Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:20

[1] Waggaa torbaffaatti Yoyaadaan jabaatee ka'ee, angafoota dhibbaa warra ta'an Azaariyaa ilma Yerohaam, Ishmaa'el ilma Yohaannaan, Azaariyaa ilma Obed, Maaseyaa ilma Adaayaa akkasuma Elshaafaax ilma Ziikrii wajjin kakuudhaan waliif in galan.

[2] Yommus isaan guutummaa mandaroota biyya Yihudaa keessa naanna'anii Lewwoota, Israa'eloota keessaa immoo warra mana mana abbaa isaaniitti dura-buutota ta'an hundumaa walitti qabatanii isaanii wajjin gara Yerusaalem in dhufan.

[3] Jarris guutummaatti mana qulqullummaa keessatti wal ga'anii, Yo'aas ilma mootichaa wajjin kakuu waliif in galan; kana booddee Yoyaadaan,“Kunoo, akkuma Waaqayyo waa'ee sanyii Daawitiif abdachiisee turetti ilmi mootii in mo'a” jedhee jaratti in dubbate.

[4] Itti dabalees,“Wanti gochuun isiniif ta'u kanatti fufee kan jiruu dha; isin lubootaa fi Lewwoota warra guyyaa Sanbataa hojii mana qulqullummaa keessaa hojjechuun darabee keessan ta'e keessaa, harka sadii keessaa harki tokko karra haa eegu!

[5] Harka sadii keessaa harki tokko mana mootummaa, harka sadii keessaa harki tokko immoo “Karra hundee manichaa” isa jedhamu haa eegu! Namoonni warri kaan hundinuu oobdii mana qulqullummaa keessatti walitti haa qabaman!

[6] Lubootaa fi Lewwoota warra mana qulqullummaa keessaa hojjechuun darabee isaanii ta'e duwwaa malee, namni tokko illee manichatti ol hin lixin! Isaan hojii kanaaf waan addaan baafamaniif ol haa lixan! Namoonni warri hafan hundinuu immoo akka abboommii Waaqayyootti ala haa dhaabatan!

[7] Warri Lewwootaa mi'a waraana isaanii harkatti qabatanii iddoo mootichi dhaqu hundumaatti naanna'anii isa haa eegan! Namni yeroo kana manichatti ol lixuu yaalu haa ajjeefamu!” jedhe.

[8] Yommus Lewwoonnii fi namoonni Yihudaa hundinuu akkuma Yoyaadaan lubichi abboome in godhan; tokkon tokkon isaanii namoota isaanii warra guyyaa Sanbataa hojii irra jiranii fi warra hojii isaanii raawwatanii galuuf jedhan walitti in qabatan; Yoyaadaan lubichi warra darabee hojii isaanii raawwatan iyyuu gad hin dhiifne.

[9] Kana booddee Yoyaadaan lubichi kan Daawit mootichaa warra turan eeboo, gaachana xixinnaa fi gaachana gurguddaa warra mana qulqullummaa keessa kaa'aman angafoota dhibbaatti in hire.

[10] Namoota warra kaan hundumaa immoo, tokkon tokkon isaanii mi'a waraanaa qabatanii karaa gara mirgaa fi karaa gara bitaa manicha qulqullummaa, iddoo aarsaa bira, naannoo manichaa hundumaas naanna'anii mooticha akka eegan in godhe.

[11] Ergasii Yoyaadaa fi ilmaan isaa, ilma mootichaa fidanii gonfoo mataa isaa irra kaa'anii, caaffata kakuu mootummaa itti kennanii isa in moosisan; isaan isa dibanii,“Mootichi bara baraan haa jiraatu!” jedhan.

[12] Ataaliyaan sagalee namoota mooticha jajachaa fiiganii yommuu dhageesse kaatee isaan bira gara mana qulqullummaa dhuftee,

[13] utubaa balbala manichaa bukkee iddoo mootiin dhaabatutti mooticha isa haaraa in argite; angafoonni loltuu fi warri fiingee afuufan isa bira in ijaajju, sabni biyya sanaa hundinuus gammadanii fiingee in afuufu, warri mi'a faarfannaatiin faarfatan immoo mi'a isaaniitiin milikkita isaaniif in kennu turan; yommus Ataaliyaan aartee uffata ishee tarsaaftee,“Kun biyya ganuu dha! Kun biyya ganuu dha!” jettee in iyyite.

[14] Kana irratti Yoyaadaan lubichi akka isaan mana qulqullummaa keessatti ishee hin ajjeefneef, angafoota dhibbaa warra loltoota ajajan waamee,“Iddoo ulfinaa kana keessaa ala ishee baasaatii warra ishee irra dhufan hundumaa ajjeesaa!” jedhee in abboome.

[15] Yommus isaan ishee qabanii gara karra fardeenii isa mana mootummaa bukkee jiruutti geessanii achitti ishee in ajjeesan.

[16] Gaafas Yoyaadaan lubichi, guutummaan sabaa fi mootichi akka saba Waaqayyootti jiraachuudhaaf kakuu isaanii in cimsan.

[17] Kana booddee namoonni sun hundinuu mana isa Ba'aaliif ijaarametti ol lixanii in diigan, iddoowwan aarsaa fi waaqayyolii tolfamoo in caccabsan; Maataan isa luba Ba'aal tures iddoo aarsaa duratti in ajjeesan.

[18] Luboonni warri sanyii Lewwootaa seera Musee keessatti akkuma caafametti mana qulqullummaa keessatti gammachuudhaan, faarfannaadhaanis qalma gubamu Waaqayyoof akka dhi'eessan Daawit abboomee akkuma ture, Yoyaadaanis hojii mana qulqullummaa keessaa hojjetamutti jarri kun akka gaafataman in godhe.

[19] Itti aansee immoo warra karrawwan mana qulqullummaa eegan itti in godhe; isaanis namni xuraa'aan tokko illee mana qulqullummaa keessa akka hin linneef in eegu.

[20] Kana booddee immoo warra angafoota dhibbaa, gurguddoota biyyaa, warra biyya bulchan hundumaa fi namoota biyyaa hundumaa wajjin mooticha mana qulqullummaa keessaa gad baasanii gara mana mootummaatti erga geessanii booddee, karaa karra isa ol aanuu ol galchanii teessoo mootummaa irra isa in teessisan.

[21] Yommus sabni biyyichaa hundinuu in gammadan; erga Ataaliyaan billaadhaan ajjeefamtee mandarattiin gabii in argatte.

Macaafa Seenaa Baraa Isa Lammaffaa — Chapters