Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:56

[1] Yommus Rehobiyaam gara Sheekem iddoo Israa'eloonni itti mootii isa gochuuf guutummaatti walitti qabaman in dhaqe.

[2] Yerobi'aam ilmi Nebaat kana yommuu dhaga'e, biyya Gibxii lafa itti Solomoon mooticha jalaa baqatee ture sanaa in deebi'e.

[3] Yommus gosoonni Israa'el warri gara bitaa erganii Yerobi'aamin waamsisanii isaa wajjin Rehobiyaam bira dhaqanii,

[4] “Abbaan kee waanjoo nutti ulfaachisee ture, ati immoo hojii ulfaataa fi waanjoo ulfaataa abbaan kee nu irra kaa'e nuuf salphisi! Yommus nuyi immoo siif in abboomamna” jedhan.

[5] Inni immoo isaaniif deebisee,“Guyyaa sadii booddee deebi'aa kottaa!” jedhe; kana irratti sabni sun deebi'ee in gale.

[6] Kana booddee Rehobiyaam mootichi maanguddoota dur abbaa isaa Solomooniif gorsa kennaa turan,“Deebii attamii akkan saba kanaaf kennu na gorsitu?” jedhee in gaafate.

[7] Yommus isaan deebisanii,“Ati saba kanatti faara yoo tolte, yoo isaan gammachiifte, wanta isaan si gaafataniifis deebii gaarii yoo isaaniif kennite, isaan immoo yeroo hundumaa siif in hojjetu” jedhan.

[8] Inni garuu gorsa maanguddoota sanaa tuffatee, dargaggoota warra isaa wajjin guddatan, warra isa gorsanii wajjin in mari'ate.

[9] Yommus inni,“Saba isa,“Waanjoo abbaan kee nu irra kaa'e kana nuuf salphisi!” jedhu kanaaf deebii maal kennina” Gorsa maalii anaaf kennitu?” jedhee isaan in gaafate.

[10] Dargaggoonni hiriyoonni isaa warri isaa wajjin guddatan sun deebisanii,“Ati saba warra,“Abbaan kee waanjoo ulfaataa nu irra kaa'e, ati immoo waanjicha nuuf salphisi!” jedhan sanaan,“Qubni koo isheen moggeen mudhii abbaa kootii caalaa furdatti.

[11] Abbaan koo waanjoo ulfaataa isin irra kaa'ee ture, ani immoo isa kan isaa caalaa ulfaatu isin irra nan kaa'a; abbaan koo qacceedhaan isin reebe, ani immoo qaccee isa akka torbaanqabaa nama waraanuun isin nan reeba” jedhi!” jedhaniin.

[12] Akkuma mootichi,“Guyyaa sadii booddee deebi'aa kottaa!” ittiin jedhee ture, Yerobi'aamii fi sabichi deebi'anii gara Rehobiyaam in dhufan.

[13] Rehobiyaam mootichi garuu gorsa isa warri maanguddootaa kennaniif tuffatee, deebii cimaa isaaniif in kenne.

[14] Gorsa warra dargaggootaa duukaa bu'ee,“Abbaan koo waanjoo ulfaataa isin irra kaa'ee ture, ani immoo isa kan isaa caalaa ulfaatu isin irra nan kaa'a; abbaan koo qacceedhaan isin reebe, ani immoo qaccee isa akka torbaanqabaa nama waraanuun isin nan reeba” jedhe.

[15] Wanti kun Waaqayyo biraa waan ta'eef, mootichi dubbii jaraa hin dhaggeeffanne; inni Waaqayyo karaa Ahiiyaa Shiilonichaa, Yerobi'aam ilma Nebaatitti dubbate kanaan in raawwatame.

[16] Mootichi isaaniif dhaga'uu akka dide Israa'eloonni yommuu hubatan, “Daawitii wajjin maal walittii qabna” Maatii abbaa isaa Isey biraas dhaala maalii qabna” Yaa Israa'el, gara godoo godoo keetti deebi'i! Yaa sanyii Daawit, ati manuma keetiif yaadi!” jedhanii mootichaaf deebii in kennan. Kana irratti hundumti isaanii gara godoo godoo isaaniitti in deebi'an.

[17] Rehobiyaam garuu Israa'eloota biyya Yihudaa keessa jiraatan duwwaa irratti in mo'e.

[18] Ergasii Rehobiyaam mootichi, Hadoraamin isa hojii humnaa hojjechiisuu irratti aboo qabu gara Israa'elootaatti in erge; isaan garuu dhagaadhaan rukutanii isa in ajjeesan; Rehobiyaam mootichi garuu ariitiidhaan konkolaataa yaabbatee gara Yerusaalemitti jalaa baqate.

[19] Akkasitti namoonni Israa'el hamma har'aatti namoota sanyii Daawitittii gargar ba'anii hafan.

Macaafa Seenaa Baraa Isa Lammaffaa — Chapters