[1] Gaafas akka namoonni dhaga'anitti sagalee isaanii ol fudhatanii macaafa Musee keessaa in dubbisan; isaanis,“Amoononnii fi Mo'aabonni bara baraan waldaa Waaqayyootti hin fudhatamin!” kan jedhu, macaaficha keessatti caafamee in argatan.
[2] Kunis sababii Amoononnii fi Mo'aabonni qooda buddeenaa fi bishaaniin Israa'elootatti adeemuu, Bala'aam akka isaan abaaruuf isaanitti bitaniif ta'e; haa ta'u iyyuu malee, Waaqayyoon keenya abaarsicha eebbatti in geddare.
[3] Namoonni Israa'el seera kana yommuu dhaga'an, sanyii ormaa kan ta'an hundumaa of gidduudhaa in baasan.
[4] Kanumaan dura iyyuu Eliiyaashiib lubichi inni itti gaafatamaa mana mi'a mana qulqullummaa ta'e, Xobiiyaa wajjin walitti dhi'eenya firoomaa qaba ture.
[5] Inni kutaa manaa isa bal'aa, isa dur kennaan midhaanii, ixaanni, mi'i mana qulqullummaa, kennaan midhaanii inni kudhan keessaa tokko walitti qabamu, daadhii waynii haaraan, dhadhaan ejersaa inni haaraan Lewwootaaf, faarfatootaaf, karra-eegdotaafis akka kennamu abboomame akkasumas kennaan lubootaaf kennamu keessa kaa'amu Xobiiyaadhaaf in kenne.
[6] Artashaastaan mootiin Baabilon mo'ee waggaa soddomii lammaffaatti ani gara mootichaa waanan dhaqeefan, yeroo kana hundumaa Yerusaalem keessa hin turre; garuu yeroo muraasa booddee mooticha kadhadheen,
[7] deebi'ee gara Yerusaalem dhufe; ergasiin isa Eliiyaashiib mana qulqullummaa keessaa kutaa tokko Xobiiyaadhaaf kennuu isaatiin wanta hamaa hojjete hubadhe.
[8] Kun baay'ee na aarsinaanan mi'a manaa isa kan Xobiiyaa hunduma isaa manicha keessaa alatti gad daddarbadhee,
[9] manicha akka qulleessaniif abboome; isaanis in qulleessan; kana booddeen mi'a mana qulqullummaa, kennaa midhaanii fi ixaanaa wajjin deebisee achitti ol galche.
[10] Lewwoonnii fi faarfatoonni warri hojii mana qulqullummaa keessatti gaafatama qaban gara maasii maasii isaaniitti deebi'uu isaaniitiinan ga'aan Lewwootaa akka isaaniif hin kennamin hubadhe.
[11] Ani yommus bulchitoota loleen,“Manni qulqullummaa maaliif gatame?” jedhee gaafadhe; Lewwootaa fi faarfatootas walitti waamee hojii mana qulqullummaa keessaatti isaan nan deebise.
[12] Yommus namoonni Yihudaa hundinuu midhaan keessaa, daadhii waynii haaraa fi dhadhaa ejersaa keessaa, kudhan keessaa tokko gara kutaa mana mi'a mana qulqullummaatti fiduu in jalqaban.
[13] Shelemiyaa lubichi, Zaadoq inni beekaan macaafaa fi Fadaayaa Lewwichi itti gaafatamoo mana mi'ichaa akka ta'an nan godhe; Haanaan ilmi Zakur Mataniiyaa gargaartuu isaanii ture; isaan amanamoo waan ta'aniif, obboloota isaaniitiif ga'aa isaanii hiruun hojii isaanii ture.
[14] Yaa Waaqayyo ko, wanta kanaaf na yaadadhu; hojii gaarii ani mana qulqullummaaf, eegumsa isaatiifis hojjedhe haxooftee hin balleessin!
[15] Bara sana namoonni Yihudaa guyyaa Sanbataa utuu waynii cuunfanii, utuu midhaan sassaabanii, utuu daadhii waynii fi ija waynii, ija harbuu fi ba'aa garaa garaa harrootatti fe'anii nan arge; wanta kana hundumaa Sanbataan Yerusaalemitti in fidu turan; ani immoo akka isaan Sanbataan midhaan hin gurgurre nan akeekkachiise.
[16] Namoonni Xiiros warri Yerusaalem keessa jiraatan qurxummii fi wanta nyaatamu hundumaa fidanii, guyyaa Sanbataatti Yerusaalem keessatti namoota Yihudaatti gurguraa turan.
[17] Ani immoo gurguddoota Yihudaa loleen,“Guyyaa Sanbataa xureessuudhaan waan hamaan isin hojjettan kun maali”
[18] Sababii abboonni keessan wanta akkasii hojjetaniif Waaqayyoon keenya nu irratti, mandara kana irrattis badiisa kana hundumaa fide mitii ree?” isaaniin jedhe.
[19] Borumtaa Sanbataa, aduun dhi'ee akka dimimmiseen, karri Yerusaalem akka cufamu, hamma Sanbanni darbuttis akka hin banamne nan abboome; guyyaa Sanbataatti homtinuu ba'aa baatee akka ol hin galletti, naa'ota koo keessaa namoota muraasa karra karra irra nan dhaabachiise.
[20] Naggaadonnii fi warri nyaata garaa garaa hundumaa gurguran si'a tokko yookiis si'a lama dallaa Yerusaalem duuba bulaniiru.
[21] Yommus ani immoo,“Maaliif naannoo dallichaa bultu” Lammaffaa yoo itti deebitan tarkaanfiin isin irratti fudhadha!” jedheen isaan akeekkachiise; yeroo sanaa jalqabanii guyyaa Sanbataa as hin deebine.
[22] Lewwoonni guyyaa Sanbataa qulqullinatti eeguudhaaf, of qulleessanii dhaqanii karrawwan akka eegan nan abboome; yaa Waaqayyo ko, isa kanaafis immoo na yaadadhu, akka baay'ina gaarummaa keettis garaa anaaf laafi!
[23] Bara sana keessa Yihudoonni warri intaloota Ashdood, Amoonii fi Mo'aab fuudhanis immoo akka jiran nan bare.
[24] Ijoollota isaanii keessaa walakkaan afaan warra Ashdood yookiis afaan namoota gosa kan biraa keessaa tokko dubbatu malee, afaan warra Yihudootaa dubbachuu hin beekan.
[25] Ani immoo isaan nan lole, nan abaares, kaan kaan isaaniis rukuteen rifeensa isaanii irraa bubbuqqise; intaloota isaanii ilmaan ormaatti akka hin heerumsiifne, ilmaan isaaniis yookiis isaan ofii isaaniitii intaloota ormaa akka hin fuuneef maqaa Waaqayyootiin isaan nan kaksiise.
[26] Itti dabalees,“Solomoon mootiin Israa'el cubbuu hojjechuun isaa fuudha akkasii kanaan mitii ree” Saba lafa irraa baay'ee keessaa mootiin akka isaatii hin turre; Waaqayyo isa jaallatee, guutummaa Israa'el irratti isa moosise; haa ta'u iyyuu malee, intaloonni ormaa warri inni fuudhe isuma iyyuu cubbuu in hojjechiisan.
[27] Isinis immoo intaloota ormaa fuudhuun keessan jal'ina guddaa akkasii kana gochuu keessan, Waaqayyo keenyaafis amanamummaa dhabuu keessan dhaga'uun nuuf in ta'a turee ree?” isaaniin nan jedhe.
[28] Ilmaan Yoyaadaa Eliiyaashiib angafa lubaa keessaa inni tokko intala Sanbalaax Horoontichaa fuudhe; isas immoo of biraa nan ari'e.
[29] Yaa Waaqayyo ko, isa jarri kun hojii lubummaa fi kakuu ati lubootaa fi Lewwootaa wajjin galte xureessan yaadadhu!
[30] Akkasittan lubootaa fi Lewwoota wanta orma ta'e hundumaattii qulleessee hojii hojii isaanii irra isaan dhaabe.
[31] Qoraan qalmi ittiin gubamu, kennaan midhaanii inni jalqabaa fi iji midhaanii inni dura bilchaatu yeroo isaatti akka dhi'aatuuf naman itti godhe. Yaa Waaqayyo ko, wanta kana hundumaaf na yaadadhu!