[1] Hayyichi guddaan mara namoota keessaa filamee, haajaa Waaqa woliin woldeessisu irratti addee kolba’aa bu’ee kennansaa fi woreega cubbu’uu dhikeessiisaaf muudama.
[2] Inni ifiifuu dadhabbii akkasii waan qabuuf, worra wollaala’aa fi worra karaa irraa bade gadhi-laafumma’aan ilaaliisaaf hin dande’a.
[3] Inninuu dadhabbii waan qabuuf, akkuma cubbuu kolba’aatiif dhikeessu, cubbuu ifiitille’eef woreega dhikeessuu qaba.
[4] Akkuma Aroonii ka Waaqaan waamame malee, eennulle ulfinna kana ifiin hin fudhatu.
[5] Akkasuma Kiristoos ulfinna Hayyicha Guddaa te’iisaa ifiin hin fudhanne; ammoo Waaqa isaan, «Ati ilma kiyya, ani adha si uumadheera!» jedhettu ulfinna kana kenneef.
[6] Addee dhibiille’etti, «Akkuma hayyumaa, Malkiisedeqii, ati haga bara baraa hayyu’u» hin jedha.
[7] Yesuus biyya lafaa tana irra yennaa le’e, iyyansa gudda’aa fi imimmaaniin, daadimanna’aa fi kadhaa gara Waaqa du’a irraa isa fayyisiisaaf dande’uu dhikeesse; ifi gadi qabee waan ajajameef Waaqi daadimannaa isaa dhage’eef.
[8] Ilma Waaqaa te’ulle, rakkinna fudhateen ajajamiisa barate.
[9] Guutuu te’een duuba worra isaaf ajajamu maraaf madda fayyinna bara baraa te’e.
[10] Waaqi akkuma hayyummaa Malkiisedeqii, Hayyicha Guddaa godhee isa muude.
[11] Marroo waan kanaa waan jennu waan hedduu qanna; ammoo hubatiisaaf waan rinciccanuuf, ifa tolchanee himuun rakkisa’a.
[12] Yennaa kana barsiisota te’uu maltane; amma ammoo jecha Waaqaa barumsa jalqabaa nami biraa ammalle akka isin barsiisu barbaachisa; sila sagalee jaddu’utti isinii male; ammoo ammalle aananitti isiniif barbaachisa.
[13] Nami aananiin jiraatu annuu waan te’eef, barsiisa dansa’aa fi hamaa gargar baasiisaa hin baranne.
[14] Sagaleen jadduun ammoo worra gugurdaa, worra dansa’aa fi hamaa gargar baasiisa barateeruuf barbaachitti.