Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:21

[1] Minaaseen dhalatee waggaa kudha lamatti mootii ta'ee, Yerusaalem keessa taa'ee waggaa shantamii shan mo'e.

[2] Inni amala saba lafa irraa warra Waaqayyo Israa'eloota duraa oofee baasee duukaa bu'ee, wanta ciiggaasisaa gochuu isaatiin fuula Waaqayyoo duratti hamaa in hojjete.

[3] Iddoowwan ol ka'oo irratti lafa waaqayyolii tolfamoodhaaf itti sagadan isa Hisqiyaas abbaan isaa diigee ture deebisee in ijaare; Ba'aaliifis iddoowwan aarsaa ijaaree, waaqayyittii tolfamtuu“Asheeraa” jedhamtuufis immoo bifa fakkeenyaa tolchee, macca bantiiwwan waaqaa keessa jiraniif in sagade, isaaniifis in hojjete.

[4] Kana malees Yerusaalemitti mana qulqullummaa lafa Waaqayyo,“Maqaan koo bara baraan keessa in jiraata” jedhe keessatti iddoowwan aarsaa kan biraa in ijaare.

[5] Itti dabalees oobdii mana qulqullummaa sanaa lamaanuu keessatti macca bantiiwwan waaqaa keessa jiran hundumaaf iddoowwan aarsaa in ijaare.

[6] Inni dachaa ilma Hiinom keessatti ilmaan isaa ibiddaan gubee aarsaa in dhi'eesse; qaallota, warra hooda dubbatan, eker-dubbiftuu, namoota duumessa ilaalanii ayyaana hedan, warra qoricha namatti godhan in gaafatate; akkasitti wanta hamaa baay'ee hojjechuu isaatiin dheekkamsa Waaqayyoo of irratti in fide.

[7] Inni bifa waaqayyolii tolfamoo hojjechiisee ture sana fuudhee, mana qulqullummaa keessa in kaa'e; manni qulqullummaa kun isa Waaqayyo Daawitiin, ilma isaa Solomooniinis,“Yerusaalem keessaa manni kun isa maqaan koo bara baraan keessatti akka waamamuuf dhaala gosoota Israa'el hundumaa keessaa ani fo'adhee dha;

[8] abboommii, seerrataa fi wanta ana duratti qajeelaa ta'e isa karaa Musee isaaniif kenname hundumaa akkan isaan abboometti Israa'eloonni ba'eessa godhanii yoo eegan, ani immoo deebi'ee biyya ani abboota keessaniif kenne keessaa akka isaan ba'an hin godhu” jedhe.

[9] Minaaseen mootichi garuu namoota Yihudaa fi namoota Yerusaalem karaa irraa waan kaachiseef, isaan saba lafa irraa warra Waaqayyo fuula guutummaa Israa'elootaa duraa balleesse caalaa waan hamaa in hojjetan.

[10] Waaqayyo yommus Minaasee fi saba isaatti dubbatee ture, isaan garuu dhaga'uu hin barbaanne.

[11] Kanaaf Waaqayyo ajajjuuwwan loltoota mootii Asor isaanitti fide; yommus isaan Minaasee qabatanii funyaan isaa xiixaa uranii, harka isaa funyoo sibiila borrajjiitiin hidhanii, gara biyya Baabilonitti isa in geessan.

[12] Inni yeroo dhiphatetti gara Waaqayyo goftaa isaatiitti in deebi'e; Waaqayyo isa kan abboota isaatii durattis guddaa gad of in deebise.

[13] Inni Waaqayyoon yommuu kadhate Waaqayyo immoo kadhata isaa dhaga'eefii gara Yerusaalemitti deebi'ee teessoo mootummaa isaa irra akka inni taa'u in godhe; kana irratti Minaaseen gooftummaa Waaqayyoo in beeke.

[14] Kana booddee inni dallaa mandara Daawit isa gara alaa dachaa burqaa Giihon isa gara lixa-biiftuu keessaa kaasee hamma balbala karra qurxummiitti, gaara Ofeelitti naannessiisee dallaa dhagaa dheeraa ijaarsisee, mandaroota biyya Yihudaa warra masaraa qaban hundumaa keessa ajajjuuwwan waraanaa in kaa'e.

[15] Inni waaqayyolii tolfamoo warra ormaa balleessee, bifa fakkeenya isaan dhaabaniifis mana qulqullummaa keessaa in baase; iddoowwan aarsaa waaqayyolii tolfamoodhaaf Yerusaalemitti tulluu mana qulqullummaa irratti ijaaraman hundumaas diigee baasee mandarattii duubatti in gaggate.

[16] Kana booddee iddoo aarsaa isa kan Waaqayyoo deebisee ijaaree, isa irratti qalma araaraa fi aarsaa galataa in dhi'eesse; namoonni Yihudaas Waaqayyo gooftaa isa kan Israa'el akka waaqessan in abboome.

[17] Jarri garuu iddoowwan sagadaa ol ka'oo irratti aarsaa dhi'eessuu yoo itti fufan iyyuu, Waaqayyo gooftaa isaanii duwwaadhaaf dhi'eessaa turan.

[18] Wanta Minaaseen hojjete keessaa warri hafan, Waaqayyoon kadhachuun isaa, dubbiin ilaaltonni maqaa Waaqayyo gooftaa isa kan Israa'eliin isatti dubbatanis macaafa seenaa mootota Israa'el keessatti caafameera.

[19] Utuu gad of hin deebisin dura cubbuun inni hojjete, amanamummaa dhabuun isaa hundinuu, akki inni itti iddoowwan sagadaa ol ka'oo irra utuboota Asheeraa waaqayyittii tolfamtuu fi bifa fakkeenya waaqayyolii tolfamoo dhadhaabuun isaa, erga gad of deebisee immoo kadhachuun isaa, Waaqayyo kadhata isaa dhaga'uufiin isaa hundinuu macaafa ilaaltotaa keessatti caafameera.

[20] Minaaseen du'ee naannoo mana motummaa isaatiitti in awwaalame; Amoon ilmi isaa immoo mootii ta'ee iddoo isaa in bu'e.

[21] Amoon mootii yommuu ta'e nama waggaa digdamii lamaa ture; inni Yerusaalem keessa taa'ee waggaa lama mo'e.

[22] Innis akkuma Minaaseen abbaan isaa godhe fuula Waaqayyoo duratti wanta hamaa in hojjete; inni waaqayyolii warra abbaan isaa Minaaseen tolchisiise hundumaaf aarsaa in dhi'eesse, isaaniifis in sagade.

[23] Amoon yakka ittuma baay'ise malee, akka abbaa isaa Minaasee Waaqayyo duratti gad of hin deebifne.

[24] Kana booddee hojjetoonni isaa warri gurguddoonni isa irratti ka'anii mana mootummaa isaa keessatti isa in ajjeesan.

[25] Warri biyyichaa garuu warra Amoon mooticha irratti ka'an hundumaa ajjeesanii, Yosiyaas ilma isaa immoo qooda isaa in moosifatan.

Macaafa Seenaa Baraa Isa Lammaffaa — Chapters