[1] Ati, nama dhibi’itti ka murtu, waan itti aalattu hin qaddu. Ati ka nama dhibi’itti murtu, waanuma inni huje san waan hujjuuf, ifumatti murta.
[2] Muraan Waaqaa ka worra waan akkasii huju irratti dhufu sirrii akka te’e nuuti hin beenna.
[3] Ati ammoo, namana, yennaa waanuma namatti murte san hujju, waan muraa Waaqaa jalaa milixxe baatu sitti fakkaataa?
[4] Yookiin gadhi-laafummaa isaa guddoo, ossata isaatii fi si dande’uu isaa hin tuffattaa ree? Wonni Waaqi gadhi-laafummaa ifii si’iif fakkanseef, gara cubbuu irraa deebi’iisaa si geessiisaaf akka te’e hin beettuu?
[5] Ati ammoo mataa jabinnaa fi yaada cubbuu irraa hin deebine hin qadda. Yennaa mufi’ii fi muraan Waaqaa balchittiin mudhattuuf adabbii teeti kuufatiisatti jirta.
[6] Waaqi nama tokko tokkoofu akkuma hujii isaatitti hin kenna.
[7] Inni worra ossee waan dansaa hujaa ulfinna, guddinnaa fi jiruu hin banne Waaqa biraa dhaggatiisaaf barbaaduuf, jiruu bara baraa hin kenna.
[8] Worri dhibiin mataa ifii jaallatee waan dokonkora te’e hordofiisaaf dhugaa didane; Waaqi mufi’ii fi muraa ifii isaanitti hin fida.
[9] Dhiphinnii fi rakkinni worra waan hantuu huju mara irratti, dursee Yihudoota irratti akkasuma worra Yihudoota hin te’in irralle’etti hin dhufa.
[10] Waaqi ammoo ulfinna, guddinnaa fi nageya worra waan dansaa hujatu maraaf, dursee Yihudootaaf akkasuma worra Yihudoota hin te’iniifille hin kenna.
[11] Waaqi nama wol hin caalchisu.
[12] Worri adoo Seera Muuse’ee hin qabaatin cubbuu huju, Seera dhabulle hin badan; worri Seera adoo qabuu cubbuu huju maraa ammoo Seeraan itti muranti.
[13] Sababille fuula Waaqaa duratti waan Seerri ajaju hujiisaan balchaa te’an malee, dhage’iisa calla’aanii moti.
[14] Worri Yihudoota hin te’in Seera hin qabanu; Seera qabaatuu dhabanulle, dadama isaaniitiin waan Seerri ajaju hujan; isaan ifiif seera isaanii ti.
[15] Akki isaanii akka wonni Seerri ajaju gadhaa isaanii keessatti barreeffameeru mudhisa. Yennaa tokko tokko wodanaan isaanii isaan himata; yennaa tokko tokkolle isaaniif falmata; tanaaf, wodanaan isaaniille tun dhugaa akka teete mudhisa.
[16] Maarre, akka Oduu Gammadaa ani lallabuutitti, yennaa Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitin waan dhossa’a ka namooti hujane maratti muru tun teeti.
[17] Kunoo ati, «Ani Yihudi’i» ifiin jetta; seeratti ciqilfatta; ka Waaqaa te’iisa keetille’een ifi jajja.
[18] Ati fedha Waaqaa hin beetta; Seera waan baratteertuuf waan te’uu fi waan hin teene gargar baattee hin beetta.
[19] Worra balla’aaf sooressa, worra dukkana keessa jiruuf ifa akka teete ifi addatta;
[20] Seera keessatti beekkunsaa fi dhugaa waan dhaggiteef, gowwaa hin gorsita, wollaalaa hin barsiitta.
[21] Ati worra dhibii ka barsiittu maaf ifi hin barsiinne ree? «Hin hatina’a!» jettee lalladda, ifiif ammoo hin hatta;
[22] «Hin gaarayyeeffatina’a!» jetta, ifiif ammoo hin gaarayyeeffatta; waaqota dharaa waaqeffatiisa hin jibbita, ammoo galmoota isaanii hin saanta.
[23] Seera Waaqaatiin ifi jajja, ammoo seera isaa cassiisaan Waaqa irratti fokkoo fidda.
[24] Tun tama Barreeffam Woyyichi, «Sababa kessaniif, maqaan Waaqaa worra Yihudoota hin te’in oddu’utti faanshoyeera» jedhu.
[25] Ati yoo Seeraaf ajajante, haqanqabaa qabatiisi keeti gatii qaba; yoo ati ammoo Seeraaf hin ajajamin, akka ijjumaayyuu haqanqabaa hin qabatin teeta.
[26] Worri Yihudoota hin te’in ka haqanqabaa hin qabatin, ajaja Seeraatiif yoo ajajame, akka haqanqabaa qabateetitti Waaqi hin laakkowuufii ree?
[27] Maarre ati haqanqabaa qabattee Seera barreeffame qabaattulle, Seera waan cassiteef, worri haqanqabaa hin qabatin sitti hin mura; isaan nafaan haqanqabaa qabatiisa dhabanulle, Seeraaf ammoo ajajamaneeran.
[28] Nami maqaa calla’aan nama Yihudi’ii te’e nama Yihudii dhugichaa moti; akkasuma haqanqabaan nafaa mudhatu qabatanu haqanqabaa dhugichaa moti.
[29] Yihudiin dhuga’aa nama keessi isaa Yihudii te’e; haqanqabaan dhugichi, haqanqabaa Ayyaana Waaqaatiin te’u, haqanqabaa qalbi’iiti malee, haqanqaba nafaa, ka akka Seera keessatti barreeffameetii moti. Nami akkasii leellisa Waaqa biraa dhaggata malee, nama biraannii moti.