Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 11:20

[1] Dallichi deebifamee ijaarame, balballi isaas erga itti kaa'amee booddee, warri karra eegan warri faarfatanii fi warri Lewwootaa in fo'aman.

[2] Mandara Yerusaalem akka bulchaniif immoo namoota lama nan fo'e; isaanis obboleessa koo Haanaanii fi Haanaaniyaa turan; Haanaaniyaan kun itti gaafatamaa mana mootummaa, nama amanamaa, namoota baay'ee caalaa Waaqayyoon kan sodaatu ture.

[3] Ani,“Hamma aduun baatee lafti ho'utti karra Yerusaalem akka hin saaqne, yeroo aduun dhi'u immoo warri karra eegan utuu hin galin dura karra cufanii akka danqaran akkasumas immoo namoota Yerusaalem keessaa garri kaan iddoo barbaachisaa ta'e, garri kaan immoo naannoo mana isaanii akka eeganiif fo'aa!” jedhee isaanitti nan hime.

[4] Mandarichi bal'aa dha, guddaa dhas; haa ta'u iyyuu malee, namoota muraasatu keessa jiraata; manneen baay'eenis amma illee deebi'anii hin ijaaramne turan.

[5] Yommus warra gurguddoota, warra biyya bulchanii fi namoota warra kaanis walitti qabee akka qomoo qomoo isaaniitti akkan caafsisuuf Waaqayyo anatti in mul'ise; anis lakkoobsa namoota warra biyya itti booji'amanii jalqaba deebi'anii akka qomoo qomoo isaaniitti caafamee nan argadhe; caaffaticha irraas kanan argadhe kanatti fufee jira;

[6] warra Nebukadnezaar mootiin Baabilon booji'ee biyyaa isaan baase keessaa, namoonni kutaa biyyichaa warri biyya itti booji'amanii gara Yerusaalemii fi gara Yihudaatti deebi'anii gara mandara mandara isaaniitti galan kanatti aananii kan jiranii dha.

[7] Isaanis Zarubaabel, Iyaasuu, Nahimiiyaa, Azaariyaa, Raa'amiiyaa, Nahamaanii, Mordekaayi, Biilshaan, Miispheret, Biigwaayi, Nehumii fi Ba'anaahii wajjin dhufan.

[8] Gosi Faarosh kuma lamaaf dhibba tokkoo fi torbaatamii lama;

[9] gosi Shefaaxiyaa dhibba sadii fi torbaatamii lama;

[10] gosi Araa dhibba ja'aa fi shantamii lama;

[11] gosi Fahat, Mo'aab, isaanis gosa Iyaasuu fi gosa Yo'aab keessaa kuma lamaa fi dhibba saddeetii fi kudha saddeet;

[12] gosi Elaam kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamii afur;

[13] gosi Zaatuu dhibba saddeetii fi afurtamii shan;

[14] gosi Zaakaayi dhibba torbaa fi jaatama;

[15] gosi Binuu dhibba ja'aa fi afurtamii saddeet;

[16] gosi Bebaayi dhibba ja'aa fi digdamii saddeet;

[17] gosi Azigaad kuma lamaa fi dhibba sadii fi digdamii lama;

[18] gosi Adoniiqaam dhibba ja'aa fi jaatamii torba;

[19] gosi Biigwaayi kuma lamaa fi jaatamii torba;

[20] gosi Aadiin dhibba ja'aa fi shantamii shan;

[21] gosi Ater sanyii Hisqiyaas keessaa sagaltamii saddeet;

[22] gosi Hashum dhibba sadii fi digdamii saddeet;

[23] gosi Bezaayi dhibba sadii fi digdamii afur;

[24] gosi Haariif dhibba tokkoo fi kudha lama;

[25] gosi Giibe'on sagaltamii shan.

[26] Namoonni Betlihemii fi Netofaa dhibba tokkoo fi saddeettamii saddeet;

[27] namoonni Anaatot dhibba tokkoo fi digdamii saddeet;

[28] namoonni Bet-Azmaawet afurtamii lama;

[29] namoonni Kiriiyat-Ya'ariim, Kefiiraa fi Beroot dhibba torbaa fi afurtamii sadii;

[30] namoonni Raamaaa fi Gebaa dhibba ja'aa fi digdamii tokko;

[31] namoonni Miikmaash dhibba tokkoo fi digdamii lama;

[32] namoonni Bet'elii fi Aayi dhibba tokkoo fi digdamii sadii;

[33] namoonni Neboo gara kaanii shantamii lama;

[34] gosi Elaam garri kaan kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamii afur;

[35] gosi Haariim dhibba sadii fi digdama;

[36] gosi Yerikoo dhibba sadii fi afurtamii shan;

[37] gosi Lod, Haadiidii fi Onoo dhibba torbaa fi digdamii tokko;

[38] gosi Senaa kuma sadii fi dhibba sagalii fi soddoma.

[39] Luboonni immoo qomoo Yedaa'iyaa keessaa maatiin Iyaasuu dhibba sagalii fi torbaatamii sadii;

[40] gosi Iimer kuma tokkoo fi shantamii lama;

[41] gosi Faashhur kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi afurtamii torba;

[42] gosi Haariim kuma tokkoo fi kudha torba.

[43] Lewwoonni immoo gosi Iyaasuu maatiiwwan Qadmii'elii fi Hodaawiiyaa torbaatamii afur.

[44] Faarfatoota keessaa immoo, gosi Asaaf dhibbaa fi afurtamii saddeet.

[45] Karra eegdota keessaa immoo gosi Shaalum, gosi Ater, gosi Xalmoon, gosi Aquub, gosi Haxiixaa fi gosi Shobaayi dhibba tokkoo fi soddomii saddeet.

[46] Warra mana qulqullummaa keessaa hojjetan keessaa immoo gosa Siihaa, gosa Hasufaa gosa Xabaa'ot,

[47] gosa Qeros, gosa Sii'aa, gosa Faadon,

[48] gosa Lebaanaa, gosa Hagaabaa, gosa Shaalmaayi,

[49] gosa Hanaan, gosa Giidel, gosa Gahaar,

[50] gosa Re'ayaa, gosa Resiin, gosa Neqodaa,

[51] gosa Gaazaam, gosa Uzaa, gosa Faasehaa,

[52] gosa Besaayi, gosa Me'uniim, gosa Nefushesiim,

[53] gosa Baqbuq, gosa Haqufaa, gosa Harhur,

[54] gosa Baasliit, gosa Mehiidaa, gosa Haarshaa,

[55] gosa Baarqos, gosa Siiseraa, gosa Tamaa,

[56] gosa Nesiiyaa fi gosa Haxiifaa ti.

[57] Gosa hojjetoota Solomoon keessaa immoo, gosa Soxaayi, gosa Soferet, gosa Firiidaa,

[58] gosa Ya'alaa, gosa Daarqon, gosa Giidel,

[59] gosa Shefaaxiyaa, gosa Haxiil, gosa Fokeret-Hasbaayim, gosa Amoon.

[60] Gosi hojjetoota mana qulqullummaa fi gosi hojjetoota Solomoon walumatti dhibba sadii fi sagaltamii lama.

[61] Warri mandara Tel-Melaatii, mandara Tel-Haareshaatii, mandara Keruubii, mandara Adonii fi mandara Iimerii ba'anii dhufanii sanyiin isaanii yookiis qomoon isaanii Israa'el ta'ee isaa fi hin taanee isaa waan ittiin amansiisan dhaban immoo kanatti fufanii kan jiranii dha;

[62] isaanis gosa Delaayaa, gosa Xobiiyaa fi gosa Neqodaa ti; lakkoobsi isaaniis dhibba ja'aa fi afurtamii lama.

[63] Luboota keessaa immoo warri gosa Habaayaa, warri gosa Haqozii fi gosa Barziilaayi isa intala Barziilaayi Giil'aadichaa fuudhee maqaa kanaan waamame,

[64] warra akka hidda dhaloota isaaniitti caafaman keessaa maqaan sanyii isaanii waan dhabameef akka xuraa'ootti lakkaa'amanii hojii lubummaa keessaa baafamanii dha.

[65] Kana irratti bulchaan biyyichaa,“Hamma lubni Uriimii fi Tumiimin fuudhee ittiin gargar baasee gaafatu argamutti nyaata hundumaa irra qullaa'aa ta'e hin nyaatinaa!” jedhee isaan in abboome.

[66] Lakkoobsi warra biyya itti booji'amanii deebi'anii guutummaatti kuma afurtamii lamaa fi dhibba sadii fi jaatama.

[67] Kana biratti immoo lakkoobsi hojjetoota isaanii dhiironnii fi dubartoonni kuma torbaa fi dhibba sadii fi soddomii torba; akkasumas immoo faarfatoota dhiirotaa fi dubartoota dhibba lamaa fi afurtamii shan qabu turan.

[68] Fardeen isaanii dhibba torbaa fi soddomii ja'a, gaangoliin isaanii dhibba lamaa fi afurtamii shan;

[69] gaalonni isaanii dhibba afurii fi soddomii shan; harroonni isaanii kuma ja'aa fi dhibba torbaa fi digdama.

[70] Dura-buutota qomoo keessaa gar tokko hojichaaf kennaa in kennan; bulchaan biyyaas warqee akka kiilo graamii ja'aa miijanu, caabiiwwan shantamaa fi uffata lubootaa dhibba shanii fi soddoma wanta hojii kanaaf kennametti in dabale.

[71] Dura-buutota qomoo keessaa garri kaan immoo warqee akka kiilo graamii dhibbaa fi digdamaa miijanuu fi meetii akka kiilo graamii kuma tokkoo fi dhibba sadii fi digdamaa miijanu wanta hojii kanaaf kennametti in dabalan.

[72] Namoonni warri hafan immoo walumatti warqee akka kiilo graamii dhibbaa fi digdamaa miijanu, meetii akka kiilo graamii kuma tokkoo fi dhibba lama miijanuu fi uffata lubootaa jaatamii torba wanta hojii kanaaf kennametti in dabalan.

[73] Luboonni, Lewwoonni, karra eegdonni, faarfatoonni, namoota warra kaan keessaa, warri mana qulqullummaa keessaa hojjetanis mandarattii keessa in taa'an; Israa'eloonni guutummaatti mandaroota ofii isaanii keessa in jiraatan.

Macaafa Nahimiiyaa — Chapters