[1] Yoona waan dubbannu keessaa wonni guddaan, «Nuuti Hayyicha Guddaa ol-gubba’atti midda barcumaa mootummaa Waaqa ol-aana’aatitti te’eeru qanna» ka jedhu.
[2] Inni addee woyyittii dunkaanii dhugittii teete, keessatti tajaajila; dunkaaniin tun harka namaatiin adoo hin te’in Gootta’aan dhaabbante.
[3] Hayyooti gugurdoon martinuu, kennansaa fi woreega dhiyeessiisaaf muudaman; tanaaf hayyichi kun waan dhiyeessu qabaatiisa barbaachisa.
[4] Akka seeraatitti hayyooti kennansa dhiyeessanu waan jiranuuf, inni adoo lafa tana irra jiraatelle’e hayyuu hin te’uuyyu.
[5] Dunkaaniin hayyooti keessatti tajaajilanu tun, dunkaanii ol-gubbaa jirtuuf fakkeennaa fi gaaddiddu’u; yennaa Muuseen dunkaanii ijaarsaaf ka’e Waaqi, «Waan mara malaan akkuma fakkeenna gaara irratti sitti mudhiseetitti tolchi!» jedheen.
[6] Amma ammoo, gondooroon Yesuus wolakkaa namaatii fi Waaqaa itti te’e, ta waadaa caalu irratti hundeeffante, akkuma gondooroo dullattii caaltu, tajaajli isaaf kennamelle caala’a.
[7] Goondooroon duraa ta komii hin qanne adoo teete, gondooroon lammeesso’oo sila hin barbaachittuuyyu.
[8] Waaqi kolbaa ifii irratti balleessaa dhaggee, «‹Kunoo, guyyaan ani kolbaa Israa’eliitii fi kolbaa Yihuuda’aa woliin, gondooroo haareya gondooru hin dhufa› jedha Goottaan.
[9] ‹Gondooroon tun, ta akka yennaa biyya Gibxiitii harka qabee isaan baase, abbootii isaanii woliin gondooreetii moti; waan isaan gondooroo tiyyatti hin jabaatiiniif, anille xiyyeeffannaa isaaniif hin kennine› jedha Goottaan.
[10] ‹Yennaa saniin duuba, kolbaa Israa’eelii woliin gondooroon ani gondooru, Seera kiyya qalbii isaanii keessa hin keya, gadhaa isaanii keessalle’etti hin barreessa; ani isaaniif Waaqa hin te’a, isaanille kolbaa tiyya hin te’an, ta jettu› jedha Goottaan.
[11] ‹Nami tokkolle ollaa ifiitiin yookiin obboleessa ifiitiin, Goottaa beeki! jedhee hin barsiisu; diqqa’aa haga gudda’aatitti martinuu na beekan.
[12] Yakka isaaniille isaaniif hin araarama, cubbuu isaaniille haganaan achi hin qaabadhu› jedheera» jedhe.
[13] Yoona Waaqi, «Gondooroo haareya» jedhee dubbatiisaan, gondooroo duraa dulloonseera jechu’u; wonni dulloomee fi moofoye maraa badiisa geyeera.