[1] Warri saba geggeessan mandara Yerusaalem keessa in jiraatan; sabni warri hafan immoo muka buufatanii nama kudhan keessaa tokko Yerusaalem mandara qulqullooftuu keessa, kudhan keessaa salgan warri hafan immoo mandaroota warra kaan keessa akka jiraatan in godhan.
[2] Sabnis namoota warra fedha isaaniitiin mandara Yerusaalem keessa jiraachuudhaaf of kennan in eebbisan.
[3] Angafoonni kutaa biyyaa warri Yerusaalem keessa jiraatan kanatti fufanii kan jiranii dha; saba Israa'el keessaa kaan, luboonni, Lewwoonni, hojjetoonni mana qulqullummaa fi ilmaan hojjetoota Solomoon garuu kutaa Yihudaa mandaroota garaa garaa keessa adduma addaan iddoo qabeenyi isaanii jiru in jiraatan.
[4] Ijoollee Yihudaa fi ijoollee Benyaamiin keessaa gar-tokko Yerusaalem keessa in jiraatan; ilmaan Yihudaa keessaa Ataayaa ilma Uziyaa, ilma Zakaariyaas, ilma Amaariyaa, ilma Shefaaxiyaa, ilma Mahalali'el sanyii Faares;
[5] akkasumas Ma'aseyaa ilma Baaruk, ilma Kolhozee, ilma Hazaayaa, ilma Adaayaa, ilma Yoyaariib, ilma Zakaariyaas sanyii Shelaa turan.
[6] Ilmaan Faares warri Yerusaalem keessa jiraatan hundinuu lola kan danda'an namoota dhibba afurii fi jaatamii saddeet turan.
[7] Ilmaan Benyaamiin warra kanatti fufanii jiranii dha; Sa'aaluu ilma Meshulaam, ilma Yo'ed, ilma Phedaayaa, ilma Qolaayaa, ilma Ma'aseyaa, ilma Itii'el, ilma Yeshaa'iyaa ti.
[8] Isa booddees immoo Gabaayii fi Silaayi, walumatti [namoonni lola danda'an] dhibba sagalii fi digdamii saddeet turan.
[9] Yo'el ilmi Ziikrii geggeessituu isaanii ture; Yihudaan ilmi Senu'aa immoo mandarattii irratti geggeessituu isa itti aanu ture.
[10] Luboota keessaa immoo Yedaa'iyaa ilma Yoyaariib, Yaakiin,
[11] Seraayaa ilma Hilqiiyaa ilma Meshulaam, ilma Zaadoq, ilma Meraayotii fi ilma Ahiixub isa mana Waaqayyoo keessatti angafa turee dha.
[12] Obboloonni isaa warri hojii manichaa hojjetan namoota dhibba saddeetii fi digdamii lama turan; isaanis Adaayaa, ilma Yerohaam, ilma Phelaaliyaa, ilma Amzii, ilma Zakaariyaas, ilma Phashhur, ilma Malkiiyaa turan.
[13] Akkasumas obboloonni isaa abboonni qomoo dhibba lamaa fi afurtamii lama turan; isaanis Amashsaayi ilma Azaari'el, ilma Ahazaayi, ilma Mashilemoot, ilma Iimer.
[14] Obboloonni isaanii warri lola danda'an namoota dhibba tokkoo fi digdamii saddeet turan; geggeessituun isaanii immoo Zabdii'el ilma nama guddaa tokkoo ture.
[15] Lewwoota keessaa immoo Shemaa'iyaa ilma Hashub, ilma Azriiqaam, ilma Hashabiiyaa, ilma Bunii turan.
[16] Dura-buutota lubootaa keessaa Shibetaayii fi Yozaabaad karaa bakkee irra adeemanii hojii mana qulqullummaa in ilaalu turan.
[17] Kadhataan galata galchuuf Mataniiyaan ilmi Miikaa, ilmi Zabdii, ilmi Asaaf geggeessituu isa jalqabaa, Baqbuqiiyaan obboloota isaa keessaa isa lammaffaa, Abdaan ilmi Shamu'aa, ilmi Gaalaal, ilmi Yidutuun isa itti aanu ture.
[18] Lewwoonni warri mandarattii ishee qulqullooftuu keessa jiraatan guutummaatti dhibba lamaa fi saddeettamii afur turan.
[19] Akubii fi Xalmoon warri karra eegan obboloota isaanii warra akkuma isaanii karra eeganii wajjin namoota dhibbaa fi torbaatamii lama turan.
[20] Saba Israa'el keessaa kaan, luboonnii fi Lewwoonni warri hafan, mandaroota Yihudaa hundumaa keessa adduma addaan iddoo dhaalli isaanii jiru in jiraatan.
[21] Hojjetoonni mana qulqullummaa garuu gaara Ofeel gubbaa in jiraatan; Ziikaanii fi Giishphaan hojjetoota mana qulqullummaa sana in hojjechiisu turan.
[22] Uzii ilmi Baanii, ilmi Hashabiiyaa, ilmi Mataniiyaa, ilmi Miikaa Yerusaalem keessatti geggeessituu Lewwootaa ture; ilmaan Asaaf keessaa warri faarfatoonni hojii mana qulqullummaa keessaa hojjechiisaa turan.
[23] Qoodni guyyaa guyyaatti warra faarfatootaaf kennamuun ta'u akka kennamuuf mooticha biraa abboommiin ba'ee ture.
[24] Mootichi saba sana wanta ilaalu hundumaa karaa Fetaahiyaa ilma Meshezaabi'el isa qomoo Zeraa ilma Yihudaa sanaa in hojjeta ture.
[25] Karaa gandeenii fi lafa naannoo isaanii jiranii immoo, ilmaan Yihudaa keessaa gar tokko Kiriiyat-Arbaa fi gandeen isaa, Dhiibonii fi gandeen isaa, Yiqaabzii'elii fi gandeen isaa,
[26] Yeshu'aa, Molaadaa, Bet-Phaalex,
[27] Hazarshu'aal, Bersheebaa fi gandeen isaa,
[28] Siiqlaag, Mekonaa fi gandeen isaa,
[29] En-Rimoon, Zaarii'aa, Yaarmut,
[30] Zaano'aa, Adulaamii fi gandeen isaa, Laakiishii fi lafa naannoo isaa jiru, Azeqaa fi gandeen isaa keessa in jiraatan; isaan biyya Bersheebaadhaa fi dachaa Hiinom gidduu jiru keessa in jiraatan.
[31] Ilmaan Benyaamiin warri Gebaadhaa dhufan immoo, Miikmaash, Ayyaa, Bet'elii fi gandeen isaa,
[32] Anaatot, Nob, Anaaniiyaa,
[33] Hazoor, Raamaa, Giitaayim,
[34] Haadiid, Zebo'iim, Nebaalaax,
[35] Lod, Onoo dachaa warra waan adda addaa bifa itti baasanii tolchanii keessa in jiraatan.
[36] Lewwoota keessaa hirmaanni Yihudaa gar-tokko kutaa isa kan Benyaamiin keessa in jiraatan.