Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:48

[1] Tanaaf dhugeeffatooti woyyoontanee, worra waamiicha ol-gubba’aa qodamu teetane, ka Waaqi ergee fi Hayyicha Guddaa dhugeeffannaa teennaa Yesuus yaadadha’a.

[2] Muuseen mana Waaqaa mara keessatti addatamaa akkuma te’ee ture, Yesuusille Waaqa isa muudeef addatama’a.

[3] Nami mana ijaaru mana san caalaa ulfinna akkuma qabu, Yesuusille, Muuse’een caalaa ulfinna dhaggatu’uu qaba.

[4] Manni maraa namaan ijaarame; waan mara ka ijaare ammoo Waaqa.

[5] Muuseen waan gara duraa jedhamu’uu maleef dhugaa bayiisaaf, akka tajaajilaa tokkootitti mana Waaqaa duudii keessatti addatamaa te’e.

[6] Kiristoos ammoo mana Waaqaatitti akka ilmaatitti addatama’a. Nutille waan itti addannuu fi addii ittiin koorru jaabeessinnee yoo qabanne mana isaa ti.

[7] Maarre akkuma Ayyaanni Woyyichi jedhu, «Adha, qoonqoo Waaqaa yoo dhageettane,

[8] akkuma guyyaa ilaallacha’aa lafa goomolee keessatti Waaqa finqiltanee san mataa hin jabaatina’a!

[9] Waaqi, ‹Abbootiin teessan achitti na ilaallatte; na wodhaantelle’e; woggaa afurtama waan ani godhelle dhaggitte.

[10] Tanaaf ani dhaloota sanitti aaree, gadhaan isaanii yennaa mara na irraa gora, isaan karaa kiyyalle hin beenne.

[11] Maarre addee fooraa ta ani isaanii kennutti ijjumaa hin galanu jedhee aarii tiyyaan kakadheera›» jedhe.

[12] Obboleeyyan tiyya, isin keessaa eennulle gadhaa hama’aa fi hin dhugeeffanne, ka Waaqa jiraataa irraa garagalu akka hin qabaanne ifi eeggadha’a!

[13] Ammoo eennulle isin keessaa cubbu’uun sobamee akka mataa hin jabaanne, yennaan «Adha» jedhantu tun adoo hin tarin guyyuma guyya’aan wol jajjabeessa’a!

[14] Nuuti dhugeeffannaa teenna ta qara qannu haga muume’eetitti jabeessinnee yoo qabane, worra Kiristoos woliin qooda qabaannu hin teena.

[15] Tun akkuma Barreeffami Woyyichi, «Adha qoonqoo Waaqaa yoo dhageettane, akkuma yennaa finqilaa gootane san mataa hin jabaatina’a!» jedhu.

[16] Worri qoonqoo Waaqaa dhage’ee finqile eennu fa’a? Worruma Muuse’een sooreffamee biyya Gibxiitii baye maraayyuu motii?

[17] Waaqi woggaa afurtama eennu fa’atti aare? Worruma cubbuu hujee, lafa goomole’ee keessatti reeffi isaa jigee badee motii?

[18] Akkasuma worra hin ajajamin san yoo te’e malee, «Addee fooraa ta ani kennutti hin galtanu» jedhee ka itti kakate eennu fa’a?

[19] Maarre worri itti galiisa dadhabe, dhugeeffatiisa dhabiisaan akka te’e dhaggina.

Ibrootaa — Chapters