[1] Hisqiyaas wanta kana hundumaa amanamummaadhaan hojjetee erga raawwatee, Senaaheriib mootiin Asor biyya Yihudaatti duulee mandaroota biyyichaa warra kellaa dhagaa qaban fudhachuu barbaadee itti in marse.
[2] Senaaheriib dhufuun isaa Yerusaalemin rukutuuf akka ta'e Hisqiyaas yommuu hubate,
[3] burqituuwwan bishaanii warri mandarattii duuba jiran hundinuu akka duuchamaniif, gurguddoota isaa fi loltoota isaa wajjin in mari'ate; isaanis yaada kana in fudhatan.
[4] Kana irratti namoonni baay'een walitti qabamanii,“Mootiin Asor yommuu dhufu maaliif bishaan danuu argata?” jedhanii, burqituuwwan bishaanii fi jal'isii lafa jala adeemee mandaroota bira ga'u hundumaa in cufan.
[5] Kana booddee Hisqiyaas itti jabaatee kellaa mandarattii isa caccabe deebisee, riqaa irratti ijaarsisee, karaa alaas akkasuma kellaa kan biraa itti dabalee ijaarsisee, mandara Daawit keessatti miiloo in jajjabeesse; itti dabalees eeboo fi gaachana baay'ee in hojjechiise.
[6] Angafoonni loltuu saba akka bulchan in godhe; hunduma isaaniis waltajjii karra mandarattiitti walitti qabee sagalee jajjabinaa isaanitti dubbatee,
[7] “Humni guddaan kan isaa caalu nu bira waan jiruuf, cimaa, ija jabaadhaa malee, mootii Asorii fi loltoota isaa warra baay'ee kana sodaattanii hin na'inaa!
[8] Inni irree fooniitiin lola, Waaqayyo gooftaan keenya garuu nu bira goree nuuf in lola” jedhe; kana irratti jarri dubbii Hisqiyaas mootiin Yihudaa dubbateen humna in argatan.
[9] Kana booddee Senaaheriib mootiin Asor loltoota isaa wajjin mandara Laakiishitti marsee utuu jiruu, dhaamsa kanatti fufee jiru, Hisqiyaas mootii Yihudaa fi namoota Yihudaa warra Yerusaalem keessa jiraatan hundumaattis akka himaniif hojjetoota isaa in erge.
[10] Jarris dhaqanii,“Senaaheriib mootiin Asor,“Isin eenyuun amanattanii mandara Yerusaalem ishee marfamte kana keessa teessu”
[11] Isa Hisqiyaas:- Waaqayyo gooftaan keenya harka mootii Asor jalaa nu baasa” jedhuun hin gowwoominaa! Inni isin gowwoomsee beelaa fi dheebuudhaan isin fixuuf;
[12] Hisqiyaas mitii inni iddoowwan sagadaa ol ka'oo fi iddoowwan aarsaa kan Waaqayyo isaatii hundumaa balleessee isin warra Yihudaa fi Yerusaalem keessa jiraattaniin,“Isin iddoo aarsaa tokkicha duratti sagadaa, isa irrattis ixaana aarsaa!” isiniin jedhe”
[13] Wanta anii fi abboonni koo saba biyya biraa hundumaa goone hin beektanii ree” Waaqayyoliin saba lafa irraa sanaa biyya isaanii harka koo jalaa baasuu danda'aniiruu ree”
[14] Waaqayyolii saba warra abbaan koo balleessee hundumaa keessaa isa kamtu saba isaa harka koo jalaa baasuu danda'e ree” Egaa Waaqayyo keessan attamitti harka koo jalaa isin baasuu danda'a ree”
[15] Waaqayyolii biyya kan biraa yookiis mootummaa kan biraa keessaa saba isaa harka abboota kootii jalaa yookiis harka koo jalaa baasuu kan danda'e hin turre waan ta'eef, Waaqayyo keessanis immoo akkasuma harka koo jalaa isin baasuu hin danda'u; kanaaf Hisqiyaas akkasitti isin gowwoomsee karaa irraa isin hin kaachisin! Isa inni jedhus hin amaninaa! jedhe” jedhan.
[16] Itti dabalaniis hojjetoonni Senaaheriib Waaqayyo gooftichaa fi Hisqiyaas hojjetaa isaa irratti dubbii baay'ee in dubbatan.
[17] Mootichis immoo caaffataan,“Akkuma waaqayyoliin saba biyya kan biraa sun saba isaanii harka koo jalaa baasuu dadhaban akkasuma Waaqayyo inni kan Hisqiyaasis saba isaa harka koo jalaa baasuu hin danda'u” jechuu isaatiin Waaqayyo gooftaa Israa'el irratti ka'uu isaa ti, isa arrabsuu isaa tis.
[18] Yommus warri Asor namoota Yerusaalem warra dallaa mandarattii irra dhaabatan sodaachisanii naasisanii mandarattii fudhachuudhaaf sagalee isaanii guddisanii afaan Ibraayisxiitiin isaan in doorsisan.
[19] Waaqayyolii saba lafa irraa warra harki namaa hojjete irratti akkuma dubbatan, akkasuma Waaqayyo isa Yerusaalem keessa jiru irrattis in dubbatan.
[20] Yommus Hisqiyaas mootichii fi Isaayaas raajichi ilmi Amoz waa'ee kanaaf kadhataan gara waaqaatti in iyyan.
[21] Yommus Waaqayyo ergamaa isaa itti ergee iddoo buufata mootii Asor keessaa loltoota, geggeessitootaa fi gurguddoota in fichisiise; kana irratti Senaaheriib mootichi yeella'ee gara biyya isaatti in deebi'e; gaaf tokko utuu inni sagadaaf gara mana waaqayyolii isaatti ol lixee jiruu, ilmaan isaa keessaa kaan dhufanii billaadhaan rukutanii isa in ajjeesan.
[22] Waaqayyo akkasitti Hisqiyaasii fi namoota Yerusaalem keessa jiraatan harka Senaaheriib mootii Asor jalaa, harka diinota isaanii warra kaanii hundumaa jalaas in baase, karaa hundumaas isaan in geggeesse.
[23] Namoonni baay'een Yerusaalemitti Waaqayyoof aarsaa in dhi'eessan, Hisqiyaas mootii Yihudaafis kennaa gati-jabeessa in kennan; yeroo sanaa jalqabee inni saba hundumaa duratti ulfina in argate.
[24] Baras Hisqiyaas dhukkubsatee du'uu ga'ee, Waaqayyoon in kadhate; Waaqayyos isatti dubbatee, milikkita akka fayyu ittiin beeku in kenneef.
[25] Hisqiyaas garuu wanta gaarii isaaf godhame kanaaf qooda Waaqayyoon galateeffachuu ol of qabuu jalqabe; kanaaf Waaqayyo isatti, biyya Yihudaatti akkasumas Yerusaalemitti in dheekkame.
[26] Kana irratti Hisqiyaasii fi namoonni Yerusaalem yaada garaa isaanii in geddaratan; kanaaf hamma bara jireenya Hisqiyaasitti dheekkamsi Waaqayyoo deebi'ee isaanitti hin dhufin hafe.
[27] Hisqiyaas badhaadhummaa danuu fi ulfina guddaa qaba ture; inni iddoo meetii fi warqee, dhagaa gati-jabeessa, urgooftuu, gaachanaa fi mi'a gati-jabeeyyii keessa naqatu in tolfate.
[28] Gombisaa midhaan itti galchan, iddoo qodaan daadhii haaraa fi dhadhaa ejersaa taa'u, manneen horiin garaa garaa fi bushaayeen itti galan in ijaarrate.
[29] Waaqayyo badhaadhummaa sonaan baay'ee waan isaaf kenneef, saawwanii fi bushaayee baay'ee qaba ture, mandaroota baay'ees in ijaare.
[30] Burqaa Giihon karaa olii cufee, mandara Daawit irraa gara lixa-biiftuutiin kan gad jal'ise Hisqiyaas kana ture; wanti inni hojjete hundinuus in qajeeleef.
[31] Warri biyya Baabilon bulchan dinqii biyyicha keessatti ta'e hubachuuf namoota yommuu ergan, Waaqayyo immoo wanta yaada Hisqiyaas keessa jiru hundumaa qoree ilaaluuf jedhee isa irraa in fagaate.
[32] Hojii gaarii Hisqiyaas bara mootummaa isaa keessa hojjete keessaa warri hafan, mul'ata Isaayaas raajichaa ilma Amoz, macaafa mootota Yihudaa fi mootota Israa'el keessatti caafamaniiru.
[33] Hisqiyaas du'ee, bantii gaara sanyiin Daawit irratti awwaalamutti in awwaalame; yommuu inni du'e, namoonni Yihudaa fi Yerusaalem keessa jiraatan hundinuu awwaala ulfinaa in godhaniif; Minaaseen ilmi isaa immoo mootii ta'ee iddoo isaa in bu'e.