Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:40

[1] Hogaan qabbanoyeen duuba, Phawuloos dhugeeffattoota duudii waamee, jajjabeesee, nageya itti dhaamee, isaan lakkisee gara Maqedooniya’aa dhaqiisaaf ka’e.

[2] Inni lafa keessa dabaretti dhugeeffattoota gorsa heddu’uun jajjabeessaa, gara biyya Giriikii deemee,

[3] ji’a sad achi ture. Inni hobolo’oon Sooriyaa dhaqiisaaf adoo qophawuu, worri Yihudootaa akka mala itti dhowe yennaa beeke, karaa Maqedooniya’aatiin deebi’iisaaf murteeffate.

[4] Sophaaxros ilmi Phiirosii nama Beriya’aa, Arisxaarkosii fi Sekundos nami Tasaloniiqe’ee, Gaayos nami Derbe’ee, Ximootewos, Xikiqoosii fi Xirofomoos nami Asiya’aa, Phawuloos woliin deemane.

[5] Jarri tun nuun dura dhaxxee Xiro’aasitti nu eedde.

[6] Nuuti ammoo guyyaan Jila Daabboo Uukoo hin qanne dabareen duuba, Filiphisiiyusii irraa hobolo’oon kaanee, guyyaa shaniin duuba isaaniin wol dhagginee, torbaan tokko achi turre.

[7] Torbaan keessaa guyyaa qaraa, daabboo caccaffatiisaaf wolitti qabannee adoo jirruu, Phawuloos boruyyaa deemiisaaf waan yaadeef, dubbii ifii dheeressee haga halkan wodhakka’aa kolba’atti dubbate.

[8] Addee nuuti wolitti qabanne kolloo mana mana gubba’aa keessa ifi hedduun jiraayyu.

[9] Dargaggeessi Oyxikoos jedhamu tokko foddaa irraa tee’eeraayyu; Phawuloos haasowa dheeressinaan, mugee dunquuqqayee, mana mana gubba’aatiin gubba’aa irraa bu’e; yennaa isaan ol isa fuudhane, inni du’eera.

[10] Phawuloos ammoo gad bu’ee, gad itti jedhee hanqafatee, «Hin rifatina’a! Lubbuun isaa keessaa jirti» jedhe.

[11] Achiin duuba inni gara mana mana gubba’aatitti ol deebi’ee, daabboo cassee nyaate; haga latti bariitu isaan woliin dubbateen duuba deeme.

[12] Isaan Dargaggeessa jiraataa te’e san gara manaa geessanee, guddoo jajjabaatane.

[13] Phawuloos karaa lafa irraa qachaa Asosii dhaqiisaaf waan yaadateef, nuuti isaan dura qachaa Asosii dhandhee, hoboloo akka isa yaabbachinnu waan nu ajajeef, tana goone.

[14] Asositti wol dhagginee, isa fudhannee hobolo’oon qachaa Mixileene’eetitti dabarre.

[15] Boruyyaa hobolo’oon achii kaanee, oddoola Kiiyosii bira geenne. Guyyaa itti aanulle oddoola Saamosii dhandhee, boruyyaa qachaa Miilexosii geene.

[16] Phawuloos kutaa biyya Asiya’aa keessatti turuu waan hin barbaadiniif, gara Efesoonii goruu lakkisee, hobolo’oon dabaru’uuf murteeffate. Yoo dande’ante guyyaa jila shantameesso’oo ta «Phenxeqostee» jedhantu Yerusaalem geyisaaf ariifateeraayyu.

[17] Phawuloos qachaa Miilexosii irraa gara Efesoonii nama ergee, Jaarsolee wolde’a Efesoonii gara ifii waansise.

[18] Isaan gara isaa yennaa dhufane, inni isaaniin, «Ani guyyaa qara lafa Asiya’aa dhufeen jalqabee, yennaa duudii attam akka isin woliin jiraadhe isinuu hin beettan.

[19] Yihudooti mala anatti dhowanee rakkadhulle, ani waan duudi’iin ifi gad qabee, imimmaaniin Goottaa tajaajile.

[20] Waan isiniif te’u mara adoo hin hamburin, wolde’aa fi mana keessan irra deemaa, lallabee akka barsiise isin hin beettan.

[21] Cubbuu irraa gara Waaqaatitti deebi’anee, Goottaa keenna Yesuus Kiristoositti akka dhugeeffatanu, Yihudootaa fi worra Yihudoota hin te’iniif ani dhugaa bayeera.

[22] Amma kunoo achitti waan anatti dhufu adoo hin beekin, akeettii Ayyaana Woyyichaatiin Yerusaalem dhaqaara.

[23] Qachaa ani gewu duudii keessatti hidha’aa fi miidhaan akka ana eegattu, Ayyaanni Woyyichi anatti himeera.

[24] Te’uu malee ergaa tiyya yoo fixee, hujii Goottaan Yesuus anatti kenne ta Wongeela badhaadha Waaqaalle yoo lallabee muummesse, jiruu tiyya woyittu hin laakkowu.

[25] «Ani odduu teessan deddeebi’ee, marroo mootummaa Waaqaa lallabeera; amma ammoo, nami tokkolle deebi’ee akka ana hin dhaggine hin beeka.

[26] Tanaaf isin keessaa nami tokko yoo bade, akka ani itti hin gaafatanne adha isinitti hima.

[27] Sababille ani fedhii Waaqaa duudii isinitti himeera malee, waan isin irraa hambure hin qabu.

[28] Maarre ifii fi hoolee Waaqaa akka isin eeddanuuf isinitti kennantelle’eef ifi eegadha’a; wolde’a kiristaanaa ka Waaqaa, ka inni dhiiga ilma ifiitiin ka ifii godhate tissa’a.

[29] Ani deemeen duuba, worri akka yayyi’ii odduu teessan akka seenanu ani hin beeka.

[30] Yennaan namooti gariin isinuma keessaa, dhugaa dassanee dhugeeffattoota ifi hordoffachiisanu hin dhutti.

[31] Tanaaf dammaqa’a! Ani woggaa sadi halkanii fi guyyaa adoo gargar hin kutin imimmaaniin, tokko tokkoo keessan akka gorse qaabadha’a.

[32] «Amma ani eeddoo Waaqaatitti, badhaadha ergaa isaa ka isin ijaariisa dande’uu fi eebba Waaqi kolbaa ifii duudi’iif kennutti, isin kenneera.

[33] Ani meetii, worqii yookiin uffana eennulle hin kajeelle.

[34] Anaa fi worra ana woliin jiruuf waan barbaachisu maraa dhaggatiisaaf harka kiyyaan akka huje isinuu hin beettan.

[35] Jecha Goottaa Yesuusii, «Ka fudhatu caalaa ka kennu ka eebbifame» jedhe qaabatiisaan, harka keennaan hujaa, hiyyeeyyii qarqaaruu akka malle ani isinitti mudhiseera.

[36] Phawuloos tana dubbatee fixeen duubba, isaan woliin jilbiiffatee daadimate.

[37] Isaan duudiin booyaa morma isaatitti maratanee sunqatane.

[38] Keessattuu inni isaaniin, haganaa achii deebitanee ana hin dhaggitanu waan jedheef guddoo gaddane; achiin duuba isaan haga hobolo’oo isa woliin deemane.

Hujii Ergantootaa — Chapters