[1] Ani ka Kiristoosii waan te’eef dhuguma dubadha; ani hin sobu. Wodanaan kiyya ka Ayyaana Woyyichaan sooreffamulle, akka ani hin sonne dhugaa anaaf baya.
[2] Ani gadda gudda’aa fi laalaa hin lakkinne gadhaa kiyya keessaa qaba.
[3] Gosa tiyya ta hiddaa hidaada kiyya teeteef jedhee, Kiristoos irraa gargar bayee adoo abaarame hin jaaladha.
[4] Gosi tiyya sun gosa Israa’elii ti; Waaqi ijoollee ifii isii godhatee, ulfinna ifiille isi’ii mudhise; gondooroo isii woliin gondoorate, Seeralle isi’ii kenne; isiin waaqeffannaa dhuga’aa qaddi; waadaa hedduulle Waaqi isi’iif gale;
[5] isiin sanyii abbootii teenna gugurdo’oo ti; Kiristoosille, akka namumma’aatitti gosa isi’ii keessaa dhalate; Waaqi waan mara bulchu, haga bara baraa leellifamu! Ameen.
[6] Te’uu malee jechi Waaqaa diigameera jechu’uu moti; kolbaan Israa’elii mara dhugumaan kolbaa Israa’eliitii moti.
[7] Akkasuma sanyiin Abrahaamii marti dhugumaan ijoollee isaatii moti; ammoo, Waaqi Abrahaamiin, «Sanyiin teeti sanyii Yisihaaqiitiin waammanti» jedheera.
[8] Kana jechuun ijoolleen akkuma aadaa nami uumatuutiin dhalatte ijoolle Waaqaati jechu’uu moti; ammoo ta akka sanyi’iititti laakkowantu, ijoollee akka waadaa Waaqi galeetitti dhalatte.
[9] Waadaan sunille jecha, «Bara dhufu yennaa akkasii yennaa ani deebi’ee dhufu, Saaraan ilma deetteerti» jedhu.
[10] Kana qofaa moti, Ribqaan ilmaan lakkuu abbuma tokkochaaf, abbaa sanyii teennaa Yisihaaqiif yennaa ulfootte,
[11] filannoon Waaqaa huji’iin adoo hin te’in, waamichaan akka te’e mudhisiisaaf, ijoolleen lamaanuu adoo hin dhalatin, isaan keessalle’ee tokkochille dansaa yookiin hantuu adoo hin hujin dura,
[12] Waaqi Ribqa’aan, «Angafichi maandhicha tajaajila» jedhe.
[13] Tun tama Barreeffam Woyyichi, «Ani Yaaqoobi jaalladhe, Eesawu ammoo jibbe» jedhu.
[14] Yoona maan jenna ree? Waaqi sirri’ii moti jedhuu dandeennaa? Ijjummaa hin dandeennu!
[15] Waaqi Muuse’een, «Ani kama mararuu barbaadeef marara; kama nawuu barbaadeefille naya» jedhe.
[16] Tanaaf, wonni marti marartii Waaqaa qofa irratti hundootti malee, waan nami fedhu yookiin godhu irrattii moti.
[17] Barreeffam Woyyichi, marroo mooticha Fara’oonii yennaa dubbatu, «Maqaan kiyya biyya lafaa mara keessatti akka lallabamuu fi hunni tiyya si’iin akka mudhattuuf ani mootii si godhe» jedha.
[18] Maarre Waaqi nama fedhe marara, nama fedhelle mataa jabeessa.
[19] Isin keessaa nami tokko, «Yoo akkana teete, Waaqi attam dande’ee balleessaa nama irratti dhagga? Fedhii Waaqaa eentu mormuu dande’a?» anaan hin jedha fa’a.
[20] Namana! Waaqa woliin moromiisaaf ati eennu? Okkoteen faaraa nama isii dhoween, «Maaf akkana ana dhootte?» jedhuu dandeetti?
[21] Nami faara dhowu tokko, loobaa faaraa tokkochuma irraa, meya tokkocha ulfinnaaf, kaan woma te’eef akka te’u godhee dhowiisaaf baallii hin qabuu?
[22] Wonni Waaqi godhelle tanaan wol fakkaatti. Inni hunna ifii beessisiisaa fi mufii ifii mudhisiissaaf barbaade. Ammoo worra mufii isaa jala jiru, ka badi’iif qophaye san ciniinnatee ossate.
[23] Worra ulfinna ifiitiif dursee qopheesse, ka akka marartiin isaa irratti mudhattu itti dhangalaaseefille, ulfinna ifii guddaa mudhisuu barbaade.
[24] Worri inni waame nu fa’aayyu; inni worra Yihudootaa qofa keessaa adoo hin te’in, worra Yihudoota hin te’inille keessaa waameera.
[25] Inni kitaaba Hose’aa keessatti, «Worra kolbaa tiyya hin te’in, ‹Kolbaa tiyya› jedhee hin waama; kolbaa hin jaallatannelle, ‹Jaallatantuu tiyya› jedhee hin waama;
[26] adduma, ‹Isin kolbaa tiyyaa moti› jedhamanetti, ‹Ijoollee Waaqa jiraata’aa› jedhamanee hin waamaman» jedha.
[27] Isaayaasille marroo Israa’elii qoonqoo ol qabatee, «Laakkossi kolbaa Israa’elii akka maansa abbaayyaa guddoo qarqaraa yoo heddatelle, worruma diqqaa qofati fayya;
[28] Goottaan adoo hin turin ariifatee kolbaa biyya lafaa maratti hin mura» jedheera.
[29] Akkasuma Isaayaas duraan dursee, «Goottaan Hunnaamessi adoo sanyii garii nu’uuf hanburuu dhabe, sila akkuma qachooti Sodoomiitii fi Gomora’aa badane banneerra» jedheera.
[30] Yoona maan jennuu ree? Worri Yihudoota hin te’in, ka balchummaa hin hordofin, balchummaa dhaggate; balchummaan tun ammoo ta dhugeeffanna’aan dhaggantu.
[31] Israa’eliin Seera balchummaa fidu hordofaa turte ammoo, seera muummessiisa waan hin dande’iniif balchummaa bira hin geenne.
[32] Maaf bira hin geyin? Sababille isaan dhugeeffanna’aan adoo hin te’in, huji’iin balchummaa dhaggatiisaaf barbaadane. Isaan dhakaa gufachiisuun gufatane.
[33] Tun tama Barreeffam Woyyichi, «Kunoo, ani dhakaa kolbaa gufachiisu, rassaa isaan jissu Xiyoon keessa hin keya, ka itti dhugeeffatu ammoo hin qaanowu» jedhu.