[1] Waaqi marartii ifiitiin tajaajila kana waan nu’uu kenneef addii hin kutannu.
[2] Nuuti waan dhossa’aa fi fokkisiisaa te’e lakkinneerra; maltumma’aan hin hunyu; Jecha Waaqaalle hin micciirru; addee akkasii dhugaa ifatti baannee mudhinna; ifille wodanaa nama maraatiif fuula Waaqaa duratti ifa goona.
[3] Oduun Gammadaa ta nuuti lallannu yoo gollantelle, worra baduuf gollante.
[4] Bulchaa biyya lafa tanaa ka te’e Seexxanni qalbii worra hin dhugeeffannee jaanseera; inni Oduu Gammadaa ta ulfinna Kiristoosii isaanii issitu, ta bifa Waaqaatiin mudhatte akka isaan hin dhaggine godheera.
[5] Nuuti Yesuus Kiristoos Goottaa akka te’ee fi nuutille marroo isaatiif tajaajiltoota teessan akka teene lallabaarra malee, marroo teennaa moti.
[6] Waaqi, «Ifi dukkana keessatti ifuu ti» jedhee dubbate, ifa beekkunsa ulfinnna ifii ka fuula Kiristoosii irraa mudhatu, gadhaa keenna keessatti akka ifu godhe.
[7] Ammoo hunni waan duudii irra caaltu tun, Waaqa irraa malee nu’u irraa akka hin te’in akka beekkamuuf karra ayyaantittii tana akka okkotee faaraa teenee qabanneerra.
[8] Karaa maraan hin rakkanna, ammoo hin injifatannu; yennaa hedduu waan goonu hin wollaalla, ammoo addii hin kutannu.
[9] Miidhaan nu’u irra hin geya, ammoo jaalota dhannee hin beennu; dhowannee hin jinna, ammoo hin duunu.
[10] Jiruun Yesuusii nafa keenna irratti akka mudhatu, yennaa duudii du’a isaa nafa keenna irratti ba’annee deddeenna.
[11] Jiruun Yesuusii nafa keenna ka du’u irratti akka mudhattuuf, nuuti worri jirruuyyuu marroo Yesuusiitiif yennaa mara du’aaf dabarfannee hin kennanna.
[12] Maarre nuuti yennaa maraa afaan du’aa jirra, isin ammoo afaan jiru’u jirtan.
[13] Teetuu malee Barreeffama Woyyicha keessatti, «Ani dhugeeffadhe; tanaaf dubbadhe» akkuma jedhante, nuutille ayyaanuma dhugeeffanna’aa san waan qannuuf hin dhugeeffanna. Sababa kanaaf hin dubbanna.
[14] Waaqi ka Goottaa Yesuus du’aa kaase, nu’ulle Yesuus woliin akka kaasuu fi isin wolille’een ifi duratti akka dhikeessu hin beenna.
[15] Akkuma badhaadhi Waaqaa irra caalaa fakkanaa worra hedduu dhaqqabaa deemuun, worri ulfinna Waaqaatiif galata dhikeessu akka heddatuuf tun duudiin isiniif teete.
[16] Tanaaf addii hin kutannu. Nafi keenna ka gubba’aa dulloomaa dadhabaa jiraatulle, nafi keenna ka keessaa guyyuma guyya’aan hin haareffama.
[17] Rakkoon teenna diqqo’oo fi ta haga yenna’aa tun, ulfinna guddaa bara baraa ka haga hin qanne akka dhaggannu nu gooti.
[18] Nuuti ka eegannu waan hin mudhanne malee, waan mudhatuu moti. Wonni mudhatu ka haguma yenna’aa ti; wonni hin mudhanne ammoo ka haga bara baraa ti.