Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:43

[1] Jilti guyyaa shantameesso’oo ta «Phenxeqostee» jedhantu yennaa geette, dhugeeffattooti duudiin addee tokkotti wolitti qabamaneeraniiyyu.

[2] Dedhuma huuruun akka bubbee guddo’oo fakkaattu ol-gubbaa irraa dhuttee, mana isaan keessa jiranulle guutte.

[3] Achiin duuba wonni bobe’a ibiddaa fakkaatu isaanitti mudhate; gargar cicciteelle tokko tokkoo isaanii gubba’atti bu’e.

[4] Isaan duudiinuu Ayyaana Woyyichaan guutamanee, haga inni isaan dandeesisetti afaan adda addaatiin dubbatuu jalqabane.

[5] Yihudooti Waaqa sodaatanu ka biyya biyya lafaa keessa jirtu mara irraa dhufane Yerusaalem keessa jiraniiyyu.

[6] Yennaa huuruu tana dhage’ane, gumiin guddoon woliti qabante. Dhugeeffattooti afaan adda addaatiin dubbatanuun yennaa dhage’ane, isaan maadeffatane.

[7] Isaan baaseffataa maadeffataa, «Kunoo worri akkana dubbataaranu duudiin worra Galiilla’aatii motii?

[8] Attamiin ree isaan afaan keenna ka dhalootaatiin dubbatanuun, tokko tokkoon keenna dhageenna?

[9] Nuuti worra biyya Phaarte’ee, Meediya’aa, Elaamii, Mesophotaamiya’aa, Yihuda’aa, Qaphadooqiya’aa, Phanxoosii, Asiya’aa,

[10] Firiigiya’aa, Phinfiliya’aa, Gibxiitii fi lafa Liibiya’aa ta adaala qachaa Qereena’aa jirtu keessa leenu; gariin keenna worra biyya Rooma’aatii dhunne,

[11] worra Yihudi’iitii fi worra Yihuudii hin te’in ka dhugeeffannaa Yihudi’iititti galle; akkasuma worri Qarxeesiitii fi Arabaa jiran; kunoo isaan martinuu hujii baasaa ta Waaqi huje afaan keennaan dubbataaranuun dhageenna» jedhane.

[12] Isaan baaseffatanee, waan jedhanu dhabanee, «Wonni kun maan jechu’u?» jedhaa wol gagaafatane.

[13] Worri dhibiin ammoo, «Kolbaan tun daadhii woyini’ii untee machooteerti!» jedhaa itti murge.

[14] Yennaa san Pheexroos worra kudha tokko woliin dhaabbatee qoonqoo ol qabatee, gumi’iin, «Worri Yihuda’aatii fi isin worri Yerusaalem keessa leetanu duudiin, waan te’e kana beekiisaaf waan ani isiniin jedhu dhage’a’a.

[15] Amma ganama keessa saatii sad waan teeteef, Kolbaan tun akka isin heddane san machoottee hin jirtu.

[16] Tun ammoo afaan raagicha Iyyu’eliitiin,

[17] ‹Guyyaa muume’ee ani akkana tolcha jedha Waaqi: nama duudii irratti Ayyaana kiyya hin buusa. Ijoolleen tessan ta dhiiraatii fi ta durraa hin raagan; dargaggeeyyiin teessan mudhii hin dhaggiti, Maanguddooti teessanille oojjuu hin oojjatan.

[18] Guyyoota san keessatti, garboota dhugeeffatane ta dhiiraatii fi ta dubarti’ii irrattuu, Ayyaana kiyya hin buusa; isaanille raaga hin dubbatan.

[19] Ani ol-gubba’aatti baasa, gad lafa irralle’etti bilbaasa hin mudhisa. Dhiigaa fi ibiddi, hurrantaan aaraalle hin mudhata.

[20] Guyyaan Gootta’aa guddichii fi ulfaataan adoo hin dhufin dura, aduun hin dukkanti; jiinille diimaa akka dhiigaa te’a.

[21] Nami maqaa Gootta’aa waamu duudiin hin fayya› jedhe.

[22] «Worra Israa’elii dubbii tana dhage’a’a! Akkuma isin beettanu, eennummaan Yesuusii Naaziretii, hujii guguurdoo baasaa fi bilibaasota Waaqi karaa isaatiin odduu teessanitti muummesseen mirkanooteerti.

[23] Nami kun akka Waaqi dur murteessee fi beekeen, harka keessanitti dabarfamee kenname; akka inni harka worra cubbaleyyi’iitiin fannifamee du’u gootane.

[24] Waaqi ammoo hunna du’aa jalaa bilisa baasee, du’aa isa kaase; sababille duuti isa qaddee hamburuu hin dandeenne.

[25] Daawwiti marroo isaatiif, ‹Ani yennaa mara Waaqa ifiin duratti dhagga; Inni midda kiyya waan jiruuf ani hin daaqu.

[26] Tanaaf gadhaan kiyyalle gammadeera; arrabi kiyyalle gammadaan guutameera. Akkasuma nafi kiyya du’aan addi’iin jiraata.

[27] Lubbuu tiyya addee worra du’aneetitti hin lakkittu; ati garbicha addatamaa keeti, addee awwaalaa keessatti akka tortoree hafu hin lakkittu.

[28] Ati karaa jiru’uu anatti mudhiteerta; Ana woliin jiraatuun keeti gammadaan na guutta› hin jedha.

[29] «Obboleeyyan tiyya, abbootii teenna ta qaraa keessaa marroo mooticha Daawwitii ifa godhee isinitti hima. Inni du’ee awwaalameera; awwaalli isaalle haga ammaa asi nu’u bira jira.

[30] Daawwiti raagicha waan te’eef, Waaqi sanyii isaa keessaa tokko hin moosisa jedhee kaku’uun waadaa akka galeeruuf beekera.

[31] Tanaaf Daawwiti waan Waaqi gara duraa godhu dhaggee, marroo du’aa ka’iisa Masiihiitiif, ‹Inni addee awwaalaa keessatti isa hin lakkinne; foon isaalle awwaala keessatti hin tortorre› jedhee raageera.

[32] Waaqi Yesuusii kana du’aa kaseera; nuuti duudille waan te’eeru kanaaf dhugaa baatota.

[33] Inni gara midda Waaqaa Abba’aatitti ol fudhatamee, Ayyaana Woyyicha isaaf waadaa galame, Abbaa biraa fuudhee erge; ka isin amma dhaggitanuu fi dhageettanu kun isa.

[34] Daawwiti gara ol-gubba’aa hin baane; teetuu malee inninuu, ‹Goottaan Goottaa kiyyaan, haga ani diinoota keeti ijjata miila keeti jala godhutti, asi maddii midda kiyyaatitti tee’i› jedhee dubbateera.

[36] «Tanaaf Yesuusii isin fannittane, Waaqi Gootta’aa fi Masiihii akka godhe kolbaan Israa’elii duudiin dhugumaan beettuu ti!» jedhe.

[37] Kolbaan yennaa waan kana dhageette, wonni kun gadhaa isaan nyaatee, Pheexroosii fi ergantoota dhibi’iin, «Jarana maan goona?» jette.

[38] Pheexroos isaaniin, «Cubbuu teessaniif akka araarri kennamu, tokkoon tokkoon keessan cubbuu teessan irraa deebi’a, maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphama’a; kennansa Waaqaa, Ayyaana Woyyicha hin fudhatan.

[39] Waadaan Waaqi gale isiniif, ijoollee teessaniif, worra fagoo jiranuu fi worra Goottaan Waaqi keenna waameefille’eef» jedhee deebise.

[40] Pheexroos jecha hedduu dhibi’iin dhugaa isaanitti bayee, «Dhaloota badaa kanatti waan dhufu’uu jiru jalaa ifi baasa’a» jedhe gorse.

[41] Worri hedduun waan inni jedhu dhugeefatee cuuphame; gaafas dhugeeffattooti gara kuma sadii dabalamane.

[42] Isaan guyyaa mara barattoota irraa barataa, tokkumma’aan le’aa, sagalee woliin areerratiisaa fi daadimatiisaan jabaataa turane.

[43] Baasaa fi bilbaasi hedduun karaa barattootaatiin yennaa san waan hujatamiisatti jiruuf, martinuu soda’aan guutamane.

[44] Dhugeeffattooti duudiin addee tokko woliin jiraniiyyu; waan qabanu maralle woliin geyane.

[45] Isaan karraa fi meya ifii gurguranee, tokko tokkoofuu akka barbaachittetti beesee qoqoodane.

[46] Guyyaa guyya’aan Galma Waaqaa keessatti addee tokkotti wolitti qabamaa mana ifii keessalle’etti daabboo caccaffataa, gammadaa fi gadhaa qullu’uun areerrataa,

[47] Waaqalle leellifataa, nami duudiille isaan ulfeessaaraayyu. Goottaalle guyyuma guyya’aan worra fayyanu isaanitti dabale.

Hujii Ergantootaa — Chapters