[1] Obboleettii teenna Feebeen, ta wolde’a kiristaanaa ka Kanchire’aa keessa tajaajiltu, nama dansaa akka teete akka beettanu barbaada.
[2] Akkuma kolbaa Waaqaatiif maltetti, maqaa Gootta’aatiin isii fudhadha’a! Isiin kolbaa heddu’uu fi analle waan qarqaarteertuuf, qarqaarsa isiin isin irraa barbaaddu maraayyuu isi’iif kenna’a.
[3] Worra hujii Kiristoos Yesuusii ana woliin huje, Phirisqila’aa fi Aqiila’atti nageya anaaf hima’a.
[4] Isaan jireenna isaanii anaaf kennaneeran. Ani isaan galateeffadha; ana calla’aa motii wolde’i kiristaanaa ka worra Yihudoota hin te’inille martinuu isaan galateeffatan.
[5] Wolde’a mana isaanii keessatti wolitti qabamulle’etti nageya anaaf hima’a. Jaala kiyya jaallatamaa, biyya Asiya’aa keessaa dursee Kiristoositti dhugeeffate Ephanexositti nageya anaaf hima’a.
[6] Maariyaamii isiniif jabeennaan hujjetti, nageya naa hima’a.
[7] Yihudoota ana woliin hidhamanee turane Andironikosii fi Yuniyaasitti nageya anaaf hima’a; isaan ergantoota oddu’utti worra beekkamee fi worra anaan dura kiristaana te’eeru.
[8] Jaala kiyya jaallatamaa Gootta’aan jaalladhu, Aphiliiyaaxositti nageya anaaf hima’a.
[9] Jaala kiyya jaallatamaa Isxaakisii fi Urbaanosii karaa Kiristoosiitiin nu woliin hujutti nageya anaaf hima’a.
[10] Aphelesii Kiristoositti dhugeeffatiis isaa mirkaneeffametti nageya anaaf hma’a. Worra maatii Arisxobulosii te’elle’etti nageya anaaf hima’a.
[11] Herodiyoonii akkuma kiyya Yihudii te’etti nageya anaaf hima’a. Worra maatii Naarkisosii keessaa kiristaana te’etti nageya anaaf hima’a.
[12] Worra tajaajila hujii Gootta’aa huju, Tiriifeenee fi Tiriiphaase’etti nageya anaaf hima’a. Hujii Gootta’aa guddoo ta hujje, jaallatanttuu jaala tiyya Pharsiisille’etti nageya anaaf hima’a.
[13] Rufoosii hujii Gootta’aatii filamee fi haadha isaa, ta yennaa mara akka ilmaatitti ana ilaaltetti nageya anaaf hima’a.
[14] Asinkiriixositti, Filegoonitti, Hermeesitti, Phaaxrobaasitti, Hermaasii fi kiristaanota dhibii isaan woliin jiranu maratti negeya anaaf hima’a.
[15] Filogosii fi Yuliya’atti, Neryoosii fi obboleettii isaatitti, Olimphaasii fi kolbaa Waaqaa worra isaan woliin jiranu maratti nageya anaaf hima’a.
[16] Sunqaa obbolumma’aatiin nageya wol fuudha’a. Wolde’ooti Kiristoosii marti nageya isinii dhaaman.
[17] Obboleeyyan tiyya! Worra barnoota isin fudhattaneen mormiisaan, dhugeeffannaa kolba’aalle garagalchuu fi sababa gargar qoqodamiisaa te’u irraa akka ifi eegattanu isin gorsa. Isaan irraa fagaadha’a!
[18] Worri waan akkasii godhu kun halchaa nyaata ifiitiif malee, Kiristoosii Goottaa keennaaf hin hujanu. Dubbii ifii damma dibiisaa fi sosobiisaan kolbaa gadhaa babadhattu gowwooffatan.
[19] Nami marti Wongeelaaf ajajamuu keessan dhage’eera; sababa kanaafille ani marroo teessaniif hin gammada. Marroo waan dansa’aatiif qaroo, marroo waan hantu’uutiif ammoo gowwoolee akka teetanu ani barbaada.
[20] Maddi nageya keennaa, Waaqille, dafee Seexana miila keessan jalatti hin butucha. Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu.
[21] Ana woliin ka huju, Ximootewoos akkasuma Yihudooti akka kiyyaa Luukiyoos, Yaasoonii fi Soosiiphaaxroos nageya isiniif dhaaman.
[22] Ani Xirxiwoosiin Phawuloos himaaruun xalayaa kana barreesse, Gootta’aan te’ee nageya isiniif dhaama.
[23] Keessummeessaan kiyya Gaayoos, ka mana isaa keessatti wolde’i kiristaana wolitti qabamu, negeya isiniif dhaama. Qabataan beessee qacha’aa, Eraasxoos fi obboleessi keenna Ku’arxoos, nageya isiniif dhaaman.
[24] Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin mara woliin jiraatu
[25] Ulfinna Waaqaaf kenninuu ti! Akka Wongeela ani marroo Yesuus Kiristoosii lallabeetitti, akka mudhachuu dhossaa dhugittii bara duriitii jalqaddee hin mudhatin turtelle’etti, inni dhugeeffanna teessaniin akka isin jabaattanee dhaabbattanu godhuu dande’a.
[26] Te’uu male, amma, karaa kitaaba raagoti barreessaneen dhossaan tun ifatti baateerti; martinuu dhugeeffatee akka ajajamu, ajaja Waaqa bara baraatiin kolbaa maratti akka beekkamu godhameera.
[27] Karaa Yesuus Kiristoosiitiin, Waaqa qofuu qarichaaf, bara baraan ulfinni te’u. Ergaa Phawuloos Gara Worra Qorontoosii Erge Ta Qaraa.