Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:04

[1] Kana booddee ilmi isaa Yoshaafaax iddoo Aasaa abbaa isaatii mootii ta'ee Israa'elin of irraa dhowwuutti in jabaate.

[2] Inni mandaroota biyya Yihudaa warra masaraa qaban hundumaa keessa loltoota in kaa'e; biyya Yihudaa keessa akkasumas mandaroota kutaa biyya Efreem warra Aasaan abbaan isaa qabatee ture keessa eegdota in naqe.

[3] Yoshaafaax akkuma Daawit abaabiliin isaa yeroo gara jalqaba mootummaa isaatti deddeebi'aa turetti waan jiraateef, Waaqayyo isaa wajjin ture; inni Ba'aalin hin waaqeffanne.

[4] Waaqayyoon isa kan abbaa isaatii barbaaddatee akka abboommii isaattis deddeebi'e malee, akka mootota Israa'el warra isa dura turaniitti hin deddeebine.

[5] Kanaaf Waaqayyo mootummaa Yihudaa isa harkatti in jabeesse; namoonni Yihudaa hundinuu harka-fuudhaa isaaf in fidan; akkasitti inni ulfinaa fi badhaadhummaa guddaa in argate.

[6] Inni garaa isaa hundumaan abboommii Waaqayyoo duukaa waan bu'eef, iddoowwan waaqayyolii tolfamoof itti sagadanii fi mukkeetii qiqqirixamanii Asheeraa waaqayyittii tolfamtuuf dhaabaman biyya Yihudaa keessaa in balleesse.

[7] Yoshaafaax mo'ee waggaa sadaffaa isaatti mandaroota biyya Yihudaa keessa jiran keessatti akka barsiisaniif hojjetoota isaa warra gurguddoota keessaa Ben-Haayil, Obaadiyaa, Zakaariyaas, Naataani'elii fi Miikiyaasin in erge.

[8] Lewwoota keessaa isaanii wajjin kan dhaqan Shemaa'iyaa, Netaaniyaa, Zebaadiyaa, Asaa'el, Shemiiraamoot, Yonaataan, Adoniyaa, Tobiiyaa fi Tob-Adoniyaa dha; luboota keessaa immoo Elshaamaa fi Yoraam turan.

[9] Isaan macaafa seeraa isa kan Waaqayyoo fudhatanii dhaqanii guutummaa biyya Yihudaa fi mandaroota isaa hundumaa keessa naanna'anii saba in barsiisan.

[10] Yommus Waaqayyo mootummoota naannoo biyya Yihudaa jiran hundumaa waan sodaachiseef, isaan Yoshaafaaxitti lola kaasuu hin barbaanne.

[11] Filiisxiyaa keessaa jarri tokko Yoshaafaax mootichaaf kennaa garaa garaa kennanii, meetii immoo gabbara in baasan; warri Arabaas immoo bushaayee keessaa korbeeyyii hoolaa kuma torbaa fi dhibba torba, korbeeyyii reettii kuma torbaa fi dhibba torba fidanii in kennaniif.

[12] Akkasitti Yoshaafaax ittumaa humna godhachaa in adeeme; biyya Yihudaa keessatti masaraa fi mandaroota gombisaa midhaanii fi mi'a garaa garaa itti galchan in ijaare.

[13] Mandaroota biyya Yihudaa keessa wanta barbaachisaa baay'ee in tuulchisiise; loltoota jagnootas mandara Yerusaalem keessa in kaa'e.

[14] Isaanis akka maatii maatii isaaniitti lakkoobsi isaanii kanatti fufee kan jiruu dha; Yihudaa keessaa angafni kumaa Adnaa; inni loltoota jagnoota kumaatama dhibba sadii ajaja.

[15] Isatti aanee Yohaannaan angafni loltootaa immoo loltoota kumaatama dhibba lamaa fi kuma saddeettama ajaja.

[16] Isa kanatti aanee immoo Amaasiyaan ilmi Ziikrii angafni loltuu inni Waaqayyoof hojjechuuf fedha qabu loltoota jagnoota kumaatama dhibba lama ajaja.

[17] Gosa Benyaamiin keessaa immoo Eliyaadaan inni lolatti jabaan loltoota kumaatama dhibba lama warra iddaa fi gaachanaan lolan irratti ajajaa dha.

[18] Isatti aanee immoo Yehozaabaad loltoota kumaatama dhibba tokkoo fi kuma saddeettama lolaaf qophaa'an irratti ajajaa dha.

[19] Isaan kun warra mootichi guutummaa biyya Yihudaa keessaa mandaroota masaraa qaban akka eeganiif kaa'ee utuu hin dabalatin warra kophaatti isaaf hojjetanii dha.

Macaafa Seenaa Baraa Isa Lammaffaa — Chapters