Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:41

[1] Maarre obboleeyyan tiyya! Namummaa keessan, ciincaa Waaqa gammachisu, jiraata’aa fi woyyicha gootanee akka dhikeessitanu, marartii Waaqaatiin isin kadhadha; waaqeffannaan dhugittiin isii tana.

[2] Fedhiin Waaqaa dansitti’ii fi ta isa gammachiitu, ta mijuu teete beekiisa akka dandeettanu, qalbii teessan haaressiisaan jiruun teessan jijjiirantuuti malee, biyya lafaa tana hin fakkaatina’a.

[3] Akkasuma isin martinuu qixxee Waaqi dhugeeffannaa isinii kenneetitti ifi gad qabiisaan yaadadha’a malee, haga isinii malteen irra ifi jajiisaan marroo teessaniif hin yaadatina’a jedhee, badhaadha naa kennameen isinii hima.

[4] Nuuti nafa keenna tokkocha irratti mitikaa hedduu qanna; mitikaan kun martinuu hujii adda addaa qaba.

[5] Marre nuutille, adoo hedduu teenee jirruu, Kiristoosiin nafa tokkocha; mitikoota nafa tokkochaa akkuma teenetti wol qabanneerra.

[6] Akka Badhaadha Waaqi nuuf kenneetitti nuuti kennansa gara garaa qanna. Kennansi keenna raaga raaguu yoo te’e, qixxee dhugeeffannaa qannuutitti raannuu ti;

[7] kennansi keenna worra dhibii tajaajiluu yoo te’e, jabaannee tajaajjiluu ti; kennansi keenna barsiisiisa yoo te’e, akka maltetti barsiinnuu ti;

[8] kennansi keenna gorsiisa yoo te’e, gorsinuu ti; kennansi keenna arjoomuu yoo te’e, gadha’aan arjoonnuu ti; kennansi keenna bulchiisa yoo te’e, jabaannee bulchinuu ti; kennansi keenna mararuu yoo te’e, gammadaan mararruu ti;

[9] Jaalalli keessan dhugaameessa te’uu ti. Waan hantuu jibba’a; waan dansaa jabeessa’aa qabadha’a;

[10] Akka obboleeyyanii o’isa’aatii wol jaalladha’a; ulfinna woliif kenniisaaf wol doggoma’a.

[11] Jabaadha’aa huja’a malee, gadhee hin te’ina’a. Ayyaana finiineen Goottaa tajaajila’a.

[12] Addii qaddanuun gammada’a; rakkinna ossadha’a; yennaa mara daadimadha’a.

[13] Kolbaan Waaqaa wo dhaddee yenna rakkatu waan qaddanu isaan woliin qoodama’a; keessummoota fudhadha’a.

[14] Worra isin miidhu eebbisa’a; eebbisa’a malee hin abaarina’a.

[15] Worra gammadu woliin gammada’a; worra booyu woliin booya’a.

[16] Yaada tokkoon wolii gala’aatii le’a; ifi ol qabiisa lakkisa’aatii worra gadee woliin le’a; nuuti beekkole’e jedhaa ifi hin saadina’a.

[17] Fuula nama maraa duratti waan dansaa godha’a malee, yenna namooti hantuu isin irratti hujanu, isinille deebittanee hantuu itti hin hujina’a.

[18] Yoo dande’ame nama maraa woliin nageyaan le’iisaaf, gama keessaniin waan dande’amu mara godha’a.

[19] Jaalota tiyya! Mufiin Waaqaa haluu baatuuti malee, isin ijjumaa haluu hin bayina’a. Barreeffam Woyyichi, «Ka haluu bawuu fi ka gatii halu’uu kaffalu ana jedha Goottaan Waaqi» jedha.

[20] Addee haluu baatu, akkuma Barreeffam Woyyichi, «Diinni keeti yoo beelote, nyaachis, yoo dheebote obaas; Yoo akkas goote qaani’iin akka gubatu goota» jedhu tolchi.

[21] Hantuu dansa’aan injifadhu malee, hantuun si hin injifatin.

Room’aa — Chapters