[1] Yommus warri Yerusaalem keessa jiraatan ilma Yoraam mootichaa, Ahaaziyaa isa quxisuu iddoo abbaa isaatii in moosifatan; ilmaan Yoraam warri angafoonni hundinuu yommuu warri biyyicha lolan warra Arabaa wajjin dhufanii isaan rukutan dhuman; kanaaf Ahaaziyaan ilmi Yoraam mootichaa, mootii Yihudaa ta'e.
[2] Ahaaziyaan mootii yommuu ta'e nama waggaa digdamii lamaa ture; inni waggaa tokko Yerusaalem keessa taa'ee mo'e; haati isaa Ataaliyaan intala Ahaab Omrii ti.
[3] Haati isaa kun hammina waan isa gorsiteef, innis akkuma sanyii Ahaab jal'ina in hojjete.
[4] Abbaan isaa erga du'ee warri sanyii Ahaab karaa inni ittiin badu waan isa gorsaniif, innis akkuma isaanii Waaqayyo duratti wanta hamaa in hojjete.
[5] Inni gorsa isaanii fudhatee, Yoraam ilma Ahaab mootii Israa'elii wajjin Haazaa'el mootii Sooriyaa loluuf gara Raamoot-Giil'aaditti ol in ba'e; warri Sooriyaa garuu achitti Yoraamin rukutanii in madeessan.
[6] Ergasii inni madaa isa Raamootitti utuu Haazaa'el mootii Sooriyaa wajjin wal loluu isa madeessan sanattii fayyuuf gara mandara Yizre'elitti in deebi'e; kana booddee Ahaaziyaan ilmi Yoraam mootiin Yihudaa, Yoraam ilmi Ahaab waan madaa'eef, isa dubbisuuf gara Yizre'elitti gad in bu'e.
[7] Inni Yoraamin dubbisuu waan dhaqeef, Waaqayyo kufaatii isatti in fide; inni achi yommuu ga'e immoo Yoraamii wajjin Yehuu ilma Niimshii isa Waaqayyo akka inni qe'ee Ahaab balleessuuf dibe bira in dhaqe.
[8] Yommus Yehuun qe'ee Ahaab irratti firdii faradaa utuu jiruu, warra Ahaaziyaa duukaa turan gurguddoota biyya Yihudaa fi ilmaan obboloota Ahaaziyaa isa biratti argee hunduma isaanii in ajjeese.
[9] Kana booddee immoo Ahaaziyaa barbaachisee utuu inni Samaariyaa keessa dhokatee jiruu isa in qabsiise; warri isa qabanis gara Yehuutti fidanii isa in ajjeesisan; yommus isaan,“Inni akaakayyuu Yoshaafaax isa garaa isaa guutuu Waaqayyoon duukaa bu'aa turee dha” jedhanii isa in awwaalan; ergasii sanyii Ahaaziyaa keessaa namni mootummicha qabuu danda'u hin turre.
[10] Ataaliyaan haati Ahaaziyaa ilmi ishee akka ajjeefame yommuu dhageesse kaatee, sanyii Yihudaa keessaa hortee moototaa kan ta'an hundumaa in ajjeesifte.
[11] Yoshebaan intalli Yoraam mootichaa garuu Yo'aasin ilma Ahaaziyaa ilmaan moototaa warra ajjeefamuuf jiran keessaa dhoksitee baaftee guddiftuu isaa wajjin kutaa ciisichaa keessa in dhoksite; Yoshebaan intalli Yoraam obboleettiin Ahaaziyaa haadha manaa Yoyaadaa lubichaa turte; kanaaf isheen Ataaliyaan mucicha akka hin ajjeefneef dhoksite.
[12] Akkasitti inni waggaa ja'a hamma Ataaliyaan biyya mo'aa turte sana mana qulqullummaa keessa dhokatee isaanii wajjin in jiraate.