Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 11:09

[1] Hisqiyaas yommuu mootii ta'e nama waggaa digdamii shanii ture; inni Yerusaalem keessa taa'ee waggaa digdamii sagal mo'e; haati isaa “Abiiyaa” jedhamti; isheen intala Zakaariyaas turte.

[2] Hisqiyaas akkuma Daawit abaabilii isaatii waan ija Waaqayyoo duratti qajeelaa ta'e hundumaa in hojjete.

[3] Inni mo'ee waggaa tokkoffaa isaatti, waggichattiis ji'a isa duraatti balbaloota mana qulqullummaa banee deebisee in haaressiise.

[4] Kana booddee immoo lubootaa fi Lewwoota waamsisee, gara ba'a-biiftuu oobdii manichaa keessatti akka walitti qabaman in godhe.

[5] Yommus inni isaanitti dubbatee,“Yaa warra Lewwootaa! Mee anaaf dhaga'aa! Isin amma of qulleessaatii mana qulqullummaa isa kan Waaqayyo gooftaa abboota keessanii qulleessaa! Waan xuraa'aa hundumaas iddoo qulqullaa'aa kana keessaa baasaa!

[6] Abboonni keenya Waaqayyo gooftaa keenya in dhiisan, isaafis hin amanamne; isa duratti wanta hamaa hojjetanii, iddoo isaa isa qulqullaa'aa irraa gara galanii, dugda itti in gatan.

[7] Balbaloota gara gardaafoo manichaatti baasan in cufan, ibsaas in dhaamsan; Waaqayyo isa kan Israa'eliif ixaana hin aarsine, qalma gubamus iddoo qulqullaa'aa isaatti isaaf hin dhi'eessine.

[8] Kanaaf dheekkamsi Waaqayyoo Yihudaa fi Yerusaalemitti in bu'e; akkuma isin amma ija keessaniin argitan kana inni naasuutti dabarsee isaan in kenne, jibbisiisoodhaaf muka kolfaas isaan in godhe.

[9] Sababii kanaaf abboonni keenya billaadhaan dhuman, ilmaan keenya, intaloonni keenyaa fi dubartoonni keenyas in booji'aman.

[10] Amma immoo dheekkamsi isaa inni boba'aan akka nu irraa deebi'uuf, ani Waaqayyo gooftaa isa kan Israa'elii wajjin kakuudhaan waliif galuudhaaf murtoo godheera.

[11] Yaa ijoollee ko! Isin fuula isaa dura dhaabattanii akka isaaf ergamtaniif, ixaanas fuula isaa duratti akka aarsitaniif, hojjetoota isaa akka taataniif Waaqayyo isin fo'ateeraatii hin dagatinaa!” jedhe.

[12] Lewwoonni warri akkasitti hojiidhaaf kaafaman kanatti fufanii jiru; Qehaatota keessaa, Mahaat ilma Amaasaayi, Yo'el ilma Azaariyaa ti. Meraarota keessaa, Qiish ilma Abdii, Azaariyaa ilma Yihaleli'el; Gershoonota keessaa, Yo'aak ilma Ziimaa, Eden ilma Yo'aak.

[13] sanyii Eliizaafaan keessaa, Shimrii fi Yeu'el; sanyii Asaaf keessaa, Zakaariyaasii fi Mataaniyaa dha.

[14] Sanyii Hemaan keessaa, Yehii'elii fi Shime'ii dha; sanyii Yedutuun keessaa, Shemaa'iyaa fi Uzii'el.

[15] Isaan kun obboloota isaanii walitti qabanii akka seeraatti erga of qulleessanii booddee, mootichi akka dubbii Waaqayyootti akkuma isaan abboometti mana qulqullummaa in qulleessan.

[16] Warri lubootaa mana qulqullummaa qulleessuuf gara keessa manichaatti yommuu ol lixan, wanta xuraa'aa mana qulqullummaa sana keessatti argan hundumaa gara oobdii manichaatti gad in baasan; Lewwoonni immoo achii fuudhanii laga Qedroonitti in gatan.

[17] Isaan ji'a isa duraa, ji'ichattiis guyyaa duraatti manicha qulleessuu in jalqaban; ji'icha keessaa guyyaa saddeettaffaatti hamma gardaafoo manichaatti in qulleessan, guyyaa saddeet itti dabalanii manicha qulleessanii walumatti ji'a duraa keessaa guyyaa kudha ja'affaatti qulleessuu isaa in raawwatan.

[18] Kana booddee isaan gara Hisqiyaas mootichaa dhaqanii,“Nuyi manicha qulqullummaa guutummaatti iddoo qalmi gubamu itti dhi'aatu mi'a isaa hundumaa wajjin, gabatee buddeenni ilaalchaa irra kaa'amu mi'a isaa hundumaa wajjin qulleessineerra.

[19] Mi'a isa Ahaaz yommuu mootii ture Waaqayyoof amanamuu dhabee achi keessaa baase hundumaa amma deebifnee qulleessineerra. Kunoo, isaan amma iddoo aarsaa isa kan Waaqayyoo dura jiru!” jedhanii isatti in himan.

[20] Kana irratti Hisqiyaas mootichi borumtaa isaa ganamaan ka'ee, geggeessitoota mandarattii walitti qabee isaanii wajjin gara mana qulqullummaatti ol in ba'e.

[21] Yommus isaan sababii cubbuu mootummichaaf, sababii cubbuu namoota Yihudaaf, mana qulqullummaa qulleessuudhaafis aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatu tuntunoo torba, korbeeyyii hoolaa torba, korbeeyyii hoolaa xoxobbee torba akkasumas korbeeyyii reettii xoxobbee torba in dhi'eessan; ilmaan Aaron warri luboonni iddoo aarsaa isa kan Waaqayyoo irratti isaan kana aarsaa akka dhi'eessaniif mootichi in abboome.

[22] Kana irratti tuntunoowwan sana gorra'anii dhiiga tuntunoowwan sanaa luboonni iddoo aarsaatti in facaasan; itti aansaanii immoo korbeeyyii hoolaa gorra'anii dhiiga korbeeyyii sanaa luboonni iddoo aarsaatti in facaasan; akkasumas xobbaallota hoolaa gorra'anii dhiiga xobbaallota sanaa luboonni iddoo aarsaatti in facaasan.

[23] Kana hundumaa booddee immoo korbeeyyii reettii warra aarsaa sababii cubbuutiif dhi'eeffaman fidanii, fuula mootichaaf fuula wal ga'ii sanaa dura in ijaajjisan; jarris harka isaanii re'oota sana irra in kaa'an.

[24] Mootichi qalmi gubamuu fi aarsaan sababii cubbuutiif dhi'aatu guutummaa Israa'eliif akka godhamu duraan dursee abboomee waan tureef, luboonni korbeeyyii reettii sana gorra'anii guutummaa saba Israa'eliif araara buusuudhaaf dhiiga korbeeyyii sanaa aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf iddoo aarsaa irratti in dhi'eessan.

[25] Akkuma dur Daawitiif Gaadi ilaaltuun mootichaa, Naataan raajichis akka Waaqayyo karaa raajota isaatii abboomee turetti hojjechiisaa turan; akkasuma mootichi Lewwoota warra sibiila walitti rukutamee sagalee dhageessisuun, kiraaraan, maseenqoodhaan faarfatan, mana qulqullummaa keessatti hojii irra in dhaabe.

[26] Akkasitti Lewwoonni mi'a faarfannaa isa kan Daawit durii qabatanii, warri lubootaa immoo fiingee fudhatanii in dhaabatan.

[27] Hisqiyaas yommus qalmi gubamu iddoo aarsaa irratti akka dhi'aatuuf in abboome; qalmi gubamu sun dhi'eeffamuu yommuu jalqabetti, warri faarfatanis, mi'a faarfannaa isa kan Daawit mootii Israa'eliif fiingeedhaan geggeeffamanii Waaqayyoon faarfachuu in jalqaban.

[28] Hamma qalma gubamu dhi'eessuun raawwatamutti guutummaan waldaa ittuma fufanii in sagadu, warri faarfatoonni in faarfatu, warri fiingee baatanis in afuufu turan.

[29] Qalma gubamu kana dhi'eessuun erga raawwatamee booddee, mootichii fi warri isaa wajjin jiran hundinuu qoomma'anii in sagadan.

[30] Kana booddee Hisqiyaas mootichii fi gurguddoonni biyyaa faarfannaa Daawitii fi Asaaf ilaaltichi qopheessaniin Waaqayyoon akka galateeffataniif, Lewwoota in abbooman; Lewwoonni gammachuudhaan faarfatanii in galateeffatan, hamma lafa ga'anittis qoomma'anii in sagadan.

[31] Yommus Hisqiyaas,“Isin amma Waaqayyoof of qulleessitaniittu, amma aarsaa keessanii fi kennaa galataa keessan gara mana qulqullummaatti fidaatii dhi'eessaa!” jedhee dubbate; waldaan yommus aarsaa, kennaa galataa akkasumas warri garaan isaanii fedha qabu qalma gubamu in dhi'eessan.

[32] Lakkoobsi horii qalma gubamuuf Waaqayyoof dhi'aate walumatti tontunoo torbaatama, korbeeyyiin hoolaa dhibba tokko, xobbaallaan hoolaa dhibba lama turan.

[33] Horiin yeroo sana aarsaadhaaf addaan baafaman, lakkoobsi isaanii walumatti tuntunoo dhibba ja'aa fi bushaayee kuma sadii turan.

[34] Horii qalma gubamuuf qalaman kana hundumaa irraa gogaa baasuudhaaf luboonni warri achi jiran waan muraasataniif, Lewwoonni obboloonni isaanii hamma hojichi raawwatamutti, luboonni warri kaanis hamma of qulleessanitti isaan in gargaaran; Lewwoonni of qulleessuudhaaf luboota caalaa in dhimmu turan.

[35] Gaafas qalmi gubamu akkasumas coomni qalma araaraa fi kennaan dhugaatii isa qalma gubamuu wajjin dhi'aatu hundinuu, isa durii caalaa baay'ee ture; akkasitti hojiin mana qulqullummaa akka isaa duriitti hojjetamuutti in ka'e.

[36] Yommus wanti hundinuu akka kanatti ariitiidhaan waan hojjetameef, Hisqiyaasii fi namoonni hundinuu wanta Waaqayyo saba isaatiif hojjete kanatti in gammadan.

Macaafa Seenaa Baraa Isa Lammaffaa — Chapters