[1] Saa’ol ijjeefamuu Isxifaanosiititti wolii gale; guyyuma Isxifaanos du’e san wolde’a kiristaanaa ka Yerusaalem keessaatitti miidhaan guddoon jalqadde. Ergantoota malee, dhugeeffattooti duudiin lafa Yihuda’aatii fi Samaariyaa keessaa duudi’itti bittannowane.
[2] Worri Waaqaaf ifi kenneeru Isxifaanosiif guddoo booyanee, reeffa isaa awwaalane.
[3] Saa’ol ammoo wolde’a kiristaanaa balleessiisaaf wodhaanee, mana tokko irraa gara mana kaanii deemaa, dhiiraa fi dubartii gara mana hidha’aa seensise.
[4] Dhugeeffattooti bittinnowane addee mara dhaqanee, Oduu Gammadaa lallabane.
[5] Filiphoos gara qachaa Samariya’aa dhaqee kolbaa achi jirtuuf marroo Masiihii lallabe.
[6] Gumiin waan Filiphoos jedhe yaada tokkoon dhageettee, baasa inni hujelle dhaggite.
[7] Ayyaanni hamaan kolbaa hedduukeessaa qoonqoo guddo’oon iyyee baye; worri laashowee fi worri hokkolu hedduulle fayyane.
[8] Tanaaf qachaa san keessatti gammadi guddaan te’e.
[9] Qachaa san keessa namichi Simoon jedhamu tokko jiraayyu; inni hujii xanoo ifiitiin worra qachaa Samaariya’aa baaseffachiisee, ani nama gudda’a ifiin jedhaa tureera.
[10] Worri qachaa sanii diqqa’aa fi guddaan duudiin, «Namichi kun, hunna Waaqaa ta ‹Hunna guddoo› jedhantu» jedhaa yaada tokkoon dhage’ane.
[11] Isaan, waan Simoon yennaa hedduu xanoo ifiitiin isaan baseffachiiseef, yaada tokkoon isa dhage’ane.
[12] Isaan ammoo Filiphoos marroo oduu gammada Mootummaa Waaqaatii fi maqaa Yesuus Kiristoosii yennaa isaanitti lallabe dhage’anee, dhiiraa fi dubartooti dhugeeffatanee cuuphamane.
[13] Simooninuu dhugeeffatee cuuphameen duuba, waa’ela Filiphoosii te’ee, baasotaa fi bilbaasota gugurdaa hujame yennaa dhagge baaseffate.
[14] Ergantooti Yerusaalem keessa jiranu, worri Samaariya’aa Jecha Waaqaa akka fudhate yennaa dhage’ane, Pheexroosii fi Yohaannis gara isaanii ergane.
[15] Isaan yennaa achi geyane, Ayyaana Woyyicha akka fudhatanu dhugeeffattootaaf daadimatane.
[16] Worri Samaariya’aa maqaa Goottaa Yesuussii qofaan cuuphameera malee, Ayyaanni Woyyichi isaan keessaa nama tokko irralle’etti bu’ee hin jiruuyyu.
[17] Tanaaf Pheexroosii fi Yohaannis harka ifii isaan irra keyane; isaanille Ayyaana Woyyicha fudhatane.
[18] Yennaa ergantooti harka ifii dhugeeffattoota irra keyane, Simoon akka Ayyaanni Woyyichi namootaaf kenname dhagge. Maarre inni Pheexroosii fi Yohaannisiif beesee fidee,
[19] «Nami ani harka kiyya irra keyu duudiin, akka Ayyaana Woyyicha fudhatu hunna tana analle’eef kenna’a» jedhe.
[20] Pheexroos ammoo deebisee, «Ati Kennansa Waaqaa beese’een bitatiisaaf waan yaaddeef, atii fi beeseen teetille qile’etti bada’a!
[21] Gadhaan keeti Waaqa duratti qajeelaa waan hin te’iniif, ati hirmaannaa yookiin qooda hujii teenna keessaa hin qaddu.
[22] Tanaaf hammeenna yaada gadhaa keetii kana irraa deebi’i; waan akkana yaadatte kanaaf si’iif araarama fa’a te’a, gara Gootta’aa daadimadhu.
[23] Ati hinaaffaa hadhoottu’uun guutantee, hidhamaa cubbu’uu akka teete dhaggeera» jedhe.
[24] Simoon, Pheexroosii fi Yohaannisiin, «Waan isin anaan jettane kana keessaa tokkolle akka ana hin dhaqqanne, maganne’ee gara Gootta’aa anaaf daadimadha’a» jedhe.
[25] Pheexroosii fi Yohaannis dhugaa bayanee, Jecha Gootta’aa odeessaneen duuba, ollaa worra Samaariya’aa hedduu keessa Oduu Gammadaa lallabaa gara Yerusaalemii deebi’ane.
[26] Ergamaan Waaqaa Filiphoosiin, «Ka’iitii, Yerusaalem irraa karaa kibba goomolee Gaaza’aa geessu dhaqi» jedheen.
[27] Maarre Filiphoos ka’ee dhaqe; namichi guneessichi Itoophiya’aa tokkolle itti dhufe; inniin kun qabeenna giitittii Itophiya’aa ta «Kandaakee» jedhantuu irratti qondaala ture; inni Waaqa waaqonfatiisaaf gara Yerusaalemii dhaqeera.
[28] Inni gara biyya ifii yennaa deebi’u garreettaa geejjibaan harkifamu irra tee’ee, kitaaba raagicha Isaayaasii dubbisaaraayyu.
[29] Ayyaanni Woyyichi Filiphoosiin, «Beenu gara garreettaa geejjibaan harkifamu sanii dhikaadhu» jedhe.
[30] Filiphoosille gara garreettaa fardaan harkifamuu san rukkisee, guneessichi sun kitaaba raagicha Isayaasii keessaa dubbisuun dhage’ee, «Wonni ati dubbittu kun sii galaaraa?» jedhee gaafate.
[31] Guneessichi deebisee, «Adoo nami tokko anaaf issee hin himin attaamiin hubatiisa dande’a?» jedhe. Maarre inni akka Filiphoos garreettaa fardaan harkifamu san yaabee isa bira tee’uuf waame.
[32] Addeen inni Barreeffama Woyyicha keessaa dubbisiisatti jiru, «Inni akka hoolee qalantuu oofame; akka ilmayyoo hoole’ee, yennaa nami rifeensa irraa muru cadhittuu, Inni waan tokkolle hin dubbanne.
[33] Inni ifi gad qabee, muraa dhuga’aa dhabe. Jiruun isaa lafa irraa waan fudhatanteef, eennutu sanyii isaa himuu dande’a?» ka jedhu.
[34] Guneessichi Filiphoosiin, «Raagichi waan kana marroo eennuu dubbataara? Marroo ifiiti moo marroo nama dhibi’ii ti? Me natti himi» jedhe.
[35] Achiin duuba Filiphoos dubbatiisa jalqabee, Barreeffama Woyyicha kana irraa kaasee, Oduu Gammadaa marroo Yesuus Kiristoosii isatti hime.
[36] Isaan adoo karaa san gad deemanu, bisaan tokko bira geyane. Guneessichi, «Bisaan kunoo ti; akka ani hin cuuphanne wonni na dhooggaa maan?» jedhe.
[37] [Filiphos deebisee, «Gadhaa tokkoon yoo dhugeeffatte hin dandeetta» jedhe. Guneessichi deebisee, «Yesuus Kiristoos Ilma Waaqaa akka te’e hin dhugeeffadha» jedhe.]
[38] Guneessichi garreettaa fardaan harkifamu akka dhaabbatu ajaje; innii fi Filiphoos gara lagaa dhaqanee, Filiphoosille isa cuuphe.
[39] Isaan bisaan keessaa yennaa bayane, Ayyaani Gootta’aa Filiphoos butee fudhee deeme. Guneessichi deebi’ee isa hin dhaggine. Teetuu malee karaa ifiititti deebi’ee, gammadaa deeme.
[40] Filiphoos ammoo qachaa Azooxonii keessatti dhaggamee, Oduu Gammadaa qachoota maraa keessatti lallabaa, gara qachaa Qisaariya’aa dhaqe.