Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:19

[1] Karra dallichaatti balbala hin keenye yoon ta'e iyyuu, cabaa tokko illee utuun hin hambisin dallicha deebisee akkan ijaare Sanbalaax, Xobiiyaa fi Geshem Arabichi, diinonni keenya warri kaanis yommuu dhaga'an,

[2] Sanbalaaxii fi Geshem nama anatti erganii,“Kottu, gandeen dachaa Onoo keessaa isa tokkotti wal arginaa!” jedhan; isaan garuu, wanta hamaa ana irratti hojjechuudhaaf in yaadan.

[3] Anis nama isaanitti ergeen,“Ani hojii guddaatti waanan jiruuf, gad bu'uu hin danda'u; hamma ani dhiisee gara keessanitti gad bu'uttis hojichi maaliif dhaabata ree?” jedhe.

[4] Si'a afur nama anatti erganii gaaffiidhuma isaanii duraa sana na gaafatan; anis immoo si'a arfanuu deebiidhuma tokkon isaaniif deebise.

[5] Sanbalaax naa'ota isaa keessaa tokkotti caaffata hin cufamin kennee, ergaadhuma isaa isa duraa sanas itti himee si'a shanaffaa anatti in erge.

[6] Caaffatichis, “Atii fi Yihudoonni mootummaa irratti ka'uu yaaddanii dallicha deebiftanii ijaaraa akka jirtan, saba naannoo kana jiran gidduutti dhaga'amaa jira; dubbiin kun dhugaa ta'uu isaa immoo Geshemis anatti himeera; akka dubbii dhaga'amaa jiru kanaatti ati mootii isaanii ta'uuf akeeka qabda;

[7] mootii Yihudaa akka ati taatuuf Yerusaalem keessatti kan siif labsan raajotas kaafatteetta; dubbiin kun mooticha bira in ga'a waan ta'eef, kottu walii wajjin waa'ee isaa in dudubbannaa!” in jedha.

[8] Ani immoo,“Dubbiin kun wanta ati of keessaa fuutee dubbatte malee, dhugaa miti” jedhee nan deebiseef.

[9] Isaan,“Humna isaan buufnee hojichi akka dhaabatu in goona” jedhanii waan yaadaniif, hundumti isaanii nu sodaachisuu in yaalan; ani garuu,“Yaa Waaqayyo humna ana jabeessi!” jedhee nan kadhadhe.

[10] Gaaf tokkos ani gara mana Shemaa'iyaa ilma Dalaa'iyaa Mehexaabi'el isa mana isaa keessaa gad ba'uun hin taaneefii nan dhaqe; innis,“Namoonni dhufanii si ajjeesan waan jiraniif, isaan halkanuma tokko dhufanii si ajjeesuutii kottu anii fi ati mana qulqullummaatti ol gallee balbala isaa cufannee keessa in dhokannaa!” naan jedhe.

[11] Ani garuu,“Ani nama isa baqatee dhokatu miti; yookiis mana qulqullummaa keessa dhokachuudhaan of oolchuu kanan yaalu sitti fakkaataa” Ani kana hin godhu” nan jedhe.

[12] Sanbalaaxii fi Xobiiyaatu namichi kun ana irratti raajii akka dubbatuuf horiidhaan anatti bite malee, Waaqayyo akka isa hin ergin nan hubadhe.

[13] Ani sodaadhee wanta kana gochuudhaan cubbuu akkan hojjedhuuf, maqaa gadhee isaan ittiin na tuffatanis akkan qabaadhuuf inni anatti in bitame.

[14] Ani immoo,“Yaa Waaqayyo ko, Xobiiyaa fi Sanbalaaxitti akkasumas No'aadiiyaa raajittiitti, raajota warra kaan warra na sodaachisanittis akka hojii isaaniitti isaanitti ilaali!” jedhee nan kadhadhe.

[15] Ijaarsi dallichaa guutummaatti guyyaa shantamii lama keessatti ji'a Elul keessaa gaafa guyyaa digdamii shanii in raawwate.

[16] Diinonni keenya hundinuu waa'ee isaa yommuu dhaga'an, sabni naannoo keenya jiran hundinuus ija isaaniitiin yommuu argan, hojichi gargaarsa Waaqayyo keenyaatiin akka hojjetame hubatanii, na'anii lafa in ilaalan.

[17] Yeroo sanas gurguddoonni biyya Yihudaa caaffata baay'ee gara Xobiiyaatti in ergu, Xobiiyaa biraas immoo isaaniif in dhufa ture.

[18] Sababii Xobiiyaan, intala Shekaaniyaa ilma Araa fuudheef akkasumas immoo ilmi isaa Yehohaanaan intala Meshulaam ilma Berekiiyaa waan fuudheef, Yihudoota keessaa namoonni baay'een isaaf in kakatan.

[19] Itti dabalaniis immoo hojii isaa isa gaarii anatti in odeessu, waanan dubbadhus immoo isatti in himu turan; Xobiiyaanis ana sodaachisuudhaaf caaffata anatti in erga ture.

Macaafa Nahimiiyaa — Chapters