[1] Eliyaashiib angafni lubaa fi obboloonni isaa luboonni akka isaatii dhaqanii dallaa mandarattiif karra isa “Karra hoolaa” jedhamu deebisanii in ijaaran; isaan hamma masaraa dhagaa ol dheeraa isa “Masaraa dhibbaa” jedhamuutti, darbees hamma masaraa Hanaani'elitti ijaaranii eebbisanii cufaa itti naqan.
[2] Itti aansanii namoota Yerikootu ijaare; itti aansee immoo Zakur ilma Iimriitu ijaare.
[3] Ilmaan Hasenaa gara karra isa “Karra qurxummii” jedhamuun ijaaranii, utuboota isaa dhaabanii, cufaa isaa itti naqanii, loloosoo isaa fi danqaraa isaa itti in kaa'an.
[4] Itti aansee Meremoot ilma Uriiyaa Qooxiitu deebisee ijaare; itti fufee immoo Meshulaam ilma Berekiiyaa Meshezaabi'eltu deebisee ijaare; itti aansee immoo Zaadoq ilma Ba'anaatu deebisee ijaare.
[5] Kutaa isa itti aanu immoo warra Teqo'aatu deebisee ijaare; gurguddoonni isaanii garuu hojii gooftaa isaanii kana keessa lixanii hojjechuu in didan.
[6] Yoyaadaan ilmi Phaasehaa fi Meshulaam ilmi Besodeyaa gara karra isa “Karra durii” jedhamuun deebisanii in ijaaran; utuboota isaa dhaabanii, cufaa isaa itti naqanii, loloosoo isaa fi danqaraa isaa itti in kaa'an.
[7] Itti fufanii immoo hamma iddoo taa'umsa isa kutaa biyyaa laga Efraaxiis irraa gara lixa-biiftuu jiru bulchuutti, Melaaxiiyaa Giibe'onticha, Yaadon Meronticha akkasumas warra Giibe'onii fi warra Miisphaatu deebisee ijaare.
[8] Kutaa isa itti aanu immoo Uzii'el ilma Haarhayaa isa warqee tumutu deebisee ijaare; itti aansee immoo Haanaaniiyaa ilma namicha urgooftuu tolchu tokkootu deebisee ijaare; isaan dallaa mandarattii hamma “Dallaa bal'aa” isa jedhamutti deebisanii in ijaaran.
[9] Kutaa isa itti aanu immoo Refaayaa ilma Huur isa walakkaa Yerusaalem isa gar tokkoo bulchaa turetu deebisee ijaare.
[10] Kanatti fufee immoo Yedaa'iyaa ilma Harrumaaftu fuullee mana isaatiin deebisee ijaare; itti aansee immoo Haxush ilma Hashabniiyaatu deebisee ijaare.
[11] Malkiiyaan ilmi Hariimii fi Hashub ilmi Phaahat-Mo'aab immoo kutaa isa kaanii fi dallaa dhagaa dheeraa isa iddoo ibiddaa deebisanii in ijaaran.
[12] Kutaa isatti aanee jiru immoo, Shaalum ilma Halohesh isa walakkaa Yerusaalem isa gara kaanii bulchaa tureef intaloota isaatu deebisee ijaare.
[13] Karra isa “Karra dachaa” jedhamu immoo Hanuunii fi warra Zano'aa jiraatantu deebisee ijaare; isaan hamma karra isa “Karra kosii” jedhamuutti dhundhuma kuma tokko deebisanii ijaaranii, cufaa isaa itti naqanii, loloosoo isaa fi danqaraa isaa itti in kaa'an.
[14] Malkiiyaan ilmi Rekaab inni gar tokkoo mandara Bet-Hakerem bulchaa ture karra isa,“Karra kosii” jedhamu deebisee ijaaree, cufaa isaa itti naqee, loloosoo isaa fi danqaraa isaa itti in kaa'e.
[15] Shaalum ilmi Kolhozee inni gar tokkoo mandara Miisphaa bulchaa ture karra isa “Karra burqaa” jedhamu deebisee ijaaree, bantii itti tolchee, cufaa isaa itti naqee, lolososaa fi danqaraa isaa itti in kaa'e; akkasuma immoo inni dallaa Shelaa kufama bishaanii isa iddoo dhaabaa mootichaa biraa hamma buusaa isa mandara Daawitii gad buusu sanaatti deebisee in ijaare.
[16] Isatti aanee immoo Nahimiiyaa ilma Azbuk isa walakkaa Bet-Zuur isa gar tokkoo bulchaa turetu karaa fuullee awwaala Daawit hamma bishaan kuufamee fi hamma mana warra jagnoota jajjabootti deebisee in ijaare.
[17] Itti fufee immoo warri Lewwootaa geggeessaa Rehuum ilma Baaniitiin dallicha deebisanii in ijaaran; itti aanee immoo Hashabiiyaa isa walakkaa Qeyilaa isa gar tokkoo bulchaa turetu qooda isaa deebisee ijaare.
[18] Itti fufee immoo obboloota isaaniitu deebisee ijaare; Binuyi ilma Henaadaad isa walakkaa Qeyilaa isa gara kaanii bulchaa turetu kutaa isa itti aanu deebisee ijaare.
[19] Ezer ilma Yeshu'aa isa Miisphaa bulchaa turetu karaa isa gara iddoo mana mi'a lolaa kaa'anitti ol baasu sanaa jalqabee hamma dhuma goolee isaatiitti deebisee ijaare.
[20] Itti aanee immoo Baaruk ilma Zabaayitu hinaaffaadhaan ka'ee, kutaa isa golee irraa ka'ee hamma balbala mana Eliyaashiib angafa lubootaatti jiru deebisee ijaare.
[21] Itti fufee immoo Meremoot ilma Uriiyaa Haqoztu balbala mana Eliyaashiibii jalqabee hamma dhuma isa kan isaatiitti deebisee ijaare.
[22] Itti aansee immoo luboota warra naannoo mandarattii jiraatantu deebisee ijaare.
[23] Itti fufanii immoo Benyaamiinii fi Hashubtu qixa qixa mana isaaniitiin deebisanii ijaaran; Azaariyaan ilmi Ma'aseyaa Anaaniiyaa bukkee mana isaatiitiin deebisee in ijaare.
[24] Itti aansee Binuyi ilma Henaadaadtu dhuma mana Azaariyaatii kaasee hamma golee dallichaatti deebisee ijaare.
[25] Phaalaal ilmi Uzaayis golee dallichaa fi dallaa ol dheeraa isa kan mana mootichaa iddoo oobdii eegduun keessa dhaabatu biraa jalqabee deebisee in ijaare; itti aanees Phedaayaa ilma Phaarosh,
[26] akkasumas hojjetoota mana qulqullummaa warra gaara Ofeel gubbaa jiraatantu hamma iddoo fuullee karra isa “Karra bishaanii” jedhamu tokkootti, gara ba'a-biiftuu fi gara dallaa isa dheeraa golee keessaa ol ba'ee mul'atutti deebisee ijaare.
[27] Kan isaaniitti aanee immoo namoota Teqo'aatu dallaa isa dheeraa isa guddicha golee keessaa ol ba'ee mul'atu sanaa kaasee hamma dallaa Ofeelitti deebisee ijaare.
[28] Karra isa “Karra fardaa” jedhamu gara irraadhaan immoo luboonni qixa qixa mana isaaniitiin deebisanii in ijaaran.
[29] Kan isaaniitti aanee immoo Zaadoq ilma Iimertu fuullee mana isaatiin deebisee ijaare; isatti fufee immoo Shemaa'iyaa ilma Shekaayaa isa karra ba'a-biiftuu eegutu deebisee ijaare.
[30] Itti fufee immoo Hanaaniyaa ilma Shelemiyaa fi Hanuun ilma Zalfaa isa ja'affaatu bakka tokko deebisee ijaare; itti aansee immoo Meshulaam ilma Berekiiyaatu fuullee mana isaatiitiin deebisee ijaare.
[31] Kana booddee immoo Malkiiyaa ilma namicha warqee tumu tokkootu hamma mana hojjetoota mana qulqullummaa fi naggaadotaatti, fuullee karra isa “Karra eegumsaa” jedhamuutiin immoo hamma kutaa manaa isa golee gara irraadhaan mul'atutti deebisee ijaare.
[32] Akkanumas kutaa manaa isa golee gara irraadhaan mul'atuu fi karra isa “Karra hoolaa” jedhamu gidduu immoo warra warqee tumanii fi naggaadotatu deebisee ijaare.