[1] Yotaam yommuu mootii ta'e nama waggaa digdamii shanii ture; inni Yerusaalem keessa taa'ee waggaa kudha ja'a mo'e; maqaan haadha isaatii Yerushaa dha; isheen intala Zaadoq turte.
[2] Inni akkuma abbaan isaa Uziyaan godhe waan Waaqayyo duratti qajeelaa ta'e hundumaa in hojjete; garuu inni akka abbaa isaatii ixaana aarsuuf humnaan mana qulqullummaatti ol hin linne; sabni biyya sanaa immoo akkuma durii jal'ina hojjechuu ittuma fufe.
[3] Yotaam karra mana qulqullummaa isa ol aanu deebisee in haaresse; akkasumas karaa Ofeel dallaa mandarichaa cimsee in ijaare.
[4] Inni gaarota biyya Yihudaa irratti mandaroota, caakkaa keessatti immoo masaraa, riqaas in ijaare.
[5] Yotaam mootichi mootii Amoonotaa fi loltoota isaa lolee isaan in mo'e; warri Amoon baras meetii akka kiilo graamii kuma sadii fi dhibba afur miijanuu fi qamadii kuntaala kuma tokko akkasumas garbuu kuntaala kuma tokko gibira in baasaniif; isaan waggaa lammaffaatti, waggaa sadaffaattis itti fufanii hammuma sana in baasaniif.
[6] Yotaam yaada qajeelaadhaan Waaqayyo gooftaa isaa dura waan deddeebi'eef in jabaate.
[7] Yotaam bara mootummaa isaa keessa waan hojjette keessaa warri hafan, akki inni itti lolaa tures macaafa mootota Israa'elii fi mootota Yihudaa keessatti caafamaniiru.
[8] Inni yommuu mootii ta'e nama waggaa digdamii shanii ture; Yerusaalem keessa taa'ee waggaa kudha ja'a mo'e.
[9] Kana booddee Yotaam du'ee mandara Daawit keessatti in awwaalame; ilmi isaa Ahaaz immoo mootii ta'ee iddoo isaa in bu'e.