[1] Malkiisedeqiin kun mootii Saalemiitii fi hayyicha Waaqa Ol Aaana’aa ti; inni yennaa Abrahaam mootota injifatee deebi’u kara’atti wolde’ee isa eebbise.
[2] Abrahaam waan duudii keessaa, kudhan keessaa tokko baasee kenneef; hiikkaan maqaa Malkiisedeqii tokkoffaan, «Mootii balchuma’aa ti», akkasuma «Mootii Saalemii» jechuun «Mootii nageyaa» jechu’u.
[3] Malkiisedeq abbaa, haadha, yookiin hidda dhalootaa hin qabau; barri jireenna isaalle jalqabaa fi dhuma hin qabu; akka Ilma Waaqaa haga bara baraa hayyuu te’ee jiraata.
[4] Abbaan sanyii teennaa Abrahaam waan booji’e keessaa, kudhan keessaa tokko eega isaaf kenne, nami kun attam guddaa akka te’e ilaala’a!
[5] Worri sanyii Lewwi’ii te’anee hujii hayyumma’aatitti ramadamanu, sanyii Abrahaamii te’anulle kolbaa ifii irraa jechuun obboleeyyan ifii irraa kudhan keessaa tokko akka fudhatanu seerrii hin ajaja.
[6] Malkiisedeq ammoo sanyii Lewwi’ii te’uu dhabulle, Abrahaamii waadaan galameef irraa kudhan kessaa tokko fudhatee, isa eebbise.
[7] Diqqaan gudda’aan ebbifamiis mama hin qabu.
[8] Karaa tokkoon kudhan keessaa tokko worri fudhatu worra du’a’a; karaa kaaniin ammoo kudhan keessaa tokko ka fudhatu, hayyicha jiraataa akka te’e ka dhugaan hinteef Malkiisedeq.
[9] Lewwiin kudhan keessaa tokko fuudhuuyyu, yennaa san karaa Abrahaamiitiin, «Kudhan keessaa tokko baaseera» jedhiisaaf hin dande’ama.
[10] Sababille yennaa Malkiisedeq Abrahaamiin wolde’e, Lewwiin gudeeda Abrahaamii abbaa ifii keessa jiraayyu.
[11] Karaa hayyummaa Lewwi’iitiin seerri kolba’aaf kenname; karaa hayyummaa lewwotaa kanaan guutummaan adoo dhaggantee jiraatte, muudaa hayyummaa Aaroonii adoo hin te’in, hayyichi biraa ka muudaa hayyummaa Malkiisedeqii qabu dhufiis sila hin barbaachisuuyyu.
[12] Yennaa hayyummaan jijjiirrantu seerrille jijjiiramuu qaba.
[13] Goottaan keenna ka marroo isaatiif amma dubbatamu kun ka gosa dhibii keessaa ti; gosa tana keessaa addee ciinca’aa dhiyaatee nami tajaajileeru tokkolle hin jiru.
[14] Goottaan keenna gosa Yihuudaa keessaa dhalatiis ka beekkame; te’uu malee Muuseen yennaa marroo hayyootaa dubbate, waan gosa Yihuuda’aa womaa hin dubbanne.
[15] Hayyichi biraa ka akka Malkiisedeqii gaafa ka’u, wonni kun caalaa ifa teeti.
[16] Inni karaa aada’aa fi seera sayni’iitiin adoo hin te’in, karaa hunna jireenna isaa ka dhuma hin qanneetiin hayyuu te’e.
[17] Marroo isaatiif barreeffama Woyyicha keessatti, «Akkuma hayyummaa Malkiisedeqii, ati haga bara baraa hayyuu hin teeta» jedhamee dhugaan bayameeraaf.
[18] Ajaji duraa dadhaba’aa fi ka wo hin baane waan te’eef diigameera.
[19] Seera Muuse’eetiin wonni tokkolle guutuu te’iisaaf hin dandeenne; amma ammoo addiin caaltuun ta ittiin gara Waaqaa dhikaannu nu’uuf kennanteerti.
[20] Hayyummaan tun kakuu Waaqaatiin malee hin teene; worri duraan hayyoota te’ane kakuu malee te’ane.
[21] Yesuus ammoo kakuu Waaqaatiin hayyuu te’e; marroo isaatiif Barreeffama Woyyicha keessatti, «Waaqi, ‹Ati haga bara baraa hayyu’u› jedhee kakateera, inni yaada ifii hin jijjiirratu» jedhantee barreeffanteerti.
[22] Sababa kakuu tanaatiin Yesuus gondooroo caaltu’uuf wobii te’eera.
[23] Hayyooti duraa hujii hayyummaa ifii akka itti hin fufne duuti waan dhooggituuf, laakkossi isaanii heddu’u.
[24] Yesuus ammoo haga bara baraa waan jiraatuuf, hayyumaan isaa hin jijjiirantu.
[25] Tanaaf inni isaaniif kadhatiisaaf yennaa duudii waan jiraatuuf, worra karaa isaatiin gara Waaqaa dhiyaatu ijjumaa fayyisiisaaf hin dande’a.
[26] Yoona Hayyicha Guddaa: Woyyicha, ka komii hin qanne, qulqulluu, ka cubbaalleyyii irraa gargar baye, ka ol-gubba’aan irra ol aaneeru ka waan nu’uuf barbaachisu mara godhu nu’uuf barbaachisa.
[27] Inni akka hayyoota gugurdoo dhibi’i, dursee cubbuu ifiitiif, achiin duuba cubbuu kolba’aatiif guyyuma guyya’aan woreega dhiyeessiis hin barbaachisuuf; yennaa ifi woreega tolchee dhiyeesse, takkumaan yennaa maraaf muummeseera.
[28] Seerri Muuse’ee worra dadhabaa hayyoota gugurdoo godhee muuda; jechi kaku’uu ka Seera Muuse’eetiin duuba dhufe ammoo, haga bara baraa guutuu ka te’e Ilma Waaqaa muudeera.