Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:35

[1] Dhugeeffannaa jechuun waan addi’iin eeggatamu tokko, «Dhuguma hin te’a» jedhanee fudhatiisa; waan ilaan hin dhaggine tokkolle akka waan dhaggamuutitti lakkowiisa.

[2] Worri durii dhugeeffanna’aan Waaqa biraa fudhatama dhaggate.

[3] Ol-gubba’aa fi biyyi lafaa jecha Waaqaatiin akka dadamane dhugeeffanna’aan hin hubanna; waan kanaaf wonni ilaan dhaggamu maraa waan ilaan hin dhaggine iraa akka hujame hin beenna.

[4] Abeel dhugeeffanna’aan woreega ka Qaayinii caalu Waaqaaf dhikeesse; Waaqi woreega Abeelii gammadaan yennaa fudhate, Abeel dhugeeffanna’aan balchaa akka te’e dhugaa bayeef; Abeel du’ulle karaa dhugeeffanna’aatiin ammalle dubbatiisatti jira.

[5] Heenok akka duuti isa hin dhaqqanne dhugeeffanna’aan ol fudhatame; waan Waaqi isa fudhateef inni hin dhagganne; adoo hin fudhatamin dura akka inni Waaqa gammachiseeru dhugaan bayameeraaf.

[6] Dhugeeffanna’aan malee Waaqa gammachiisuun hin dande’amu; nami gara Waaqaa dhiyaatu, akka Waaqi jiruu fi worra isa barbaaduuf ka gatii kennu akka te’e dhugeeffatuu qaba.

[7] Noh marroo waan ilaan hin dhagginee yennaa Waaqi ifi eeggachiise, Waaqa sodaatee maatii ifii fayyisiisaaf hoboloo guddittii dhugeeffanna’aan huje. Sabaaba dhugeeffannaa isaatiif biyya lafaatitti yakkaan murante; innille balchumaa dhugeeffanna’aan dhaggantu dhaale.

[8] Abrahaam biyya ifiitii bayee, addee akka dhaalaa fudhatu akka dhaquuf yennaa waamame gara itti dhaqaaru beekuu dhabulle, dhaqiisaaf dhugeeffanna’aan ajajame.

[9] Inni Yisihaaqii fi Yaaqoobii isa woliin waadaa galame dhaalanu woliin, biyya waadaan galame keessa, akka ormaa dunkaanii keessa dhugeeffanna’aan le’e.

[10] Inni qachaa guddaa hundee jabaa qabu, ka Waaqi akka inni itti ijaaramu qopheessee ijaare waan eeggataa tureef tana godhe.

[11] Abrahaam guddoo dulloomulle, Saaraan ta deya hin qanne teetulle, Waaqi waada gale addatamaa akka te’e waan beekeeruuf, dhugeeffanna’aan hunna uumatiisaa dhaggate.

[12] Tanaaf Abrahaamii tokkocha akka nama du’eetitti laakkowamu irraa, finni akka urjii ol-gubba’aa fakkannuu fi akka maansa abbaayaa qarqaraa laakkossa hin qanne dhaggame.

[13] Worri kun duudiin waadaa isaaniif galame adoo hin fudhatin dhugeeffanna’aan adoo jiranuu du’ane; ammoo fago’otti dhagganee, akka waan dhaggataneetitti gammadaan fudhatane. Lafa tana irralle’etti ormaa fi keessummoota akka te’ane beekaneeraniiyyu.

[14] Worri akkas dubbatanu biyya ifii eegatiisatti akka jiranu mudhisan.

[15] Biyya keessaa bayane san adoo yaadaa jiraatane itti deebi’iisaaf sila hin dande’aniiyyu.

[16] Amma ammoo, isaan biyya san caalu ka ol-gubbaa jirtu dharra’an; tanaaf Waaqi qachaa guddaa waan isaniif qopheesseruuf, «Waaqa isaanii» jedhamee waamamiisaaf hin fokkifanne.

[17] Abrahaam yennaa Waaqi isa haga ilaale, dhugeeffanna’aan Yishaaqi woreega godhee dhikeesse. Abrahaamiin waadaa fudhate sun ilma ifii tokkochuma san woreega godhee kenniisaaf qophoyeeraayyu.

[18] Ilmi isaalle ka Waaqi, «Sanyiin teeti Yisihaaqiin waammanti» jedheen san.

[19] Waaqi du’aa kaasiisaaf dandeettii akka qabu Abrahaam waan hubateeruuf, akka waan du’aa ka’eetitti deebi’ee Yisihaaqi dhagge.

[20] Yisihaaqi waan gara duraa te’u yaadatee dhugeeffana’aan Yaaqoobii fi Eesawu eebbise.

[21] Yaaqoob yennaa du’a geye, qaccee borjoo ifiititti irkifatee Waaqaaf sagadaa, dhugeeffanna’aan ilmaan Yoseefii tokkuma tokkoon eebbise.

[22] Yoseefille yennaa du’a geye, dhugeeffanna’aan kolbaan Israa’elii biyya Gibxii keessaa akka baatu dubbatee, lafee isaalle maan godhuu akka malane ajaja kenne.

[23] Yennaa Muuseen dhalate, haatii fi abbaan isaa akka inni shaggicha te’e dhagganee, ajaja mootichaa adoo hin sodaatin ji’a sadi dhugeeffanna’aan dhossane.

[24] Muuseen yennaa guddate, dhugeeffanna’aan ilma intala Fara’oonii jedhamee waamamuu dide.

[25] Inni yennaa gabaaddu’uuf gammada cubbu’uutiin gammadu’uun irra, kolbaa Waaqaa woliin rakkatuu filate.

[26] Gatii gara duraa fudhatu waan ilaaleeruuf, marroo Masihiitiif salphatuun, karra biyya Gibxiitiin irra, ta caaltu akka teete yaadate.

[27] Inni dhugeeffanna’aan, mufii mootichaa adoo hin sodaatin biyya Gibxiitii baye; Waaqa ilaan hin dhagginelle akka waan dhaggeetitti te’ee yaada qabutti jabaate.

[28] Ergamaan Waaqaa ka akka ilmaan angafoota ijjeesuuf ajajame, angafoota kolbaa Israa’elii akka hin ijjeenneef jedhee, dhugeeffanna’aan Jila Irra Dabaramaatii fi aadaa fixiisa dhiigaa godhe.

[29] Kolbaan Israa’elii Abbaayaa Guddittii Diintuu keessa, akkuma lafa goddu’uu dhugeeffanna’aan qaxxaamurte; worri Gibxii ammoo akkuma isaanii godhiisaaf wodhaanee liqinfame.

[30] Worri Israa’elii dhugeeffanna’aan Yerikoo marsee, guyyaa torba irra naannayeen duuba dalleen dhaka’aa jige.

[31] Sagaagaltittiin Rahaab jedhantu dootuu waan nageyaan fudhatteef, worra hin ajajane woliin du’iisa irraa dhugeeffanna’aan hatte.

[32] Yoona tana caalaa maan jedhu ree? Marroo Gidewoonii, Baaraaqii, Samsonii, Yifta’aa, Daawwitii, Saamu’eliitii fi raagotaa isinitti odeessiisaaf yennaan naa hin geettu.

[33] Isaan dhugeeffanna’aan mootota injifatane; sirri’itti bulchane; waan waadaa galamelle fudhatane; afaan neenqaa cufane;

[34] bobe’a ibiddaa dhaanfane; qara goraade’ee jalaa bayane; dadhabbii ifii irraa jajjabaatane; lolaan janna te’ane; loltoota ormaa ari’ane.

[35] Dubartooti firoottaan isaanii duraa du’anee, du’aa ka’ane, deebisanee fudhatane. Worri kuun ammoo du’aa ka’anee jiruu caalte dhaggatiisaaf, hiikkamuu didanee, farra dhaggane.

[36] Worri kuun taphatamanee licheen dhaanamanee, wodaroo sibiilaatiinille hidhamanee, mana hidha’aatitti hidhamane.

[37] Dhaka’aan tumamane; magaazi’iin adde lamatti baqaffamane; goraade’een ijjeefamane; gogaa hoole’eetii fi re’e’ee uffatanee asii fi achi deemane; hiyyoommatanee, miidhamanee, akka malee tolfamane.

[38] Biyyi lafaa isaaniif ta malte hin teene! Isaan akka worra baqatuu goomole’ee fi gaara, godaa fi boolla lafaa keessa olii gadi deemane.

[39] Dhugeeffannaa isaan maraatiifuu dhugaan bayantulle, waadaa isaaniif galame ammalle hin fudhanne.

[40] Waaqi waan caalu waan nu’uuf qopheesseeruuf, isaan nu woliin malee, qofuu guutuu te’iisaaf hin dande’anu.

Ibrootaa — Chapters