Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:48

[1] Phawuloosii fi Baarnaabaas qachaa Iqoniiyumii keessalle’etti gara Mana Waaqeffannaa Yihudootaa seenanee, akka maltetti waan barsiisaneef, Yihudootii fi Giriikoti hedduun dhugeeffatane.

[2] Yihudooti hin dhugeeffatin ammoo, worra Yihudoota hin te’in kakkaasanee, dhugeeffattoota akka jibbanu godhane.

[3] Tanaaf Phawuloosii fi Baarnaabaas, sodaa malee marroo Gootta’aa dubbataa yennaa hedduu achi turane; Goottaalle akka isaan baasaa fi bilbaasota godhanu hunna isaanii kennee, Jecha badhaadha ifii mirkaneesse.

[4] Worri qachaa sanii ammoo, gargar qoqoodamee, gariin gara Yihudootaa, gariin gara ergantootaa gorane.

[5] Worri Yihudoota hin te’inii fi Yihudooti, bulchitoota ifii woliin te’anee, Phawuloosii fi Baarnaabaas rakkisiisaa fi dhaka’aan tumiisaaf barbaadane.

[6] Phawuloosii fi Baarnaabaas yennaa tana beekane, gara qachoota lafa Liqaa’oniya’aa ka Lisxira’aa fi Derbee jedhamanuutii fi biyya adaala sanii baqatane.

[7] Isaan achitti Oduu Gammadaa lallabane.

[8] Qachaa Lisxira’aa keessa namichi miilli isaa naafateeru tokko jiraayyu; inni guyyaa dhalateenuu jalqabee fafa waan te’eef, miila ifiitiin deemee hin beeku.

[9] Namichi kun achi tee’ee waan Phawuloos jedhu dhage’aa ture. Phawuloos namicha hubatee ilaalee, dhugeeffannaa isa fayyittu akka inni qabu yennaa dhagge,

[10] «Ka’ii qajeelii, miila keetiin dhaabadhu» jedhee qoonqoo guddo’oon dubbate. Namichille utaalee ka’ee, asii fi achi deemuu jalqabe.

[11] Gumiin waan Phawuloos godhe yennaa dhaggite, qoonqoo guddo’oon, «Waaqoti namoota fakkaatanee gara keenna gad bu’aneeran» jedhanee afaan Liqaa’oniya’aatiin dubbatane.

[12] Baarnaabaasii, «Ze’os» jedhanee maqaa mootii waaqota ifiitiin moggaasane; Phawuloos ammoo ka guddoo dubbate waan te’eef, akka ergamaa waaqota ifiititti, «Hermees» jedhanee moggaasane.

[13] Hayyichi, galma Ze’osii ka qacha’aan ala jiru keessa tajaajilu, korommi’ii fi daraaraa gara karra qacha’aa fidee, kolbaa woliin Phawuloosii fi Baarnabaasiif ciincaa dhikeessiisaaf barbaade.

[14] Phawuloosii fi Baarnaabaas waan kana yennaa dhage’ane woyaa ifii tarsaasanee, gara odduu kolba’aa rukkisane; qoonqoo ifiille ol qabatanee,

[15] «Jarana, isin maaf waan kana gootan? Nuutille namuma akka keessanii ti. Nuuti akka isin waan gatii hin qanne irraa fagaattanee, gara Waaqa jiraataa ol-gubbaa, lafa, abbaayaa gudditti’ii fi waan isii keessa jiru duudii dadee, akka deebitanu Oduu Gammadaa isiniif lallabaarra.

[16] Bara dhaloota dabareetitti kolbaan duudiin karaa ifii akka deentu Waaqi isaan lakkiseera.

[17] Te’uu malee bokkeya ol-gubbaa irraa isiniif kennaa, midhaan yennaa ifiitti akka midhaan buusuu godhaa, sagalee isiniif kennaa, gadhaa keessan gammadaan guutaa, waan dansaa godhiisaan Waaqummaa ifii mudhiseera» jedhane.

[18] Ergantooti tana mara dubbatanulle, rakkinna jaba’aan ciincaa akka isaaniif hin dhikeessine jara dhooggane.

[19] Yihudooti ammoo qachoota Anxokiya’aatii fi Iqoniiyumii dhufanee, akka kolbaan yaada isaanii fudhattee Phawuloos irratti kaatu godhanee, dhaka’aan isa tumane; du’eera seyaneelle qachaa keessaa harkisanee gad baasane.

[20] Te’uu malee yennaa dhugeeffattooti dhufanee isatti naannowanee dhaabbatane, Phawuloos lafaa ka’ee gara qacha’aa ol deebi’e. Boruyyaa Baarnaabaas woliin gara qachaa Derbe’ee dhaqe.

[21] Phawuloosii fi Baarnaabaas qachaa Derbe’eetitti Oduu Gammadaa lallabanee, namoota hedduu dhugeeffattoota godhaneen duuba, gara qachoota Lisxira’aa, Iqoniiyumii fi Anxokiyaa biyya Phisiidiyaa keessatti dhaggantuu deebi’ane.

[22] Isaan dhugeeffattoota jajjabeessaa, dhugeeffannaalle’een akka jabaatanu gorsaa, «Gara Mootummaa Waaqaa galiisaaf rakkoo hedduu keessa qaxxaamuruu qanna» jedhane.

[23] Ergantooti wolde’a kiristaanaa tokko tokkottuu jaarsolee filanee, laamanee daadimataneen duuba, Goottaa itti addatanetti magannee isaan kennatane.

[24] Phawuloosii fi Baarnaabaas biyya Phisiidiyaa keessa dabaranee gara biyya Phamfiliya’aa dhufane.

[25] Phergeelle’etti Jecha Waaqaa lallabaneen duuba, gara qachaa Ataalii’aatti gad bu’ane.

[26] Achille’ee gara addee hujii amma muummessane tanaaf, badhaadha Waaqaatiif itti kennamanee, hoboloo gudditti’iin Anxokiya’atti deebi’ane.

[27] Isaan Anxokiyaa yennaa geyane, kolbaa wolde’a kiristaanaa wolitti qabanee, waan Waaqi karaa isaaniitiin godhe duudi’ii fi worra Yihudoota hin te’iniif karaa dhugeeffanna’aa attam akka bane himane.

[28] Achille’etti dhugeeffattoota woliin yennaa hedduu turane.

Hujii Ergantootaa — Chapters