[1] Kana booddee Yoshaafaax du'ee, mandara Daawit keessatti abboota isaa biratti in awwaalame; Yoraam ilmi isaa immoo mootii ta'ee iddoo isaa in bu'e.
[2] Obboloonni Yoraam Azaariyaa, Yehii'el, Zakaariyaas, Azariyaahuu, Mikaa'elii fi Shefaaxiyaa dha; isaan kun hundinuu ilmaan Yoshaafaax mootii Israa'el.
[3] Abbaan isaanii tokkon tokkon isaaniitiif meetii baay'ee fi warqee baay'ee akkasumas mi'a gati-jabeessa in kenneef; biyya Yihudaa keessaa immoo mandaroota masaraa qaban kenneefii akka isaan itti galan in godhe; Yoraam immoo angafa waan ta'eef mootummaa in kenneef.
[4] Yoraam mootummaa abbaa isaa qabatee erga jabaatee booddee, obboloota isaa hundumaa akkasumas geggeessitoota Israa'el keessaa kaan billaadhaan in fixe.
[5] Yoraam yommuu mootii ta'e nama waggaa soddomii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa taa'ee waggaa saddeet mo'e.
[6] Yoraam intala Ahaab waan fuudheef, akkuma sanyii Ahaab fakkeenya hojii mootota Israa'el duukaa bu'ee, Waaqayyo duratti wanta hamaa in hojjete.
[7] Waaqayyo garuu sanyii Daawit keessaa, bara baraan akka ibsaatti kan geggeessu akka hin dhabamne abdachiiseera; kanaaf inni kakuu isaa isa sanyii Daawitiif dhaabe sanaaf jedhee Yoraamin balleessuu hin barbaanne.
[8] Bara mootummaa Yoraam keessa Edoom Yihudaa irraa cabsatee mootummaa ofii isheetii in dhaabbatte.
[9] Kana irratti Yoraam hojjetoota isaa warra gurguddootaa fi konkolaattota isaa hundumaa fudhatee dhaqee, utuma warri Edoom karaa hundumaa isaaf ajajjuuwwan konkolaattota isaa marsanii jiranii, halkaniin ka'ee rukutee isaan in mo'e.
[10] Warri Edoom garuu hamma har'aatti iyyuu akkuma Yihudaa irraa cabsatanitti jiru; Yoraam Waaqayyoon gooftaa isa kan abboota isaatii waan irraanfateef, namoonni mandara Liibnaas baruma sana keessa isa irraa in cabsatan.
[11] Inni tulloota Yihudaa irratti iddoowwan waaqayyolii tolfamoof itti sagadan ijaaree sabni Yerusaalem achitti isaaniif akka sagadu in godhe, warra Yihudaas karaa irraa in kaachise.
[12] Baras Eliyaas raajichi caaffata kanatti fufee jiru Yoraam mootichaaf in erge; caaffatichis, “Waaqayyo gooftaan inni kan Daawit abbaa keetii,“Ati karaa abbaa keetii karaa Yoshaafaax irra, karaa akaakayyuu keetii karaa Aasaa mootii Yihudaa irras adeemuu dhiiftee,
[13] karaa mootota Israa'el irra in deddeebite; maatiin Ahaab akkuma waaqayyolii tolfamoo waaqessan namoonni biyya Yihudaa fi mandara Yerusaalem keessa jiraatanis isaanuma akka waaqeffatan in goote; akkasuma immoo obboloota kee ilmaan abbaa keetii warra si irra wayyan in ajjeefte.
[14] Kanaaf amma Waaqayyo immoo saba kee, ilmaan kee, niitota kee, wanta ati qabdu hundumaas dha'icha guddaadhaan in rukuta.
[15] Atis ofii keetii dhukkuba jabaadhaan in qabamta, dhukkuba mar'umaaniitiinis yeroo dheeraa in rakkatta; kana booddee immoo mi'i garaa kee si keessaa gad in jiga” jedha” jedhe.
[16] Waaqayyo yommus warra Filiisxiyaa fi Araboota warra biyya Itiyoophiyaa bukkee jiraatan Yoraam irratti in kaase.
[17] Isaan Yihudaatti duulanii qabatanii mi'a mana mootichaa keessa jiru hundumaa in saaman; kana malees niitota isaa fi ilmaan isaa fudhatanii in adeeman; ilmaan isaa keessaa Ahaaziyaa isa quxisuu malee tokko illee hin hafne.
[18] Kana hundumaa booddee immoo Waaqayyo, dhukkuba mar'umaanii isa ittii fayyuun hin danda'amneen isa in rukute.
[19] Mootichi waggaa lama guutuu dhukkubichaan rakkachaa erga turee booddee, mi'i garaa isaatii isa keessaa gad jigee, inni dhiphina guddaadhaan in du'e; sabni isaa ulfina abboota isaatiif ibidda bobeessaniiru, ulfina isaatiif garuu ibidda hin bobeessine.
[20] Inni mootii ta'ee mo'uu yommuu jalqabe nama waggaa soddomii lamaa ture; Yerusaalem keessa taa'ee waggaa saddeet mo'e; yeroo inni du'e namni isaaf hin gaddine; inni mandara Daawit keessatti in awwaalame; haa ta'u iyyuu malee, iddoo awwaala moototaatti hin awwaalamne.