboome hundumaas in hojjetan; kana booddees Waaqayyo kadhata warri biyyichaa kadhatan in dhaga'eef.

[15] Ammas immoo Filisxeemotaa fi Israa'eloota gidduu lolatu ture; Daawitii fi loltoonni isaa gad bu'anii Filisxeemota in rukutan; Daawit utuu loluu dadhabbiin itti in dhaga'ame.

[16] Namni“Ishbii-Benoob” jedhamu tokko sanyii Refaa'otaa warra dhedheeroo keessaa achi ture; inni eeboo sibiila boorrajjii irraa hojjetame, qarri isaa akka kiilo graamii sadii fi walakkaa ulfaatu qabatee, billaa haaraas hidhatee ture; namichi kun,“Daawitin nan ajjeesa!” jedhee in dubbate.

[17] Abiishaayi inni Zeruyaan deesse garuu Daawitin gargaaree, Filisxeemicha sana rukutee in ajjeese; namoonni Daawit yommus,“Ati ibsaa Israa'el waan taateef, akka hin badnetti, si'achi nuu wajjin lolaaf hin baatu!” jedhanii Daawitiif in kakatan.

[18] Xinnoo takka turee iddoo “Gob” jedhamutti Filisxeemotaa wajjin lola walitti in kaasan; yommus Siibekaayi Hushaatichi namicha “Saaf” jedhamu sanyii warra Refaa'otaa dhedheeroo keessaa tokko isa ture in ajjeese.

[19] Ammas immoo Gob kanatti lola kan biraa Filisxeemotaa wajjin wal lolan keessatti, Elhaanaan ilmi Yaa'aree-Oreegiim Betlihemichaa, Goliyaad nama sanyii Gaat tokko in ajjeese; Goliyaad kun eeboo soomaan isaa hamma muka wayya-dhooftuun wayyaa itti maratu ga'u qaba ture.

[20] Akkasumas immoo lolli kan biraa Gaatitti ta'ee ture; lola kana keessa nama baay'ee guddaa harki isaa lamaanii fi miilli isaa lamaan quba ja'a ja'a, walumatti quba digdamii afur qabu tokkotu ture; innis immoo sanyii Refaa'otaa warra dhedheeroo keessaa ture.

[21] Namichi kun saba Israa'elitti yeroo ga'isetti, Yonaataan ilmi Shimi'aa obboleessa Daawit isa in ajjeese.

[22] Jarreen arfan warri Daawitii fi loltoota isaatiin ajjeefaman kun Gaat keessa kan jiraatan sanyii Refaa'otaa warra dhedheeroo turan.

Macaafa Saamu'el Isa Lammaffaa — Chapters