Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:08

[1] Yennaa mara akka obboleeyyanii wol jaalladha’a!

[2] Keessummaa fudhattanee keessumeessiisa hin dedhina’a; sababille akkas godhiisaan namooti gariin adoo hin beekin ergantoota Waaqaa fudhatanee keessummeesaneeran.

[3] Akka isaan woliin hidhantanee jirtanuutitti, worra hidhameeru yaadadha’a! Akka isaan woliin rakkatiisatti jirtanuutitti, worra rakkinna fudhatiisatti jiru yaadadha’a!

[4] Fuudhaa fi heerum nama mara biratti ulfinna qabaatuu ti; Waaqi worra sagaagaluu fi worra gaarayyeeffatutti waan muruuf, abbaan manaatii fi haati manaa woliif addatamanuu ti.

[5] Jaalala beese’ee irraa if qusadha’a; wonni isin qaddanu isin gewuu ti. Waaqi, «Ani ijjumaa si hin lakkisu, ijjumaa si hin gatu» jedheera.

[6] Maarre sodaa malee, «Goottaan gargaaraa kiyya, ani hin sodaadhu; nami maan na godhuu dande’a ree?» hin jenna.

[7] Worra jecha Waaqaa isinitti dursee hime sorreyyii teessan qaabbadha’a! Leetoo isaanii keessaa waan dhaggame ilaala’a, fakkeenna dhugeeffannaa isaaniille fudhadha’aatii hordofa’a.

[8] Yesuus Kiristoos kaleelle, adhaalle, haga bara baraalle sanuma!

[9] Barsiisa adda addaa, barsiisa orma te’e maraan hin booji’amina’a! Gadhaan keenna seera sagale’ee eeggatiisaan adoo hin te’in, badhaadha Waaqaatiin adoo jabaate dansa’a; worri seera sagale’ee eeggateeyyuu womaa hin dhagganne.

[10] Nuuti addee ciincaan itti ciinceffamu qanna; te’uu malee worri dunkaanii Yihudootaa san keessa tajaajilu akka addee ciincaan itti ciinceffamu irraa nyaatuuf hin eeyyamamu.

[11] Hayyichi guddichi Yihudootaa, dhiiga hori’ii ka araara cubbu’uu fidu qabatee addee woyyittii woyyootaa seena; foon horii sanii ammoo addee itti qubataneen alatti gubama.

[12] Akkasuma Yesuus dhiiga ifiitiin kolbaa woyyonsiisaaf, karra qachaa gudda’aatiin alatti rakkate.

[13] Kowa’a nuutille addee quttumaatii baanee gara isaa dhandha; worra salphinna inni fudhatelle qoodannu teena.

[14] Nuuti qachaa guddicha dhufu eeggatiisatti jirra malee, qachaa guddicha hin banne lafa tana irratti hin qannu.

[15] Yoona, karaa Yesuusiitiin woreega galataa adoo gargar hin kutin, kowa’a Waaqaaf kennina. Kunille woreega galataa, ka afaan maqaa isaatiif dhugaa bawu irraa dhikaatu.

[16] Waan dansaa godhiisaa fi waan qaddanu worra dhibi’iin geyiisa hin dedhina’a! Woreegi akkasii Waaqa hin gammachiisa.

[17] Sooreyyii teessaniif ajajama’a; baallii isaaniitille’een jalatti bula’a; isaan baallii Waaqaan itti gaafatamanu waan qabanuuf, lubbuu teessan jabaatanee tissan; yoo isin isaaniif ajajantane, isaan kana gammadaan hujan; yoo akkas hin te’in, gaddaan hujan; kun isiniif dansa’aa moti.

[18] Nu’uuf daadimadha’a; nuuti karaa maraan waan dansaa hujiisaaf halchaa waan qannuuf, wodanaa qulqulluu akka qannu beenneerra.

[19] Irra caalaa akka ani dafee gara keessan deebi’ee dhufuuf akka daadimattanu, jabeessee isin kadhadha.

[20] Waaqi Abbaan nageyaa, ka dhiiga gondooroo bara baraatiin, tissee hoole’ee guddicha, Goottaa keenna Yesuus du’aa kaase,

[21] fedhii isaa akka muummessitanuuf waan dansaa maraan isin hidhachiisu; waan isa gammachiisulle, karaa Yesuus Kiristoosiitiin nu keessatti hujuu ti. Ulfinni haga bara baraa Yesuus Kiristoosiif te’u! Ameen.

[22] Obboleeyyan tiyya! Ergaan ani isiniif barreesse tun gabaadduu waan teeteef, dubbii gorsaa tana ossataan akka fudhattanu jabeessee isin kadhadha.

[23] Obboleessi keenna Ximootewoosille mana hidha’aatii akka hiikame akka beettanu fedha. Yoo inni dafee as dhufe, isa woliin dhufee isin dhagga.

[24] Sooreyyii teessanii fi kolbaa Waaqaa maratti nageya naa hima’a! Obboleeyyan biyya Ixaaliya’aatii dhutte nageya isinitti dhaanti.

[25] Badhaadhi Waaqaa isin mara woliin jiraatu! Ameen.

Ibrootaa — Chapters