Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 10:41

[1] Luboonnii fi Lewwoonni warri Zarubaabel ilma She'altii'elii fi Iyaasuu angafa lubootaa wajjin deebi'anii dhufan kanatti fufanii kan jiranii dha; isaanis luboota keessaa Seraayaa, Ermiyaas, Izraa,

[2] Amariiyaa, Maluuk, Haxush,

[3] Shekaaniyaa, Rehuum, Meremoot,

[4] Iddoo, Giinetoo, Abiiyaa,

[5] Miyaamiin, Ma'adiiyaa, Biilgaa,

[6] Shemaa'iyaa, Yoyaariib, Yedaa'iyaa,

[7] Sa'aaluu, Aamoq, Hilqiiyaa fi Yedaa'iyaa dha; isaan kun bara Iyaasuutti dura-buutota lubootaa fi obboloota isaanii turan.

[8] Lewwoota keessaa immoo, Iyaasuu, Biinuyi, Qadmii'el, Sherebiyaa fi Yihudaa turan; Mataniiyaa hidhata isaa wajjin dura-buutuu warra galata galchanii ture.

[9] Obboloonni isaanii Baqbuqiiyaanii fi Uniiyoon tarree hojichaa keessatti isaanitti aananii in dhaabatu turan.

[10] Iyaasuun Yoyaaqiimin dhalche, Yoyaaqiim Eliyaashiibin dhalche, Eliyaashiib Yoyaadaa dhalche;

[11] Yoyaadaan Yonaataanin dhalche, Yonaataan Yaaduwaa dhalche.

[12] Bara Yoyaaqiimitti maatii lubootaa keessaa akka balbala balbala isaaniitti dura-buutuu kan turan kanatti aananii kan jiranii dha; balbala Seraayaatti, Meraayaa; balbala Ermiyaasitti, Hanaaniyaa;

[13] balbala Izraatti, Meshulaam; balbala Amaariyaatti, Yehohaanaan;

[14] balbala Meliikuutti, Yonaataan; balbala Shebanyaatti, Yoseef;

[15] balbala Haariimitti, Adnaa; balbala Meraayootitti, Helqaayi;

[16] balbala Iddootti, Zakaariyaas; balbala Giinetonitti, Meshulaam;

[17] balbala Abiiyaatti, Ziikrii; balbala Miinyaamiinii fi balbala Mo'aadiiyaatti, Phiilxaayi;

[18] balbala Biilgaahitti, Shamu'aa; balbala Shemaa'iyaatti, Yehonaataan;

[19] balbala Yoyaariibitti, Matenayi; balbala Yedaa'iyaatti, Uzii;

[20] balbala Saalaayitti, Qalaayi; balbala Aamoqitti, Ebeer;

[21] balbala Hilqiiyaatti, Hashabiiyaa; balbala Yedaa'iyaatti, Nataani'el turan.

[22] Bara Eliiyaashaab, Yoyaadaan, Yohaannaanii fi Yaaduwaan angafoota lubootaa turan, Lewwoota keessaa angafoonni abbootaa fi luboonni bara Daariyos mootii Faares keessa caafamanii turan.

[23] Ilmaan Lewwii keessaa angafoonni abbootaa hamma bara Yohaannaan ilma Eliiyaashiibitti macaafa seenaa baraa keessatti caafamaniiru.

[24] Dura-buutonni Lewwootaa warri hidhata isaanii warra isaanitti aanee dhaabatuu wajjin akka abboommii Daawit nama Waaqayyootti wal harkaa fuudhanii faarfannaadhaan galateeffatan, Hashabiiyaa, Sherebiyaa fi Iyaasuu ilma Qadmii'el turan.

[25] Mataniiyaan, Baqbuqiiyaan, Obaadiyaan, Meshulaam, Xalmoonii fi Aquub immoo karra-eegdota mana mi'aa isa gara karraa warra eegan turan.

[26] Isaan kun bara Yoyaaqiim ilma Iyaasuu ilma Yozaadaaq akkasumas bara Nahimiiyaa isa biyya bulchuu fi bara lubicha Izraa isa beekaa macaafaa keessa turan.

[27] Eebbifamuu dallaa Yerusaalem isa haareffame irratti argamanii, sibiila walitti rukutamee sagalee ol kaasuun, kiraaraa fi maseenqoodhaan faarfannaa galataa faarfachaa gammachuudhaan eebbifamuu dallichaa akka ayyaaneffataniif Lewwoonni iddoo jiraatan hundumaatii barbaadamanii Yerusaalemitti in waamaman.

[28] Maatii Lewwootaa keessaas faarfatoonni naannoo Yerusaalemii fi gandeen Nefaatotaa keessa jiraatan walitti in qabaman.

[29] Faarfatoonni sun naannoo Yerusaalemitti gandeen ijaarratanii waan turaniif, Bet-Giilgaalii, bakkee Gebaa keessaa, Bet-Azmaawetiis walitti in qabaman.

[30] Luboonnii fi Lewwoonni akka seeraatti erga of qulleessanii booddee, namoota, karrawwanii fi dallicha in qulleessan.

[31] Ani Nahimiiyaan dura-buutota namoota Yihudaa dallicha irratti walitti nan qabe; faarfatoota kutata gurguddaa lamatti hiramanii Waaqayyoof galata galchaa mandaricha naanna'anis tarree nan dhaabe; kutanni inni tokko karaa harka mirgaa dallicha irra gara karra isa “Karra kosii” jedhamuutti in adeeme.

[32] Hoshaa'iyaanii fi dura-buutota namoota Yihudaa keessaa walakkaan kutata sana booddeedhaan in adeeman;

[33] Azaariyaan, Izraan, Meshulaam,

[34] Yihudaan, Benyaamiin, Shemaa'iyaanii fi Ermiyaas immoo booddee isaanii in adeemu turan.

[35] Luboota keessaa baay'een isaanii fiingee of harkaa qabu turan; Zakaariyaas ilmi Yonaataan Shemaa'iyaa, ilmi Mataniiyaa Miikaayaa, ilmi Zaakur Asaaf,

[36] obboloonni isaa Shemaa'iyaan, Azaari'el, Miilalaayi, Giilalaayi, Nataani'el, Yihudaanii fi Hanaaniin mi'a ittiin weeddisan isa kan Daawit nama Waaqayyoo of harkaa qabu turan; Izraa inni macaafa beekaan isaan dura bu'ee in adeeme.

[37] Karaa karra burqaa bishaanii buusaa mandara Daawit irra kallattiidhaan ol ba'anii, karaa ittiin dallichatti ol ba'aniin mana Daawit gara irraadhaan gara karra bishaanii isa ba'a-biiftuutti in adeeman.

[38] Kutanni faarfatootaa inni lammaffaan immoo karaa harka bitaa tarreedhaan in adeeme; anii fi namoonni warri walakkaan hafan immoo isaan booddeedhaan dallicha irra adeemnee, gimbii iddoo ibiddaa bira darbinee gara dallaa isa bal'aa in dhaqne.

[39] Karra Efreem gara irraa, karaa karra moofaa, karaa karra qurxummii, karaa gimbii Hanaani'el, karaa masaraa dhibbaa, hamma karra hoolaatti dhufnee, karra mana hidhaa bira geenyee in dhaabanne.

[40] Faarfatoonni warri Waaqayyoof galata galchan kutanni lamaanuu mana Waaqayyoo keessa iddoo iddoo isaanii in dhaabatan; anii fi bulchitoonni warri anaa wajjin turanis immoo akkasuma in goone.

[41] Kutata warra anaa wajjin turan keessa luboonni warri fiingee of harkaa qaban Eliiyaaqiim, Ma'aseyaa, Minyaamiin, Miikaayaa, Elyo'enaayi, Zakaariyaasii fi Haanaaniiyaa,

[42] akkasumas immoo Ma'aseyaa, Shemaa'iyaa, Ele'azaar, Uzii, Yehohaanaan, Malkiiyaa, Elaamii fi Azer turan; geggeessaa Yizraayaatiin faarfatoonni sagalee guddaadhaan in faarfatan.

[43] Waaqayyo, baay'ee waan isaan gammachiiseef, gaafas qalma baay'ee dhi'eessanii in gammadan; dubartoonnii fi ijoollonnis immoo in gammadan, sagaleen gammachuu Yerusaalem keessatti ta'e kunis fagootti in dhaga'ame.

[44] Yeroo sanatti namoonni tokko mana mi'aa isa kennaan dhi'aatu, iji midhaanii inni jalqabaaf kudhan keessaa tokko itti walitti qabamuu irratti gaafatamoo ta'anii in fo'aman; akkasumas ga'aa akka seeraatti lubootaa fi Lewwootaa kennamuun ta'u maasii mandaroota naannoo isaanii jiranii irraa manicha mi'aatti walitti qabuun hojii isaanii ture; namoonni Yihudaas hojii lubootaa fi Lewwootaatti in gammadan.

[45] Akka abboommii Daawitii fi Solomoon ilma isaatti luboonnii fi Lewwoonni akkasumas faarfatoonnii fi karra-eegdonni itti gaafatama hojii isaanii in raawwatan.

[46] Bara durii bara Daawitii fi Asaaf, geggeessitootatu faarfatoota warra faarfannaadhaan Waaqayyoon jajatanii isa galateeffatan geggeessaa ture.

[47] Bara Zarubaabelii fi Nahimiiyaa Israa'eloonni hundinuu faarfatootaa fi karra-eegdotaaf ga'aa isaanii guyyaa guyyaatti in kennan; kennaa qulqullaa'aa irraas Lewwootaaf ga'aa isaanii in kennan; Lewwoonni immoo lubootaaf qooda isaanii in kennan.

Macaafa Nahimiiyaa — Chapters