Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:05

[1] Gaafa tokko Pheexroosii fi Yohaannis yennaa daadimataa saafoya saatii sagalitti, gara Galma Waaqaa deemane.

[2] Achi «Karra midhaadduu» jedhantu dura, namichi haga dhalatee jalqabee naafa te’e tokko jiraayyu; inni worra Galma keessa seenanu irraa akka beesee kadhatuuf guyyaa mara ba’atanee balbala dura isa keyan.

[3] Inni Pheexroosii fi Yohaannis gara keessaa seenaaranuun yennaa dhagge, akka wo isaa kennanuuf kadhate.

[4] Pheexroosii fi Yohaannis isa hubatanee ilaalanee, Pheexroos «Ol jedhii nu ilaal» jedheen.

[5] Maarre inni isaan irraa waan wo dhaggatu seyee, hubatee isaan ilaale.

[6] Pheexroos ammoo, «Ani beesee hin qabu; waan qabu ammoo si’iif hin kenna; maqaa Yesuus Kiristoosii Naaziretiitiin ka’ii ideemi» jedhe.

[7] Achiin duuba inni harka middicha isaa qabee ol kaase; yoosuma miilaa fi gulubiin isaa jabaatte.

[8] Inni ol utaalee miilaa ifiitiin dhaabbatee, ideemiisa jalqabe; Galma Waaqaa keessa isaan woliin seenee, asii fi achi deemaa u’utaalaa Waaqa leellifate.

[9] Nami duudiin inni ideemaa Waaqa leellifatuun dhaggane.

[10] Isaan inni kadhaticha karra «Midhaadduu» jedhantu dura tee’ee kadhatu kaan akka te’e yennaa beekane, waan namicha irratti te’e kanatti maalalanee baaseffatane.

[11] Yennaa namichi fayye sun Pheexroosii fi Yohaannis biraa hafuu dide, gumiin duudiin jajjee gara addee «Soroo Solomoonii» jedhantuu rukkitte.

[12] Pheexroos gumii wolitti qabante san dhaggee, «Worra Israa’elii maaf waan kana baaseffattan? Maaf nu hubattanee ilaaltan? Nuuti hunna teennaan yookiin hujii teenna dansa’aan nami kun akka ideemu waan goone seetanii?»

[13] Waaqi abbootii teennaa, ka Abrahaamii, ka Yisihaaqiitii fi ka Yaaqoobii, ilma ifii Yesuus ulfeesseera. Isin ammoo harka Philaaxosiititti dabarsitanee kennitane; Philaaxos isa lakkisiisaaf barbaadulle, isin isa diddane.

[14] Isin ammoo Yesuusii Woyyichaa fi balchichaa diddanee, ka nama ijjeese akka hiikamuuf kadhattane.

[15] Isin ka jiruu kennu ijjeettane; Waaqi ammoo du’aa isa kaase. Nuuti waan kanaaf dhugaa baatota.

[16] Namicha naafa te’e kanaaf hunna jabeennaa ka kenne hunna maqaa Yesuusii ti. Wonni isin dhaggitanuu fi beettanu maqaa Yesuusiitti dhugeeffatiisaan teete; akkuma isin duudiin dhaggitanu wonni isa fayyise, dhugeeffannaa inni Yesuusitti qabu.

[17] «Ammalle obboleeyyan tiyya, waan Yesuus irratti gootane, isinille akkuma bulchitoota teessanii wollaalchaan akka gootane hin beeka.

[18] Waaqi bara heddu’uun dura Masiihiin akka rakkatu afaan raagota maraatiin ka dubbate, karaa kanaan akka muummottu godheera.

[19] Maarre akka inni cubbuu teessan isiniif araaramu cubbuu irraa deebi’aatii, gara Waaqaa dacha’a’a.

[20] Waaqa irralle’ee barri isin itti haareffantanu hin dhufa; Waaqi masiihii dursee isiniif file Yesuus isiniif hin erga.

[21] Inni haga yennaan waan duuchi’ii hareffamiisaa geettutti, akkuma Waaqi karaa raagota woyyootaatiin woggaa heddu’uun dura lallabe ol-gubba’atti turuu qaba.

[22] Muuseen, ‹Goottaan Waaqi keessan akkuma amma ana kaase, kolbaa teessan keessaa raagaa tokko isiniif hin kaasa; waan inni isinitti himu mara dhage’a’a.

[23] Nami ragicha san dhage’uu didu duudiin, kolbaa Waaqaa irraa adda bayee hin bada› jedheera.

[24] Raagoti Samu’eliin jalqabanee ka’anee fi dubbatane duudiinuu, waan bara kanaa dubbataneeran.

[25] Isin sanyii ragotaati; akkasuma gondooroo Waaqi abbaa keessan Abrahaamiin, ‹Ani karaa sanyii teetiitiin kolbaa lafaa duudii hin eebbisa› jedhee gondoore worra dhaalu.

[26] Tanaaf Waaqi karaa hamaa keessan irraa deebisee isin eebbisu’uuf, tajaajilaa ifii Yessuus filee dursee isiniif erge» jedhe.

Hujii Ergantootaa — Chapters