[1] Ergantootaa fi dhugeeffattooti biyya Yihuda’aa keessaa, worri Yihudoota hin te’inille Jecha Waaqaa akka fudhatane dhage’ane.
[2] Maarre Pheexroos yennaa gara Yerusaalemii ol dhaqe, Yihudooti dhugeeffatane isatti mormanee,
[3] «Ati mana worra haqanqaba hin qabatinii dhaxxee, isaan wolille’een nyaatte» jedhane.
[4] Pheexroos ammoo, waan te’e mara tokko tokkoon isaanitti himuu jalqabee:
[5] «Ani qachaa Yophe’ee keessatti adoo daadimatiisatti jiruu, galaalchee mudhii dhagge. Wonni akka woyaa guddo’oo fakkaattu roga afuriinuu ol gubbaa irraa dhuttee, ana cinaa buute.
[6] Ani hubadhee yennaa ilaale, woyaa san keessa horii miila afur qabu, bineensota, bineensota gadha’aan lowanuu fi sinbirroota koolaan ka’anu dhagge.
[7] Achiin duuba qoonqoo, ‹Pheexroos, ka’i; bineensota kana qaladhuutii nyaadhu!› jettu dhage’e.
[8] Ani ammoo, ‹Hin teetu, Gootta’a! Wonni aadaa dhugeeffanna’aatiin qulqulluu hin te’in yookiin wonni battiin afaan kiyya seentee hin beettu› jedhe.
[9] Ammalle qoonqoon ol-guubbaa irraa, ‹Waan Waaqi qulqulleesse, ati akka batti’ii hin laakoyin› anaan jette.
[10] Tun yennaa sad teeteen duuba, wonni sun duudiin gara ol-gubba’aa fudhatante.
[11] Yennaa san namooti sad ka Qiisaariyaa irraa gara kiyya ergamane, gara mana ani turee dhufane.
[12] Ayyaanni Woyyichi akka ani mama malee isaan woliin deemu anatti hime. Dhugeeffattooti jaan ka as ana bira jiranulle ana woliin dhaqanee, duudiin keenna mana Qorneelewosii seenne.
[13] Qorneelewosille, ergamaan Waaqaa mana isaa keessa dhaabbateeruun akka dhaggee fi ergantichi isaan, ‹Gara Yophe’ee nama ergiitii, Simoon ka Pheexroos jedhamu waansisi;
[14] inni dubbii atii fi worri keeti duudiin ittiin fayyitanu hin dubbata› akka jedheen nutti hime.
[15] Yennaa ani dubbatiisa jalqabe, Ayyaanni Woyyichi akkuma jalqaba nu irratti bu’e, isaan irralle’etti bu’e.
[16] Yennaa san waan Goottaan, ‹Yohaannis bisaaniin cuuphe, isin ammoo Ayyaana Woyyichaan cuuphantan› jedhe qaabadhe.
[17] Waaqi yennaa nuuti Goottaa Yesuus Kiristoositti dhuugeeffanne kennansuma nu’uuf kenne san, isaan worra Yihudoota hin te’iniifille eega kenne, ka Waaqa dhooggu ani eennu ree?» jedhe.
[18] Isaan yennaa tana dhage’ane, moromaa lakkisanee, «Waaqi worra Yihudoota hin te’inille akka cubbuu irraa deebi’anee jiraatanu carraa kenneera» jedhanee Waaqa leellisane.
[19] Miidhaa yenna Isxifaanos ijjeefame ka’een, dhugeeffattooti bittinnowane haga qachaa Finiqee, Qophoroosii fi Anxokiyaa deemanee, Jecha Waaqaa worra Yihudootaa calla’aaf himane.
[20] Te’uu malee dhugugeeffattooti qachaa Qophiroosiitii fi Qareena’aatii dhufane gariin, gara qachaa Anxokiya’aa yennaa dhufane, worra Giriikootaalle’eef Oduu Gammadaa ta marroo Goottaa Yesuusii himane.
[21] Goottaan hunna ifiitiin isaan qarqaare; kolbaan hedduulle dhugeeffattee gara Gootta’aa deebite.
[22] Wolde’i kiristaanaa ka Yerusaalem keessaa oduu tana dhage’ee, Barnaabas gara Anxokiya’aa erge.
[23] Inni achi geyee, Waaqi attam kolbaa akka badhaase yennaa dhagge, gammadee, duudiinuu gadhaa tokkoon Gootta’aaf addatamanee akka jabaatanu itti gorse.
[24] Barnaabaas nama arjaa Ayyaana Woyyichaa fi dhugeeffanna’aan guutame waan te’eef, kolbaan hedduun gara Gootta’aa deebite.
[25] Achiin duuba Barnaabaas Saa’ol barbaadiisaaf gara Xarseesii dhaqe.
[26] Yennaa isa dhagge gara Anxokiya’aa isa fidee, woggaa guutuu isaan lamaanuu wolde’a Kiristaanaa woliin gumii hedduu barsiisane. Dhugeeffattooti qaraa Anxokiya’atti, «Kiristaanota» jedhamanee waamamane.
[27] Yennaa san raagoti gariin Yerusaalemii gara Anxokiya’aatti gad bu’ane.
[28] Isaan keessaa tokkochi Agaabos ka jedhamu ka’ee, biyya lafaa duudii irratti beelti jadduun akka bu’aartu, Ayyaana Woyyichaan raaga dubbate; kunille bara Kilaawudiiyos mootii te’etti muummowe.
[29] Barattooti tokko tokkoonuu akkuma dandeettii ifiititti, dhugeeffatoota Yihudaa keessa leetu qarqaariisaaf murteeffatte.
[30] Isaan tana godhanee, achiin duuba beesee karaa Barnaabaasiitii fi Saa’oliitiin gara jaarsota wolde’a Kiristaanaa ergane.