[1] Yennaa diqqo’oon duuba laakkossi barattootaa akkuma heddataa deemeen, Yihudooti afaan Giriikii dubbatanu Yihudoota biyya Yihuda’aatitti dhalatane irratti gungumane; haadhotiin hiyyeessaa ta Yihudoota afaan Giriikii dubbatanuu, gargaasa guyyaa guyya’atti dhaggataa turane waan dagatamaneef gungumane.
[2] Maarre ergantooti kudhanii lama dhugeeffatoota duudii wolitti waamanee, «Nuuti sagalee qoodiisaaf jennee Jecha Waaqaa lallabiisa irraanfatuun nu’uuf hin malle.
[3] Maarre obboleeyyan, namoota hujii tana itti kenninu, worra maqaa dansaa qabu, ka Ayyaanni Woyyichii fi qarummaan keessa guutte, odduu teessanii namoota torba fila’a.
[4] Nuuti ammoo daadimataa fi hujii Jecha Waaqaa lallabiisaatiif yennaa teenna mara kennina» jedhane.
[5] Nami duudiin yaada ergantootaa jaallatee, Isxifaanos ka jedhamu dhugeeffanna’aa fi Ayyanni Woyyichi ka keessa guute filane; akkasuma Filiphoosii fi Phirokoros, Niqaaroona’aa fi Ximoonaa, Pharmena’aa fi Niqolaawosii nama biyya Anxokiya’aa ka dhugeeffannaa Yihudootaa dur fudhateerulle filane.
[6] Isaan worra kana duudii ergantoota dura dhaabbachiisane; ergantootille harka ifi isaan irra keyanee daadimatane.
[7] Jechi Waaqaa badhataa deeme, laakkossi dhugeeffattootaa Yerusaalem keessatti guddataa guddatatuma deeme; hayyooti heddulle dhugeeffatane.
[8] Isxifaanos badhaadhaa fi hunna Waaqaatiin guutamee baasotaa fi bilbaasota guddaa odduu kolba’aatitti huje.
[9] Yennaa san Yihudooti miseensota, «Mana waaqeffannaa worra bilisa bayee» jedhamuu, worri Qareena’aatii fi Iskindiriya’aa, worri biyya Qiliiqiya’aatii fi Asiya’aatii dhufane tokko ka’anee Isxifaanositti falmane.
[10] Te’uu malee, qarumma’aa fi Ayyaana Isxifaanos ittiin dubbatu mormiisa hin dandeenne.
[11] Maarre isaan, «Dubbii Muuse’ee fi Waaqa faanshessitu isaa dubbatu dhageenneerra» akka jedhanuuf namoota dhossa’aan itti tirtirsane.
[12] Akkuma kanaan isaan kolbaa, jarsole’ee fi barsiisota Seera Muuse’ee itti tirtisanee, Isxifaanos qabanee fuudhanee kora mura’aa dura dhikeessane.
[13] Achiin duuba isaan namoota garii ka dharaan dhugaa isa irratti bayanu fidane. Dhugaa baatoti dharaa tuun, «Namichi kun, Galma Waaqaa woyyicha keennaa fi Seera Muuse’ee irratti yennaa mara morma.
[14] ‹Yesuusiin nama Naaziretii Galma Waaqaa hin diiga, aadaa Muusee irraa gad nu’uuf dhuttelle duudii hin jijjiira› jedhuun dhageenneerra» jedhane.
[15] Worri Kora mura’aa keessa tee’eeru duudiin hubatanee Isxifaanos yennaa ilaalanu, fuulli isaa akka fuula ergamaa Waaqaa te’ee dhaggane.