[1] Ana Phawuloosii marroo Kiristoos Yesuusiitiif hidhameeruu fi obboleessa keenna Ximootewoos irraa, Filemoonii jaalatamaa nu woliin hujuuf,
[2] obboleettii teenna Aaphifiiya’aaf, Arkiphosii nu woliin lolticha te’eeruu fi wolde’a kiristaanaa ka mana keeti keessatti wolti qabamuuf:
[3] Abbaa keenna Waaqaa fi Goottaa Yesuus Kiristoos biraa badhaadhii fi nageenni isiniif te’u!
[4] Daadimata kiyya keessatti yennaa si qaabbadhu, yennaa mara Waaqa galateeffadha.
[5] Sababille dhugeeffannaa ati Goottaa Yesuusitti qadduu fi jaalala ati kolbaa Waaqaa maraaf qaddu dhage’eera.
[6] Hubantii guutuu waan dansa’aa ka nu Kiristoosiin qannuu maraa akka qabaattuuf, dhugeeffannaa teeti worra dhibi’iif qoodiisatti akka jabaattu hin daadimadha.
[7] Obboleessa kiyya, gadhaa kolbaa Waaqaa waan jajjajabeessiteef jaalala keeti irraa ani gammadaa fi jajjabeenna guddaa dhaggadheera.
[8] Waan godhu’uu malte akka gootuuf, si ajajiisaaf karaa Kiristoosiitiin ifi-addii qaba;
[9] te’uu malee jaalalaan si kadhadha. Ani Phawuloosiin jaarsi, amma ammoo Yesuus Kiristoosiif jedhee ka hidhameeru,
[10] marroo ilma kiyya Oneesmoosii, ka ani adoo mana hidha’aa jiruu akka Kiristoos fudhatu tolcheetiif si kadhadha.
[11] Dur inni nama si’iif wo bawuu moti, amma ammoo anaa fi si’iifille wo hin baya.
[12] Isa deebisee gara keeti ergeera; ani waan isaa jaalladhuuf gadhaan kiyyalle isa faana dhufeera.
[13] Marroo Oduu Gammadaatiif, yennaa ani mana hidha’aa jiru, addee teeti akka inni na qarqaaruuf, ana woliin as akka turuuf fedheeraayyu.
[14] Te’uu malee hujiin dansaan ati hujju maraa jaalala gadhaa keetiitiin malee, hunnaan akka hin teeneef, si’iin hin mari’atiin womaa godhiisaaf hin barbaanne.
[15] Oneesmoos yennaa gabaaddu’uuf si irraa gargar bayee wonni tureef, yennaa mara si woliin akka jiraatuuf deebittee akka isa fudhattuuf fa’a te’a.
[16] Haganaan achi, inni obboleessa jaallatamaa garbicha caaluu malee, akka garbichaati moti. Inni anaaf jaallatama’a, si’iif ammoo namumma’aa fi Gootta’aan, irra caalaa jaallatama’a.
[17] Maarre waa’ela keeti te’uu kiyya yoo fudhattu teete, akkuma ana fudhattu isalle fudhadhu.
[18] Yoo inni si yakkee jiraate, yookiin si irraa wo liqeeffatee jiraate anatti laakkoyi!
[19] Ani Phawuloos, «Si’iif deebisee hin kaffala» jedhee harkuma kiyyaan tana barreessa; atuu Kiristoosiin liqaa kiyya te’uu keeti sitti himuu ana hin barbaachisu.
[20] Obboleessa kiyya, maqaa Gootta’aatiin waan kana anaaf godhi! Kiristoosiin gadhaa na jajjabeessi.
[21] Ajajama keeti addadhee, waan ani si gaafadhu caalchitte akka ati gootu beekiisaan tana si’iif barreessa.
[22] Wonni dhibiin: Waaqi waan isin daadimattane maraaf deebii kennee, gara keessan deebi’ee akka dhufu waan addadhuuf, addee itti foorfadhu anaaf qopheessa’a.
[23] Ephafraas, ka maqaa Kiristoos Yesuusiitiif jedhee ana woliin hidhamee jiru nageya si’iif dhaama.
[24] Akkasuma worri na woliin hujanu Maarqoos, Arisxaarkos, Deemaasii fi Luqaas nageya si’iif dhaaman.
[25] Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu. Ergaa Gara Ibrootaa Ergante