[1] Nami marti worra baallii qabuuf ajajamuu qaba! Sababille baalliin fedha Waaqaatin malee, hin kennantu; worri amma baallii qabulle Waaqaan muudame.
[2] Tanaaf nami worra baallii qabu mormu, waan Waaqi ajaje morma; nami mormulle muraa ifi irratti fida.
[3] Worra waan hantuu huju malee, worri waan dansaa huju bulchitoota hin sodaatanu. Ati worra baallii qabu akka hin sodaanne barbaaddaa? Waan dansaa huji; galatalle isaan irraa hin dhaggatta.
[4] Worri baallii qabu tajaajiltoota Waaqaa ka waan dansaa si’iif godhanu. Ammoo yoo waan hantuu hujje, isaan sodaadhu; sababille isaan worra toluma goraadee hidhateeruu moti. Isaan tajaajiltoota Waaqaa, ka mufii Waaqaa mudhisiisaaf, worra hantuu huju adabanu.
[5] Tanaaf nami adabbii Waaqaa qofaaf adoo hin te’in, sababa wodana’aatiif jedhee worra baallii qabuuf ajajamuu qaba.
[6] Isin tanaaf gibiralle gabbartan; worri baallii qabulle yennaa waan kana hujii irra oolchu Waaqaaf hujiisatti jira.
[7] Waan isaan isin irraa dhaggachu’uuf malane, kenna’aaf; ka gibirri maleef gibira, ka qaraxi maleef qaraxa, ka sodaan malteef sodaa, ka ulfinni maleef ulfinna kenna’a.
[8] Beenyaa eennuulle hin qabaatina’a; beenyaan isin qabaatuu qaddanu wol jaalatiisa qofa te’uu ti; nami nama jaallatu Seera muummesseera.
[9] Ajajooti, «Hin gaarayyeeffatin; hin ijjeesin; hin hatin; hin kajeelin» jedhanuu fi ka dhibiin martinuu, ajaja, «Akka ifi jaallattu nama jaalladhu» jedhuun wolitti qabameera.
[10] Nami nama jaallatu, waan hantuu isa irratti ijjumaa hin godhu; tanaaf, nama jaalallachuun Seera guutu’u.
[11] Yennaan isin hirriibaa dammaxxanu akka geetteertu waan beettanuuf, tana godhuu qaddan. Sababille yennaa itti dhugeeffanne caalaa guyyaan itti fayyinu amma gara keenna dhikaateera.
[12] Halkan dabariisa geyeera; guyyaalle dhikaateera. Tanaaf kowa’a hujii dukkanaa lakkinnee, meya woraanaa ka ifaa uffanna.
[13] Akka kolbaa ifa guyya’aa keessa leetuutitti, amala keenna miidhaffannuu ti malee, quufanee ficiqqisu’uun yookiin machi’iin, sagaagalaan yookiin fariisa’aan, lolaan yookiin hinaaffa’aan hin te’in.
[14] Goottaa Yesuus Kiristoos akka woya’aa uffadha’a malee, halchaa foonii guutatiisaaf hin yaadatina’a.