Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:43

[1] Marroo Abrahaamii, abbaa sanyii teennaa maan jenna ree? Inni maan dhaggate?

[2] Adoo waan Abrahaam huji’iin balchoomee jiraate, silaa inni waan ittiin ifi jaju qabaayyu; ammoo Waaqa duratti ifi jajuu hin dande’u.

[3] Barreeffam Woyyichi, «Abrahaam Waaqatti dhugeeffate, dhugeeffannaan isaalle balchumma’atti laakkowanteef» jedha.

[4] Mindaan nama hojjateef kaffalamu, gatii hujii isaati malee, akka kennansaatitti hin laakkowamu.

[5] Nami hujii dansaa dhabulle, Waaqa cubbaalleyyii balchoonsutti yoo dhugeeffate, dhugeeffannaan isaa balchuma’atti hin laakkowantiif.

[6] Nami Waaqi hujii dansaa malee balchoonsu, nama badhaadhe akka te’e Daawwitille dubbatee,

[7] «Worri yakkaa isaaniitiif araarri kennamee fi cubbuun isaaniille haqanteef ka badhaadhe!

[8] Nami Goottaan cubbuu isaa itti hin laakkonne ka badhaadhe» jedheera.

[9] Badhaadhiisi kun worra haqanqabaa qabate qofaaf moo, yookiin worra haqanqabaa hin qabatinille’eef ree? Worra haqanqabaa hin qabatinille’eef. Nuuti, «Abrahaam Waaqatti dhugeeffatee, dhugeeffannaan isaa balchumma’atti laakkowanteef» jenna.

[10] Dhugeeffannaan Abrahaamiif, balchumma’atti ka laakkowanteef yoom? Haqanqabaa qabateen dura moo duuba? Adoo haqanqabaa hin qabatin dura malee, duubaa moti.

[11] Abrahaam haqanqabaa adoo hin qabatin dura, dhugeeffannaan isaa balchuma’atti akka laakkowanteef, beessisa mirkaneessu akka te’uuf haqanqabaa qabate; tanaaf Abrahaam worra adoo haqanqabaa hin qabatin dhugeeffatuu fi dhugeeffannaan isaaniille balchumma’atti laakkowantu maraaf abba’a.

[12] Akkasuma Abrahaam worra haqanqabaa hin qabatinille’eef abba’a; waan isaan haqanqabaa qabatane qofaaf adoo hin te’in, waan isaan dhugeeffannaa inni adoo haqanqabaa hin qabatin dura qabulle hordofaneef, worra haqanqabaa qabateef abbaa te’e.

[13] Abrahaamii fi sanyiin isaa biyya lafaa akka dhaaltu wonni Waaqi waadaa galeef, marroo balchummaa dhugeeffanna’aan dhaggateetiif malee, waan Seera muummesseefii moti.

[14] Worri dhaalu worra Seera muummeessu yoo te’e, dhugeeffannaan gatii hin qaddu; waadaan Waaqi galelle gatii hin qabu.

[15] Seerri mufii Waaqaa fida; addee Seerri hin jirretti ammoo, Seera dabariis hin jiru.

[16] Tanaaf waadaan dhugeeffannaa irratti hundooyeeraayyu; waadaan kunille, ka sanyii Abrahaamii maraaf, Waaqa irraa badhaadhaan kenname akka te’e tanaan mirkanoyeera. Kunille, worra akka Abrahaamii dhugeeffate maraaf malee, worra Seera hordofu qofaafii moti; Abrahaam nu maraafuu abba’a.

[17] Barreeffam Woyyichi marroo Abrahaamii yennaa dubbatu, «Gosa heddu’uuf abbaa si godheera» jedha; Waaqa worra du’e du’aa kaasuu fi waan hin jirre jiraachisutti Abrahaam waan dhugeeffateef, Waaqi waadaa kana isaaf gale.

[18] Abrahaam addee wonni addachiisu hin jirretti addatee, akkuma Barreeffam Woyyichi, «Sanyiin teeti hin heddatti» jedhu, abbaa gosa heddu’uu te’e.

[19] Inni nama gara woggaa dhibbaa ti; ammoo nafa ifii ka du’a geye, yookiin gadaamessa Saara’aalle ka dewuu hin dandenne herregee dhugeeffanna’aan hin dadhanne.

[20] Inni dhugeeffana’aan jabaatee Waaqa ulfeesse malee, dhugeeffatiisa dhabee, waadaa Waaqaa hin mamne.

[21] Waaqi waadaa gale ka muummessu akka te’elle gadhaa tokkochaan dhugeeffateeraayyu.

[22] Tanaaf dhugeeffannaan Abrahaamii balchumma’atti isaa laakkowante.

[23] Te’uu malee jechi, «Balchumma’atti laakkowameef» jedhu, Abrahaam calla’aaf adoo hin te’in,

[24] nu’ulle’eef barreeffame. Nu worra Waaqa Goottaa keenna Yesuus du’aa kaasetti dhugeeffannuufille, dhugeeffannaan teenna balchumma’atti nu’uuf hin lakkowanti.

[25] Yesuus sababa cubbuu teennaatiif du’aaf dabarfamee kennamee, nu balchoonsiisaaf du’aa ka’e.

Room’aa — Chapters