[1] Obboleeyyan tiyya! Halchaan guddoon gadhaa kiyya keessa jirtuu fi daadimannaan ani gara Waaqaa daadimadhu akka kolbaan Israa’elii fayyitu.
[2] Isaan Waaqaaf akka ifi kennaneeranu ani dhugaa isaaniif baya; ammoo Waaqaaf ifi kenniis isaanii sun beekkunsa dhuga’aa irratti ka hundaayeeruu moti.
[3] Isaan karaa Waaqi kolbaa ittiin balchoonfatu wollaalanee, karaa ifiif baafatiisaaf wodhaanatane; karaa Waaqi kolbaa ittiin balchoonsutti harka hin kennanne.
[4] Nami Kiristoositti dhugeeffatu mara akka balchoomuuf, Seerri Kiristoosiin muummoyeera.
[5] Muuseen marroo balchummaa Seeraaf ajajamiisaan dhaggantuu, «Nami Seera muummessu mara jiru’uun le’a» jedhee barreesseera.
[6] Balchummaan dhugeeffanna’aan dhaggantu ammoo, «Gadhaa keeti keessatti, ‹Eentu ol-gubbaa baya?› hin jedhin; sun, Kiristoos gad fidiisa.
[7] Yookiin, gadhaa keeti keessatti, ‹Eentu qile’etti gad bu’a?› hin jedhin; sunille, Kiristoos du’a keessaa ol fidiisa» jetti.
[8] Ammoo maan jetti ree? «Jechi Waaqaa si bira, hidhii teeti irraa fi gadhaa keeti keessa jira» jetti. Sunille, jecha dhugeeffanna’aa ka nuuti lallannu.
[9] Yesuus Goottaa akka te’e, afaan keetiin yoo dhugaa baate, Waaqi du’a keessaa akka isa kaaselle, gadhaa keessatti yoo dhugeeffatte, ati hin fayyita.
[10] Nami gadhaa keessatti dhugeeffatee balchooma; afaaniin dhugaa bayee fayya.
[11] Barreeffam Woyyichi, «Nami isatti dhugeeffatu hin qaanowu» jedha.
[12] Worra Yihudootaatii fi Yihudoota hin te’in odduu garaagarummaan hin jirtu; Waaqi Goottaa nama maraa ti; worra isa waammatu maraaf eebba guddaa kenna.
[13] Sababille Barreeffam Woyyichi, «Nami maqaa Gootta’aa waammatu mara hin fayya» jedha.
[14] Ammoo yoo itti hin dhugeeffatin attam waammatuu dande’a? Marroo isaa adoo hin dhage’in attam itti dhugeeffatan ree? Adoo nami itti hin lallabin attamiin dhage’uu dande’an ree?
[15] Nami lallabu yoo ergame malee, attamiin lallabuu dande’a ree? Barreeffam Woyyichi, «Worri Oduu Gammadaa fidee dhufu, attam attam nama gammachiisa!» jedha.
[16] Ammoo worra garii malee marti isaanii Oduu Gammadaa hin fudhanne. Isaayaasinuu, «Gootta’a, eentu waan nuuti jenne dhugeeffate?» jedha.
[17] Maarre, dhugeeffannaan Oduu Gammadaa dhage’iisa irraa dhutti; Oduun Gammadaalle karaa jecha Kiristoosiitiin dhutti.
[18] Ani ammoo, isaan dhugumaan hin dhageennee? Jedhee gaafadha. Dhugumaan isaan dhage’aneeran; sababille Barreeffam Woyyichi, «Qoonqoon isaanii lafa maratti dhage’ante; dubbiin isaaniille haga qaccee biyya lafaa dhaqqadde» jedha.
[19] Ani ammalle, kolbaan Israa’elii hin hubannee? Jedhee gaafadha. Duraan dursee Muuseen, «Kolbaa tuffatante hinaassisee, isin gaabbisiisa; kolbaa gowwitti’illeen isin aarsa» jedheera.
[20] Isaayaasille, «Ani worra ana hin barbaadiniif dhaggameera; worra ‹Waaqi eessa jira› jedhee ana hin gaafatiniifille mudhadheera» jedhee sodaa maalee dubbateera.
[21] Marroo Israa’elii ammoo, «Kolbaa finqiltu’uu fi ta hin ajajanneef, ani harka kiyya guyyaa guutuu badhiseera» jedha.