Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:14

[1] Tanaaf, eega dhugeeffanna’aan Waaqa duratti balchoonne, karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristootiin Waaqa woliin nageya qanna.

[2] Kiristoos gara badhaadha Waaqaa, ka amma ittiin dhaabbanee jirru kanaa nu fideera; nuutille addii ulfinna Waaqaa ittiin qoodannuun ifi janya.

[3] Tana qofaan adoo hin te’n, rakkinni ciniinnatanee ossiisa akka nu’uu fidu waan beennuuf, rakkinna keennalle’een ifi janya.

[4] Ciniinnatanee ossiisille mirkaneessiisa Waaqaa fida; mirkaneessiis Waaqaalle addii fida.

[5] Jaalalli Waaqaa karaa Ayyaana Woyyicha nuuf kennameetiin, gadhaa keenna waan guuteeruuf, addiin nu hin qaanessitu.

[6] Adoo nuuti dadhaboole’eetuu, yennaan Waaqi murteesse geennaan Kiristoos cubbaaleyyi’iif du’e.

[7] Nama addee nama balcha’a du’u dhaggatiis guddoo rakkisa’a; te’ulle nami addee nama dansa’a du’iisaaf fedhu dhaggamuu fa dande’a.

[8] Ammoo adoo nuuti cubbaaleyyi’iituu Kiristoos addee teenna du’eera; kunille jaalalli Waaqi nu’uuf qabu attam attam guddaa akka te’e mudhisa.

[9] Amma nuuti dhiiga isaatiin eega balchoonnee, karaa isaatiin irra caalaa mufii Waaqaa jalaa hin fayyina.

[10] Nuuti diinota Waaqaa ti; inni ammoo karaa du’a Ilma ifiitiin jaalota ifii nu godhe. Amma eega jaalota Waaqaa teene, karaa jiruu Kiristoosiitiin irra caalaa hin fayyina.

[11] Tana qofa adoo hin te’in, karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii ittiin Waaqa woliin araaranneetille’een, Waaqaan ifi hin janya.

[12] Karaa nama tokkochaatiin cubbuun gara biyya lafaa dhutte; cubbuulle du’a fidde. Akkasuma nami maraa cubbuu Addaamiitiin waan cubbameef, duuti sanyii namaa maratti dhutte.

[13] Adoo Seerri Muuse’ee hin kennamin dura cubbuun biyya lafaa irra jirtiiyyuu; te’uu malee addee Seerri hin jirretti, cubbuun akka cubbu’uutitti hin laakkowantu.

[14] Ammoo bara Addaamii irraa jalqaddee haga bara Muuse’ee, duuti nama mara irratti moote; worruma akka Addamii Seera Waaqaa dabaree cubbuu hin hunye irralle’etti moote. Addaam fakkeenna Kiristoosii dhufuu ti.

[15] Ammoo kennaan badhaadha Waaqaa akka cubbuu namaatii moti; akkuma sababa cubbuu nama tokkochaatiif worri hedduun du’e, sababa badhaadha Waaqaatii fi sababa Yesuus Kiristoosii nama tokkochaatiif, kennansi badhaadhaa worra heddu’uuf danbalaafamee kennameera.

[16] Akkasuma bu’aan badhaadhaa, ka kennansi Waaqaa tolaa fide, ka akka cubbuun nama tokkochaa fiddeetii moti; muraan marroo cubbuu nama tokkochaatiif kenname adabbii fide; kennansi tolaa ka sababa cubbuu heddu’uutiif kenname ammoo balchummaa fide.

[17] Eega sababa cubbuu nama tokkochaatiif duuti nama mara irratti baallii dhaggatte, worri badhaadha Waaqaa ka danbala’ee fi kennaa tolaa fudhatee balchoome maraa, karaa nama tokkochaa, karaa Yesuus Kiristoosiitiin le’aa moowan.

[18] Maarre, akkumaa cubbuun nama tokkochaa nama maratti yakkaa mursiitte, hujiin balchumma’aa ta nama tokkochaa nama mara balchoonsitee jiruu hin kenniti.

[19] Akkuma ajajama dhabiisa Addaamiitiin worri hedduun cubbaalleyyii te’e, ajajamiisa Kiristoosiitiin worri hedduun hin balchooma.

[20] Seerri akka cubbuun bacattuuf dhufe; ammoo qixxee cubbuun bacatte caalaa badhaadhi Waaqaa bacate.

[21] Maarre, akkuma cubbuun karaa du’aatiin moote, badhaadhi Waaqaalle karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin, gara jiruu bara baraa nu geessiisaan balchumma’aan mooya.

Room’aa — Chapters