Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:44

[1] Gara keessan dhufiis kiyya kun yennaa sadeesso’oo ti; akkuma Barreeffam Woyyichi jedhu, «Himannaan marti dhugaa baatota lamaan yookin sadiin mirkanootti».

[2] Ani yennaa lammeesso’oo isin ilaaliisaaf dhufee isin woliin jiru, isin ifi eegachiiseera. Ammalle fagoo jiraadhee, worra tanaan qara cubbuu hujee fi worra dhibiille ifi eegachiisa; amma yennaa gara keessan deebi’ee dhufu eennulle hin hilu.

[3] Isin ka ana keessa jiraatee dubbatu Kiristoos akka te’e mirkaneeffatiisaaf barbaaddan; ka isin keessatti mudhatulle hunna isaati malee, dadhabbii isaatii moti.

[4] Inni fannooo gubba’atti fannifamee ka du’e dadhabbi’iin te’ulle, amma hunna Waaqaatiin jiru’uun le’a; nuutille isa woliin dadhaboolee teeneerra; tokkummaa isin woliin qannuun ammoo, isa woliin hunna Waaqaatiin leena.

[5] Dhugeeffanna’aan akka jirtanu beekiisaaf ifi qorqora’a; haga ifi ilaala’a; Yesuus Kiristoos akka isin keessa jiru hin hubannee? Yoo akkas hin te’in haga ilaallatamaan jiddaneertan jechu’u.

[6] Nuuti haga ilaallatamaan akka hin jigin hin beettan jedhee addadha.

[7] Waan hantuu akka isin hin hunye, gara Waaqa daadimanna; wonni daadimannuufille nuuti haga ilaalcha taruu dhannee yoo dhagganne, isin yennaa maraa waan dansaa akka gootanuuf malee, haga ilaalcha tariisa keenna mudhisiisaafii moti.

[8] Nuuti dhuga’aaf hunya malee, waan dhuga’aan mormu tokkolle hujiisaaf hin dandeennu.

[9] Nuuti dadhaboolee teenee, isin ammoo jajjaba yennaa teetanu hin gammanna; nuuti akka isin mijuu teetanu daadimanna.

[10] Ani waan kanaaf, adoo fagoo jiruu ergaa tana isiniif barreesse; akka kanaan gara keessan yennaa dhufu, baallii Goottaan anaaf kenneen ila isinitti hin jabaadhu; Goottaan baallii anaaf ka kenne akka isin ijaaruuf malee, akka isin diiguufii moti.

[11] Obboleeyyan tiyya! Yoona nageyaan tee’a’a; leetoo teessan sirreeffadha’a; gorsa kiyya dhage’a’a; wolii gala’a; nageyaan le’a’a; Waaqi jaalalaatii fi nageyaa isin woliin hin jiraata.

[12] Sunqata woyyichaan wol sunqataa nageya wol fuudha’a.

[13] Kolbaan Waaqaa marti nageya isinii dhaanteerti.

[14] Badhadhi Goottaa Yesuus Kiristoosii, jaalalli Waaqaa, tokkummaan Ayyaana Woyyichaalle isin duudii woliin jiraattu.

2 Qorontoosii — Chapters