[1] Phawuloos gara qachaa Derbe’ee dhaqee, qachaa Lisxira’aatitti dabare. Achi dhugeeffataan Ximootewos jedhamu tokko jiraayyu. Haati isaa Yihudittii kiristaana teeteertu; abbaan isaa ammoo nama Giriiki’ii ti.
[2] Ximootewos dhugeeffattoota qachaa Lisxira’aatii fi Inqoniiyum keessa jiranu duudii biratti gurra dansaa qabaayyu.
[3] Phawuloos akka Ximootewos isa faana deemu waan barbaadeef, haqanqabaa isa qabe. Sababille Yihudooti achi jiranu duudiin abbaan Ximootewosii Giriikii akka te’e waan beekaneef tana godhe.
[4] Isaan qachoota keessa yennaa dabaranu, murtee ergantootaa fi jaarsoleen Yerusaalem keessatti muraneef dhugeeffattooti akka ajajamanu itti himane.
[5] Maarre wolde’ooti Kiristaanaa dhugeeffanna’aan jajjabaatanee, guyyuma guyya’aan laakkossaan heddatane.
[6] Phawuloosii fi Siilaas lafa Asiya’aatitti Jecha Waaqaa akka hin lallanne Ayyaanni Woyyichi waan dhooggeef lafa Firiigiya’aatii fi Galaatiya’aa keessaa dabaranee deemane.
[7] Yennaa fuullee lafa Misiyaasii geyane godina lafa Bitaaniya’aa, dhaqiisaaf wodhaanane. Ayyaanni Yesuusii ammoo isaaniif hin eeyyanne.
[8] Maarre isaan lafa Misiyaasii keessa dabaranee, gara Xiroosii gad bu’ane.
[9] Halkan san namichi lafa Meqedooniya’aa tokko dhaabbatee, «Gara lafa Meqedooniya’aa koyiitii nu qarqaar» jedhuun Phawuloos yaadaan dhagge.
[10] Phawuloos waan kana yaadaan dhaggeen duuba, akka nuuti Oduu Gammadaa kolbaa Maqedooniya’aatiif lallannu, Waaqi akka nu waame waan hubanneef, yoosuma gara Maqedooniya’aa dhaqiisaaf qophoonne.
[11] Qachaa Xiroosiitii hoboloo gudditti’iin kaanee, adoo asii achi hin gorin gara oddoola Samotiraaqe’ee dhandhee, boruyyaa gara qachaa Ne’apholiisitti dabarre.
[12] Achille’ee qachaa Filiphisiiyusii geenne; qachaan Filiphisiiyusii qachaa guddaa Maqedooniyaa keessatti beekkamu, ka worri Rooma’aa itti qubateeru; achille guyyaa hedduu bubbulle.
[13] Guyyaa Sanbataa karra qacha’aatiin ala baanee, gara irga lagaa addee Yihudooti daadimataaf wolitti qabamanuu seenee dhandhe; achi teenneelle dubartoota achitti wolitti qabanteertuuf Jecha Waaqaa barsiinne.
[14] Dubartoota nu caqasiisatti jirtu keessaa, dubartiin qachaa Tiyaatira’aatii dhutte, ta woyaa dhiillee gatii guddo’oo gurgurtu takka jirtiiyyu; maqaan isi’ii Liidiyaa jedhama. Isiin dubartii Waaqa waaqonsitu; waan Phawuloos jedhu akka caqattuuf, Goottaan qalbii isi’ii bane.
[15] Isi’ii fi worri mana isi’ii keessa jiru cuuphameen duuba, «Akka ani Gootta’atti dhugeeffadhe ka fudhattanu yoo te’e, mana kiyya kowa’aa tura’a» jettee jabeessitee kadhatte.
[16] Gaafa tokko gara addee daadimanna’aa adoo deennuu, durrittii garbittii ayyaana hamaa waan gara duraa morsiisu qaddu takkaan woldeenne; isiin moriisaan goottota ifiitiif beesee hedduu galchaa turte.
[17] Isiin, «Namooti kun tajaajiltoota Waaqa Ol-ana’aa ti! Isaan karaa fayyinnaa isinitti lallaban» jettee iyyaa Phawuloosii fi nu hordotte.
[18] Isiin guyyaa hedduu itti deddeebisaa kana goote. Phawuloos ammoo aaree itti garagalee ayyanni sun isii keessaa akka bawuuf, «Maqaa Yesuus Kiristoosiitiin akka isii keessaa baatu si ajaja» jedhe; ayyaanni sun yoosuma isii keessaa baye.
[19] Goottoti isi’ii, addiin beesee isaan dhaggatanuu akka irraa hatte yennaa hubatane, Phawuloosii fi Siilaas qabanee harkisaa gara badhinna dikko’oo fidanee, worra baallii qabu dura dhikeessane.
[20] Qondaaltota worra Rooma’aa duratti isaan fidanee, «Jarri tun Yihudoota; isaan qachaa keenna raasiisatti jiran.
[21] Isaan aadaa nu worri Rooma’aa fudhatiisaaf yookiin hujiisaaf seeraan ala te’e nu barsiisan» jedhane.
[22] Gumiin wol qabattee Phawuloosii fi Siilaas miidhiisaaf kaate. Achiin duuba qondaaltoti, woyaa Phawuloosiitii fi Siilaasii tarsaattee akka isaan ule’een dikamanu ajajje.
[23] Akka malee dikamaneen duuba gara mana hidha’aa galchisiisane; achitti jabeessee akka isaan eeguuf, eeddicha mana hidha’aa ajajane.
[24] Eeddichi ajaja kana fudhateen duuba, kolloo mana hidha’aa ta keessaatitti isaan galchee, miila isaanii jirma ulfaataa lama wodhakka’atti jabeessee hidhe.
[25] Gara halkan wodhakka’aatitti Phawuloosii fi Siilaas daadimanna’aa fi faaru’uun Waaqa leellifataaraniiyyu; worri hidhame dhibiille isaan caqasaaraayyu.
[26] Dedhuma haga hundeen mana hidha’aa raafantutti tacho’i lafaa guddaan te’e; balbalti duudiin takkumaan banante; wodaroon sibiilaa namoota hidhamane duudii irraa hiikante.
[27] Namichi mana hidha’aa eegu hirriibaa dammaqee, balbalti mana hidha’aa bananteertuun yennaa dhagge, worri hidhameeru isa duuraa waan miliqeeru seyee, ifi ijjeesiisaaf goraadee buqqifate.
[28] Phawuloos ammoo qoonqoo guddo’oon, «Nu martinuu waan asi jirruuf, woyi ifi hin godhin» jedhaa itti iyye.
[29] Yennaa kana namichi mana hidha’aa eegu, ifa fichisiifatee gara mana hidha’aa ol seenee, rorommaa miila Phawuloosiitii fi Siilaasititti jige.
[30] Achiin duuba inni isaan gad yaasee, «Goottota tiyya! Ani fayyiisaaf maan godhuu qaba?» jedhe.
[31] Isaan deebisanee, «Goottaa Yesuusitti dhugeeffadhu; ati hin fayyita; maatiin teetille hin fayyiti» jedhane.
[32] Achiin duuba Jecha Waaqaa isaa fi worra mana isaa keessa jiru duudi’iif himane.
[33] Halkan sa’aatuma sanitti, namichi mana hidha’aa eegu isaan fuudhee madaa isaanii dhiqe; yoma san innii fi worri mana isaa duudiille cuuphame.
[34] Kanaan duuba inni Phawuloosii fi Siilaas gara mana ifii geessee, sagalee isaaniif dhikeesse; inni Waaqatti waan dhugeeffateef, innii fi maatiin isaa guddoo gammadane.
[35] Boruyyaa ganama qondaaltoti worra Rooma’aa, «Jara san gad dhiisi!» jedhanee namicha mana hidha’aa eegutti akka himanuuf Poolisoota itti ergane.
[36] Maarre namichi mana hidha’aa eegu, «Qondaaltoti worra Rooma’aa akka isin gad lakkiffantanu nutti erganeeran; tanaaf gad baya’aatii nageyaan deema’a» jedhee Phawuloositti hime.
[37] Phawuloos ammoo, «Jarri tun nuuti worra Rooma’aa teenee adoo jirruu, adoo yakkaan nu’utti hin muramin kolbaa duratti nu dhaananee, mana hidha’aatitti nu galchane; amma ammoo dhossa’aan gad nu baasanii? Tun hin teetu! Isaanuu dhufanee nu baasanuu ti» jedhe.
[38] Poolisooti waan kana qondaaltota worra Rooma’aatitti himane; qondaaltoti worra Rooma’aalle Phawuloosii fi Siilaas worra Rooma’aa akka te’ane yennaa dhage’ane sodaatane.
[39] Tanaaf dhufanee araara isaan gaafatanee, mana hidha’aa keessaa isaan baasane; qachaa keessalle’ee akka bayanuuf kadhatane.
[40] Phawuloosii fi Siilaasille mana hidha’aa keessaa bayanee, gara mana Liidiya’aa dhaqane. Achitti dhugeeffattoota dhagganee jajjabeessane; achiin duuba ka’anee deemane.