[1] Yommus jarri, dubartoonni isaaniis sagalee isaanii ol fudhatanii Yihudoota akka isaaniitti in wacan.
[2] Isaan keessaa gar tokko,“Nuyi, ilmaan keenya, intaloonni keenyas sonaan baay'ee dha, kanaafis midhaan nuyi nyaannee jiraannu nuuf haa kennamu!” jedhanii in dubbatan.
[3] Garri kaan immoo,“Bara beelaa akkasii midhaan argachuudhaaf jennee, maasii keenya, iddoo dhaabaa waynii keenyaa, mana keenyas qabsiifneerra” jedhan.
[4] Warri kaan immoo,“Nuyi maasii keenyaa fi iddoo dhaabaa waynii keenyaatti mootiidhaaf gibira baasuuf horii liqeeffanneerra.
[5] Nuyi obboloota keenyaa wajjin foon tokko, ijoollonni keenya akkuma ijoollota isaanii ti; garuu ilmaan keenyaa fi intaloota keenya akka garbaatti harka namaa jala galchuuf in giddisiifamna; ammuma iyyuu intaloota keenya keessaa kan harka garbummaa jala galfaman jiru; maasii keenyaa fi iddoo dhaabaa waynii keenyaa namoonni waan fudhataniif nuyi humna hin qabnu” jedhan.
[6] Ani iyya isaanii fi dubbii isaanii kana yommuun dhaga'e baay'isee nan aare.
[7] Yommus ani ba'eessa godhee itti yaadeen gurguddoota biyyaa fi warra biyya bulchaniin,“Isin hundumti keessan obboloota keessan irraa hiiqii argachuudhaaf liqeessitu!” jedhee, nan ifadhe; dubbii kana akka ilaalaniifis namoota baay'ee walitti qabeen,
[8] “Nuyi hamma humna keenyaatti obboloota keenya Yihudoota warra saba garaagaraatti gurguraman furreerra; amma iyyuu akka nuyi deebifnee isaan furruuf isin immoo obbolootuma keessan gurguraa jirtuu ree?” isaaniin jedhe; isaanis wanta jedhan dhabanii calluma in jedhan.
[9] Ani immoo,“Wanti isin hojjettan kun gaarii miti; sabni garaa garaa warri diinota keenyaa akka nu hin ceephaanetti sodaa Waaqayyootiin jiraachuun isiniif hin ta'uu ree”
[10] Anii fi obboloonni koo, namoonni koos meetiidhaa fi midhaan isaaniif liqeessineerra, kottaa hadaraa hiiqii kana fudhachuu in dhiifna!
[11] Hadaraa amma maasii isaanii, iddoo dhaabaa waynii isaanii, mukkeetii ejersaa isaanii, mana isaanii akkasumas meetii, midhaan, daadhii waynii, dhadhaa ejersaa isa liqeessitaniifii dhibbatti irraa fudhattan sana deebisaaf!” nan jedhe.
[12] Isaanis,“Nuyi isaaniif in deebifna, akkuma ati jette in goona malee, wanta tokko illee deebinee isaan irraa hin barbaannu” jedhan; yommus ani luboota waamsiseen jarri wanta abdachiisan akka fiixaan baasaniif nan kaksiise.
[13] Akkasuma immoo hiikkadhee urguffadheen,“Nama wanta abdachiise kana hin goone, mana isaa irraa, wanta inni itti dadhabee argate irraas Waaqayyo isa haa urgufu! Namni akkasii kun akkasuma urgufamee harka duwwaa haa hafu!” jedhe; waldaanis guutummaatti“Ameen” jedhee, Waaqayyoon in galateeffate; jarris akkuma abdachiisan in godhan.
[14] Artashaastaan mootichi mo'ee waggaa digdammaffaa isaatti, yeroo ani biyya Yihudaa bulchuudhaaf fo'amee jalqabee, hamma waggaa soddomii lammaffaa isaatti waggaa kudha lamaan kana anii fi obboloonni koo wanta mootummaa sana keessaa nyaataaf kennamu hin fudhanne.
[15] Warri ana dura biyya bulchaa turan isa meetii sheeqelii afurtama miijanu baasisan irratti dabalanii buddeena isaaniitiif daadhii waynii isaaniitiif horii irraa fudhachuudhaan namootatti jireenya ulfaachisaa turan; hojjetoonni isaanii iyyuu namoota irratti gooftomanii turan; ani garuu Waaqayyoon waanan sodaadhuuf, akkana hin goone.
[16] Ani ofii kootii hojii dallaa mandarattii cimsee nan hojjedhe; namoonni koo hundinuus hojjichatti dacha'anii turan malee, nuyi lafa hin bitanne.
[17] Warra saba garaa garaa naannoo keenya jiran keessaa dhufan malee, Yihudootaa fi warra biyya bulchan namoota dhibbaa fi shantamatu guyyaa guyyaatti maaddii koo irraa nyaachaa ture.
[18] Guyyaa guyyaatti immoo sangaa tokkoo fi hoolota coccoomoo ja'a akkasumas anaaf immoo miilla lameetu qophaa'a ture; gaafa gaafa guyyaa kudhanii immoo daadhii waynii akaakuu garaa garaatu gaanii gaaniidhaan dhi'aata; kana hundumaa keessaa immoo wanti namoota sana irraa gaafatamu baay'ee ulfaataa waan ta'eef, ga'aa mootummaa sana keessaa nyaataaf kennamu ani hin gaafanne.
[19] Yaa Waaqayyo ko, waanan saba kanaaf godhe hundumaa yaadadhuutii gaariitti anaaf lakkaa'i!