Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:36

[1] Ulfaataa Tewoofiloos! Kitaaba kiyya ka kanaan duraa keessatti marroo waan Yesuus hujeetii fi barsiise duudii barreeseera. Wonni ani barreesselle gaafa Yesuus hujii ifii jalqabeen kaasee,

[2] haga guyyaa gara ol gubba’aa bayeetitti waan huje; inni ergantoota filateef, ajaja ifii karaa Ayyaana Woyyichaatiin kenneen duuba gara ol gubba’aa baye.

[3] Yesuus du’a ifiitiin duuba akka jiraataa te’e, deddebi’ee karaa hin mansiinneen mirkaneessaa haga guyyaa afurtamaa isaanitti mudhatee, marroo Mootummaa Waaqaalle isaanitti dubbate.

[4] Inni isaan woliin adoo jiruu, «Addii Abbaan kiyya isiniif kenne, ta ani isinitti hime san eegadha’a malee, Yerusaalemii hin bayina’a» jedhee isaan ajajaje.

[5] Eede’eelle Yesuus, «Yohaannis bisaaniin isin cuuphe; guyyaa diqqa’aan duuba ammoo Ayyaana Woyyichaan cuuphantan» jedhe.

[6] Yennaa wolitti qabamane ergantooti Yesuusiin, «Gootta’a, ati ammaa tana Israa’eliif Mootummaa deebittee kennaartaa?» jettee gaafatte.

[7] Yesuus isaaniin, «Yenna’aa fi bara Abbaan kiyya baallii ifiitiin murteesse beekuu hin dandeettanu;

[8] ammoo yennaa Ayyaanni Woyyichi isin irratti bu’u, hunna hin dhaggattan; yennaa san Yerusaalemitti, lafa Yihuda’aa duudi’itti, Samaariya’aa fi biyya lafaa duudi’itti dhugaa bayoota tiyya hin teetan» jedhe.

[9] Yesuus kana jedheen duuba, adoo isaan isa ilaalanuu gara ol-gubba’aa fudhatame; duumensille isaan duraa isa golle.

[10] Isaa ol bayiisatti jiru, ila hin caffatin adoo ilaaliisatti jiranuu, namooti lamaan ka woyaa adii uffataneeranu cinaa isaanii dhaabbatanee,

[11] «Isin namoota Galiila’aa, maaf asi dhaabbatanee gara gubba’aa ilaaltan? Yesuusiin isin duraa gara ol-gubba’aa fudhatame kun, gara ol-gubba’aa bayaaruun akkuma dhaggitane akkanuma deebi’ee hin dhufa» jedhane.

[12] Achiin duuba ergantooti gaara Ejersaa jedhamu irraa gara Yerusaalemii deebi’ane; gaarri Ejersaa Yerusaalem irraa gara kiiloo meetira tokko fagaata.

[13] Isaan qachaa guddicha seenanee, gara kolloo mana mana gubba’aa ol bayane. Isaanille Pheexroos, Yohaannis, Yaaqoob, Indiryaas, Filiphoos, Toomaas, Bartolomewoos, Maatewoos, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Simoonii hinaatichaa fi Yihudaa ilma Yaaqoobii fa’a.

[14] Isaan duudiinuu dubartoota, Maariyaamii hadha Yesuusiitii fi obboleeyyan isaa woliin wolitti qabamanee, yaada tokkoon daadimataaraniiyyu.

[15] Guyyaa diqqa’aan duuba, Pheexroos woli geyii dhugeeffattoota gara dhibbaaf diddama geettu tokko keessa dhaabbatee,

[16] «Obboleeyyan tiyya, Barreeffama woyyicha keessatti, marroo Yihudaa worra Yesuus qabeef sooressaa te’ee, dubbiin Ayyaanni Woyyichi afaan Daawwititiin dubbateeru muummowuu qaddiiyyu.

[17] Yihudaan qooda hujii teennaa nu woliin akka qabaatu waan filameeruuf, golii teenna te’eeraayyu.

[18] Namichi kun beesee hujii hammeenna ifiitiin dhaggate saniin, fichaa bitate; inni mata’aan lafa dhayee nafi isaa dho’ee, meeni gadha’aa jige.

[19] Worri Yerusaalem keessa le’anu duudiin waan kana dhage’ane; maarre isaan lafa san afaan ifiitiin ‹Akeldaamaa› jedhane; akkas jechuulle «Lafa dhiigaa» jechu’u.

[20] «Kitaaba Faaru’uu keessatti, ‹Manni isaa ona te’uu ti; eennulle keessa hin le’in›; akkasuma, ‹Nami dhibiille sooressummaa isaa fudhatuu ti› jedhantee barreefanteerti.

[21] Tanaaf yennaa Goottaan Yesuus odduu teennatti deddeebi’e duudi’itti nama nu woliin jiru keessaa,

[22] akkasuma cuuphaa Yohaannisiitiin jalqabee, haga guyyaa Yesuus nu biraa ol fudhatameetitti, worra nu woliin jiru kana keessaa tokkochi, du’aa ka’a Yesuusiitiif, nu woliin nama dhugaa bawu te’uu barabaachisa» jedhe

[23] Maarre isaan nama lamaan Yoseef ka barsaabaas yookiin Yosxos jedhamee waammamu fi Maatiyaas dhikeessane.

[24] Achiin duuba isaan, «Gootta’a, ati yaada nama duudi’ii beetta; nama lamaan kana keessaa, addee Yihudaan lakkisee gara addee ifii deemetti, ergamaa te’ee akka tajaajiluuf ka filatte nu’utti mudhisi» jedhaa daadimatane.

[26] Achiin duuba isaan namoota lamaan keessaa tokko filiisaaf hixaa yennaa buusane, hixaan Maatiyaas dhaqqabe. Maarre inni ergantoota kudhanii tokkotti dabalame

Hujii Ergantootaa — Chapters