Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:21

[1] Yoona kowa’a barsiisa marroo Kiristoosiitiif kenname, ka jalqabaa lakkinnee gara barsiisa guutu’uu dabarra. Nuuti hundee hujii gara du’aa geessitu irraa deebi’iisaatii fi Waaqatti dhugeefatiisaa, deebinee hin hundeessinu.

[2] Akkasuma barsiisa marroo cuuphiisaa, marroo harka mataa namaa irra keyiisaa, marroo du’aa ka’iisaa, marroo muraa bara baraa deebinee hin hundeessinu.

[3] Yoo Waaqi jedhe tana hin goona.

[4] Worra dhugeeffannaa ifii mormate gara cubbuu irraa deebi’iisaa deebisiis atamiin dande’ama? Kanaan qaraa ifi isaaniif ifeera; kennansa ol-gubba’aalle dhandhamaneeran; Ayyaana Woyyicha wolille’een qoodamaneeran.

[5] Dansummaa jecha Waaqaatii fi hunna bara dhufiisaaf jiruulle dhandhamaneeran.

[6] Kanaan duuba yoo isaan dhugeeffannaa ifii mormatane, Ilma Waaqaa ifiifuu deebisanee waan fannisaanuu fi waan ifaataan salphisanuuf, isaan gara cubbuu irraa deebi’iisaa deebisiis hin dande’amu.

[7] Latti bokkeya isii iratti roobu yennaa hedduu untee, abbaa biqiltuu irratti dhaabeef bu’aa buuchu Waaqa irraa eebba hin dhaggatti.

[8] Qore’ee fi qum’uuduu yoo baache ammoo, gatii hin qaddu; yennaa gabaadduu keessatti hin abaaranti; duubi isi’iille ibiddaan gubatiisa.

[9] Lansoota tiyya akkas dubbannulle, isin ejjannoo caaltuu ta fayyinna keessan isiniif fiddu irra jiraachu keessan mirkaneeffanneerra.

[10] Waaqi Waaqa sirri’itti muru; inni hujii teessanii fi jaalala isin kolbaa isaa gargaariisaan maqaa isaatiif mudhittanee fi ammalle gargaariisaan mudhisiisatti jirtanu hin dedhu.

[11] Isin martinuu waan addi’iin eeggattanu haga harkaan qabattanutti, jabeenna keessan haga muumme’eetitti akka mudhitanu barbaanna.

[12] Worra dhugeeffanna’aa fi ossatiisaan jabaatee, waan waadaan galameef dhaalu akka fakkaattanu barbaanna malee, worra rincicaa akka teetanu hin barbaannu.

[13] Waaqi, Abrahaamiif yennaa waada gale, ittiin kakatiisaaf ka isa caalu waan hin jirreef, ifiin kakatee,

[14] «Ani dhugumaan si hin eebbisa, sanyii teetille hin fakkansa» jedhe.

[15] Abrahaam ossataan eeggatee waan waadaan galameef dhaggate.

[16] Namooti yennaa kakatanu maqaa nama isaan caaluutiin kakatan; dubbii ifiille kaku’uun jabeesiisaan, wol mormii isaan wolakaa jirtu maraa balleesan.

[17] Waaqi akki yaada isaa ka hin jijjiiranne akka te’e irra calaa ifa tolchee mudhisiisaaf barbaadee, worra waadaa galame dhaaluuf, waadaa ifii gale kaku’uun jabeesse.

[18] Akkuma kanaan Waaqi waan lama ka hin jijjiirannee fi ka ittiin hin sonne addi’ii fi kakuu nu’uuf kenneera; karaa waan lama kanaatiin addii nu dura jirtu jabeesiinee qabatiisa akka dandeennu, nu worri isatti baqanne jajjabeenna guddaa hin dhagganna.

[19] Akka hookkoon sibiilaa, hoboloo guddittii qabee dhaabu, nuutille addii addatantu’uu fi jadduu ta lubbuun teenna qabattee dhaabbattu qanna; addiin tun golla’aan duuba dabartee gara addee woyyittii Galma Waaqaa ka ol-gubba’aa hin seenti.

[20] Addeen sun addee Yesuus akka seera hayyummaa Malkiisedeqii, Hayyicha Guddaa bara baraa te’ee, nu’uuf nu’uun dura seeneeru.

Ibrootaa — Chapters