Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:46

[1] Bara durii Waaqii karaa adda addaatiin, yennaa hedduu karaa raagotaatiin abbootii teennatti dubbateera.

[2] Ammaa ammoo bara duubaa kanatti karaa Ilma ifii ka waan mara akka dhaalu godheetiin nutti dubbate; biyya lafaa duudiille isumaan dade.

[3] Inni calalaqa ulfinna Waaqaa ti; akki isaa guutumatti Waaqaan wol qixxe’e. Jecha ifii hunna qabeessaan waan dadame duudii utubeera. Kolbaalle cubbuu irraa qulqulleesseen duuba, ol gubba’atti midda Waaqa hunnaamessaa tee’eera.

[4] Maqaan Waaqi isaaf kenne maqaa ergantoota Waaqaa ka caalu akkuma te’e, Ilmi Waaqaa ergantoota Waaqaa caala.

[5] Waaqi ergantoota ifii keessaa eennuun, «Ati Ilma kiyya, ani adha si uumadheera» yookiin eennuun, «Ani isaaf Abbaa hin te’a, inille ilma anaaf hin te’a» jedhee beeka?

[6] Waaqi yennaa Ilma ifii angaficha gara biyya lafaa erge, «Ergantooti Waaqaa martinuu isaaf sagadanuu ti» jedhe.

[7] Ammoo yennaa marroo ergantoota ifii dubbatu, «Ergantoota ifii qilleensa, tajaajiltoota ifiille bobe’a ibiddaa hin godha» jedhe.

[8] Marroo Ilmaa ammoo, «Ee Waaqa, barcumaan mootumaa keetii bara baraa haga bara baraa hin jiraata; mootummaa teetille sirri’itti hin bulchita.

[9] Ati balchummaa jaallatee yakkaa jibbite; tanaaf Waaqi keeti si filatee, muudaa gammachiisuun hari’oota teeti caalaa si muude» jedhe.

[10] Akkasuma, «Gootta’a, ati jalqabatti hundee lafaa hundeessite; ol gubbaan marti hujii harka keetii ti.

[11] Isaan hin badan; ati ammoo hin jiraatta; isaan martinuu akka woya’aa hin dullooman.

[12] Ati akka bullukko’oo isaan hin marta; isaaniille akka woya’aa hin jijjiiraman. Ati ammoo yennaa mara sanuma; woggooti keetille dhuma hin qabanu» jedhe.

[13] Waaqi ergantoota ifii keessaa eennuun, «Haga ani diinota keeti ejjata miila keetii jala godhutti midda kiyyatti tee’i!» jedhee beeka?

[14] Maarre, ergantooti Waaqaa martinuu ayyaanota worra fayyu tajaajiliisaaf ergamanu, tajaajiltoota Waaqaatii motii ree?

Ibrootaa — Chapters